Site icon Kichuu

Janaraal Asaaminew Tsiggee eessa jiru?

Janaraal Asaaminew Tsiggee eessa jiru?

Naannichatti ittaanaa Itti gaafatamaan Biiroo ijaarsa nageenyaa fi uummataa Obbo Gadabee Haayilu BBC’tti akka himaniitti, Asaaminew eessa akka jiran hinbaramne.

Sanbata aanga’oonni naannichaa wayita walgahiirra jiranitti Janaraalichi humnoota hidhataniin dabaalamee gara walgahichaatti ol seenuun jalqaba dabaaltota preezidaanticha irratti dhukaasa erga bananiin booda, itti aansuun aanga’oota walgahicharra turanitti dhukaasuun namoonni lama du’u, kaan miidhamuu dubbatan Obbo Gadabeen.

”Haleellichi haala cimaan kan qindaa’eedha” kan jedhan Obbo Gadabeen, waajiraalee nageenyaa, poolisii, Preezidantii fi waajira ADP irratti haleellaa raawwachusaanii himaniiru.

”Nuf haleellichi kan hin eegamiin ture” kan jedhan ittigaafatamaan kun, tibba sanatti yeroo humnootiin nageenyaa naannicha to’achuuf yaalii taasisanittis Birgaarad Janaraal Asaaminew, akka miliqan ibsanii, Preezidantichaafi gorsaa isaaniiin alattis dabaaltoonnis kan ajjeefaman ta’uu himan.

Haala amma jiruun lakkoofsi namoota ajjeefamanii adda bahee akka hinbeekamnes dubbataniiru.

Magaalaa Baahir Daariitti haalli kan tasgabbaa’e fakkaatus ajjeechaa raawwatameen walqabatee garuu naasuun uumamuu himaniiru Obbo Gadabeen.

”Preezidaantichi nama halkaniifi guyyaa warra kaaniif hojjatu turan. Haala akkanaatiin galaafatamuunsaanii baayyee nama gaddisiisa, jechuun BBC’tti himaniiru.

BBC News Afaan Oromoo


Oduu Ammee

Birgaadiyeer Janaraal Asaaminew Tsiggee ajjeefaman.

”Fonqolcha mootummaa” fi haleellaa aangawoota waraanaarratti raawatame qindeesaniiru jedhamuun kan shakkaman qondaalli kun, qarqara magaala Bahirdaaritti rasaasa poolisiin ajjeefaman.

Yaaliin kun fashaluun booda, miliqaanii akka ture kan himameef hoogganaan biiroo nageenyaa naannichaa kun, bara 2008 yaalii fonqolchaan himatamanii hanga waggaa darbe hiikamanitti hidhaa turan.

Yaya Beshir

Ajjeechaa Qondaaltota Mootummaa fi Haala Yeroo

Oduu Ammee: Asaamminoo Tsiggee rukutame.

Ibsa Obbo Lammaa Magarsaa

OMN: Naannoo Amaaraatti yaaliin fonqolcha Mootummaa? (Wax,23,2019)

Exit mobile version