Jala Bultii!!! Guyyaa WBO!!! Guyyaa eenyummaa Gootota Oromoo.

Jala Bultii!!! Guyyaa WBO!!! Guyyaa eenyummaa Gootota Oromoo.

Jala Bultii!!!
Guyyaa WBO!!!
Guyyaa eenyummaan Oromoo,
Rasaasa keessaan mul’ate
Guyyaa haqni ilmaan haqaa,
Afaan baasee dubbate!
Guyyaa gootni wal yaamee,
Zinnaara mudhii mare
Guyyaa irbuun jabaatee,
Dhaloota sammuu qare!!!
Guyyaa xiiqiifi murannoo,
Ijaarsa gatii gumaa
Guyyaa qalbiin hubannoo,
Kaayyoo tokkicha kumaa!!
Guyyaa jaallan qa-qaalii,
Adda adda ba’uu didan
Guyyaa irbuu shinniggaa,
Dhiigaan tokkummaa fidan!!
Sanyiin obsaafi amilee,
Laphee dhalootaa dhaalee
Guyyaa sabni tokkomee,
Addaa addummaa haale!
Guyyaa sarbamuu nagaa,
Gooticha of hubate
Guyyaa shiftaan alagaa,
Rasaasa WBOn gubate!
Guyyaa dungoon haqaa,
Yaadannoo seenaaf ife
Guyyaa duumessi qabsoo,
Bilisummaa Oromoo tiife!!

Ummanni Oromoo,qeerron bilisummaa Oromoo fi gootonni Oromoo warra falma irra jirtan Baga Jala bultii amajjii 1/2021 fi guyyaa yaadannoo WBOtin isin gahe ittiin nu gahe.
Barri Kan irbuu itti haaromfannee bilisummaa fi birmadummaa Saba keenyaa itti mirkaneeffannu nuuf haa ta’u.
Oromia shall be free!!!!!


Lixa shaggar Ambootti Tarkaanfii WBOn fudhachatti jiru akkuma itti fufetti jira.
 
Irree fi gaachanni ummata Oromoo WBOn Zoonii G/galaa lixa shaggar keessa sosso’u halkan edaa (30/12/2020) sa’aatii “8:40 local time” Aanaa Amboo Naannoo #Shammaa jedhamutti humna weerartuu waraana bilxiginnaa sakatta’insaaf joortu irratti haxxee hidhuun haleeluun du’aa fi madoon adabee jira. Tarkaanfii humna weerartuu PP irratti fudhatame kanaan humni diinaa bittinnooftee ollaa uummataatti baqachuu ishee eeruun hawaasa naannichaa irraa arganne ni addeessa. Haaluma kanaan reeffa fi madoo ishee guurrachuuf yeroo ammaa humna dabalattee naannoo lola sanaatti socho’aa jiraachuus odeessi jiru ni ibsa.
 
Amajjii 1 kabajuun cinatti qaanqee rasaasa jaal Elemoo Qilxuu furguggise dachaan diinatti roobsaa Sirna cunqursaa fi saamichaa dhanamsiisuun Oromiyaa walabaa ijaaruuf #Lolli bilisummaa jabaatee kan itti fufu ta’uu ajajaan Zoonii Giddu galaa Jaal Sanyii Nagaasaa ibsanii jiru.
WBOn Wabii Sabaa haa lalisu