Jijjiirama Caasaa ADWUI:Adda Dimokraatawaa Warraaqsa Uummata Itoophiyaa (ADWUI)n

Above Single Post

Jijjiirama Caasaa ADWUI:

Adda Dimokraatawaa Warraaqsa Uummata Itoophiyaa (ADWUI)n adda paartilee afuriin ijaarameedha. Caasefammin adda kanaa rakkoolee baay`ee akka qabu miseenson addichaa amanuun jijjiirama caasa godhuuf yeroo dheeraaf mariirra akka turan dubbatamaa ture.

Yoo xiqqaate rakkoo gurguddoo ADWUI lama kaasun ni danda`ama. Maqaan dhaabichaa “Adda Dimokraatawaa Warraaqsa Uummata Itoophiyaa” yaa ta`u malee ADWUIn dhaaba ummatoota Itoophiyaa bakka bu`us hin ture kan sirna dimokraas hordofus hin ture.

Akkamitti jedhaa:

1) Adda ummatoota Itoophiyaa yaa jedhu malee nannoolee saglan biyyatti keessa ADWUIn shan hin hammatu. Paartilee naannoo shan bakka bu`an deeggartoota ADWUI jedhamanii waggaa 27f ala turan. ADWUIn bakka bu`insaa tokko malee dhimma sabaaf sablamoota sanaa irratti murteessaa ture jechuudha.

2) Adda dimokraatawaa yaa jedhu malee ADWUIn sirna dimokraas bakka bu`insaa hin hordofu ture. ADWUIn ummata Tigraayi miliyoona 6 ta`uuf ummata Oromoo miliyoona 40 ta`u waluma xiqa koree hoji raawwachiistuu keessati nama 9n bakka buusee murtoo kenaa ture. Kana jechuun akka ilaalcha ADWUIti namni naannoo Tigraayi 1f namni naannoo Oromiyaa 7 walxiqa ture jechuudha.

Kanaraa kan ka`ee caasaan ADWUI amma jiru kuni jijjiiramuun waan filannoo biraa hin qabneedha. Yeroo dhihoodha asi ADWUIn adda irraa gara paartiit of-jijjiiruuf oduu jettu dhagaa turullee qaamni dhimmi kuni ilaalatu dhiyaatee ummataaf yeroo ibsa kennu hin mullatu ture. Haala kana keessaa namni dhuunfas ta`ee jaarmiyaan adda addaa waan kana karuma itti fakkaaten hiikun ummata burjajjii cimaa keessaa galchanii turan. Kaleessa Obbo Fikaaduu Tasamaa dhimma kana irratti ibsa kennuun isaan turulee waan gaariidhan jedha.

Ani ammas akka nama tokkooti jechoota “Wuhidet” “Tokkomisuu” “Walitti Baqsuu” jedhan fayyadamuun sirrii mitin jedha. Jijjiiramin caaseffama ADWUI garuu akkaan barbaachisaadhaa fayiidaa gurguddoos ni qabataa. Wantoota Obbo Fikaaduun kaase keessaa sadan takka kaaseen kaan akka caqastan isniif dhiisa:

Sadarkaa Biyyaati:

1) Federaalizimiin dhugaa biyyati keessati akka diriiru godhuuf caasan ADWUI jijjiiramuu qaba. Caasaan haarofti kuni immoo uummatoota Itoophiyaa hunda ykn paartii sabaaf sablamoota bakka bu`an hammachuun bakka bu`insii sirriin akka jiraatu, sabaaf sablamoon dhimma isaan irratti akka murteessan, ofiin akka of-bulchan haala mijeessa jechuudha. Rakkoo tokkooffaa gubbaati kaase san deebsa jechuudha.

Sadarkaa Oromiyaati:
2) Oromoon akka baay`ina isaati bakka bu`insa akka qabaatu godha. Sirni dimokraas bakka bu`insaa (representative democracy) akka hojiirra oolu godha jechuudha. Kuni Oromoo qofaaf miti sabaaf sablamoon hundi akka lakkoofsa isaanti akka sagalee qabaatan godha. Rakkoo lamaffaa gubbaati kaase san deebsa jechuudha.

3) Afaan tokkoo oli akka Afaan hojii mootummaa federaala ta`u godha. Haala kanaan Afaan Oromoo Afaan hojii mootummaa federaalaa akka ta`u godhaa jechuudha.

Namni tokko tokko Oromummaan waan dogoggoruun wal hin beekne fakkeesu. Gaafa namni tokko waan gaarii hojjete Oromokoo, firakoo, hiriyaakoo, boona keenya, sabboona keenya, goota keenya, hayyuu keenya jennaan. Gaafa namni sun dogoggoremmoo Oromoo miti, nafxanyaadha, gantuudhaa, basaastudha kkf jenna.

Amma warrumiti gaafa OPDOn ODPti maqaa jijjiiratu jimma deemanii dhiichisaa turan, warrii Hawaasaa bu’anii murtee raggaasisaa turan namoota waan kana hunda keessati qoda tokkollee hin qabneen ati ODPdha, ati ODP deeggarta yoo jedhan arguun rakkoon kan ODP qofa odoo hin taane yoo xiqqaate akka sabaati of-ilaalu akka dadhabne mullisa. San irraammoo darbee warri duraan jala kaacha ture fedhii dhuunfaf akka turees mullistuu gaariidha natti fakkaata.

Birhanu M Lenjiso



This is why I don’t trust these chauvinist wearing አረንጓዴ ቢጫ ቀይ Mask!!

Obang Metho

Below Single Post