Itoophiyaa: Humni addaa yaaddoomoo wabii nageenya naannooleetii?

Itoophiyaa: Humni addaa yaaddoomoo wabii nageenya naannooleetii?

Itoophiyaatti naannooleen poolisii humna addaa mataasaanii baayinaan hundeeffachuu erga eegalanii bubbulanilleen, erga yeroo dhihooyiitiin as garuu haala raayyaa idilee fakkaatuun leenji’aafi ijaaramaa jiraachuutu himama.

(bbcafaanoromoo)-Kanaan walqabatees gaaffiin poolisii humna addaa haala kanaan ijaaruufi hidhachiisuun bobbaasuun balaa qabaataa? Ofii bu’uura seeraas qabuu? kan jedhu wayita ka’u ni dhagahama.

Gama biraatiin ammoo kanneen bu’aa poolisiin addaa qabaatu xiyyeeffannaa keessa galchuun nageenya ummata naannoo tokkoo eegsiisuuf poolisoota idileetiin alatti humni addaa kun gumaachaa olaanaa qabaachuu mala kan jedhanis ni jiru.

Ofii Itoophiyaatti haalli hundeeffama poolisii human addaa maal fakkaataa?

Aminasitii Internaashinaal Gaanfa Affriikaatti qorataa dhimmoota mirgoota namoomaa kan ta’e Obbo Fissahaa Takilee, humni addaa kan biyyattii keessatti hundaa’ee ALI bara 1988ttii poolisii addaa naannoo Somaalee ta’uu dubbatu.

”Humni addaa kunis kan hundeeffaame wal waraansa Adda Bilisa Baasaa Ogaadeen (ONLF) waliin tureenidha. Isaan booda ammoo Naannoolee Oromiyaafi Amaaraatti achiinis naannoolee biraattis adeemsichi babal’ate,” jedhu.

Dhalataa Naannoo Somaaleefi miseensa mana maree ummattootaa marsaa lamaa kan turan Obbo Jamaal Dirii Haaliis, kana dura haala ijaarama poolisii addaa Naannoo Somaalee ilaalchisuun BBC’tti akka himaniitti kan caaseefaman riphe loltoota to’achuuf ture jedhan.

”Humna ONLF naannicha keessa socha’u balleessuuf raayyaan ittisa biyyaa yaalii taasisuulleen fiixaan hin baanee,” kan jedhan Obbo Jamaal, raayyaan naannichatti bobba’ee ture aadaafi afaan naannichaa waan hin beekneef riphee loltoota siviiliin adda baasuuf rakkate ture jedhu.

Bara 2007tti haalli adeemsa siyaasa naannichaa tureen uumamuu kan dubbatan Obbo Jamaal, ”ONLF lammiilee Chaayinaafi Itoophiyaa barbaacha boba’aa irratti hirmaataan turan 70 ajjeesse. Kanaanis mootummaan Federaalaa ONLF irratti tarkaanfii cimaa fudhachuuf ka’e,” jedhu.

Kanaafis falli gaariin dargaggoo naannichatti hojii dhabdoota ta’an leenjiisuun hidhachiisuun ONLF irratti bobbaasuun sochii riphee loltootaa to’achuu akka ture Obbo Jamaal ni yaadatu.

Bu’uura seeraa hundeeffama humna addaa

Dhimmoota ijaarsa humna addaa waliin ka’an keessaa tokko bu’uura seeraasaati. Heerri Itoophiyaa keewwata 52 aangoofi itti-gaafatamummaa naannoolee labsa.

Keewwaticha kana jalattis naannoolee humna poolisii naannoosaanii ni ijaaru, ni hoogganu, nageenyaafi tasgabbii naannosaanii ni eegsifatu jedha.

Haata’u malee, keewwatichi hiika adda addaatiif saaqaa ta’u Yunvarsitii Finfinneetti barsiisaa Mirgoota Namoomaafi Federaalizimii Dr Sisaay Mangistee ni dubbatu.

”Poolisii idileetiin alatti naannooleen poolisii biraa akka ijaaraniifi bobbaasaniif ni hayyama jedhanii kan amanan jiru. Lakkii keewwatichi kan jedhu naannooleen poolisiidhuma idileetti fayyadamuun nageenyaafi tasgabbeeaanii akka kabachiifatan kan jedhanis jiru,” jedhu.

Kanaafuu haalli hundeeffama isaa gutummaatti seeraan ala jechuufis ta’e seera qabeessa jechuuf rakkisaa akka ta’e himu Dr Sisaay.

”Guutuummaatti bu’uura seeraa hin qabu jechuunis ykn bu’uura heeraa qaba jechuuf labsiiwwan hanqina iftoominaa qabu,” jedhu.

Mootummaan Federaalaa haala qabiinsa hidhannoofi ijaarsaa irratti imaammata ifaa baasuun keewwata heera mootummaa irra jiru seeraan ibsuu qabaata jedhu Dr Sisaay.

Garuu Itaamaajoor Shuumiin Raayya Ittisa Biyyaa Janaraal Adam Mahaammad dhiheenya TV biyyaaleessaa irratti wayita dubbatan, ijaarsi humna addaa bu’uura seeraa akka hin qabne himan. ”Ijaarsi humna addaa kallattii Heera Mootummaatiin yoo ilaalamee bu’uura seeraa hin qabu,” jedhanii ture.

Humni addaa loogii taasisuu

Dhaabbanni mirga namoomaaf falmu Aminastii Intarnaashinaal erga Itoophiyaatti, keessattuu humna addaa Naannoo Somaaleetti hundaa’ee kaasee sarbama mirgoota namoomaa pooliisoonni humna addaa kun geessisan galmeessa tureera.

Humni addaa tarkaanfii fudhatan irratti loogiin ni hubatama. Sarbama mirgoota namoomaa hedduu raawwatus. Kanaafuu humnootii addaa naannoolee bittinfamuu qabaatu kan jedhanis jiru.

Isaan keessaa tokko Paartii Haqa Hawaasummaa Lammiilee Itoophiyaatii (Izeemaa)dha. Dubbi Himaan paartichaa Naatinaa’el Fallaqaa, ”Poolisii humna addaatiin walqabatee paartiin keenya rakkoon hundeeffamaan walqabsiisa,” jedha. Hundeeffamni isaanii bu’uura seeraa omaa hin qabu jedha.

”Humnichi hundeefamee yoo socho’u hubachuu akka dandeenyeetti, ofiisaa akka eegaa biyyaaleessaa naannoo tokkootti waan of ilaaluutti waan hundeeffameef meeshaa qaama biraa ittiin miidhamu yoo ta’u, nagaafi tasgabbiin akka hin jiraanneef gufuu wayita ta’an hubanneerra,” jedhu.

Obbo Fissahaa Takilee gama isaanitiin tarkaanfii kana dura humnootiin addaa fudhataniin sarbama mirgootaa raawwachusaanii ni yaadatu. Fakkeenyaaf humni addaa Somaalee naannoo Somaaleefi daangaalee naannoo somaaleefi Oromiyaatti sarbama mirgoota namoomaa hedduu raawwachusaanii dubbatu.

Akkasumas, gabaasa dhiheenya Aminisitiin baaseen Humni Addaa Oromiyaas godinaalee Gujii lamaaniitti ”seeraan ala namoota akka ajjeesaniifi manneen akka guban galmeessineerra,” jedheera qorataan kun.

Haaluma walfakkaatuun humni addaa naannoo Amaaraas walitti bu’insawwan bakkeewwan adda addaatti uumaman keessatti hirmaatee akka turee Obbo Fissahaan eeranii, ”Qaama tokko qofaaf looguun miidhaa qaqabsiiseera. Manneen gubaniiru, namoota seeraan ala hidhaniiru,” jedhu.

Humni addaa bittinnaa’uu qabaata

Balleessaa humni addaa qaqabsiisu hambisuuf mootummaan Federaalaa humna addaa naannooleetti ijaaramaniifi hidhatan bittinsuu qabaata jedha Obbo Naatinaa’el Izeemaarraa.

”Humni addaa kan jedhamu diigamuu ykn poolisii idileetti, ykn raayyaa ittisaa ykn poolisii Federaalaatti akka makamuufi achi jalatti akka buluuf irra dedeebiin gaafataa kan turre,” jedha Obbo Naatinaa’eel.

Obbo Fissahaa Aminisitii irraa gama isaanitiin, ”miidhaa mirga namoomaa ballaa waan geesssisaniifi gochaa raawwataniif itti-gaafatamoo yoo taaisfaman waan hin agarreefuu humni kun akka bittinaa’uufi qorannoon barbaachisu akka gaggeeffamuuf gaafannee turre,” jedhan.

Murteessuummaan humna addaa wal nama hin gaafachiisu

Yaadni humni addaa haa bittinnaa’u jedhu gorsaa nageenyaa kan ta’an Birgaadar Jananaraal Haayiluu Gonfaatiif dhimmi fudhatamu miti.

Birgaagadar Janaraal Haayiluun barbaachisummaa humna addaa irratti shakkii hin qaban. Sarabama mirgoota namoommaa humna addaatiin raawwatamaniiru jedhamaniif sababiin rakkina bulchiinsaa malee humna addaa miti jedhu.

Rakkoolee akka humni addaa naannooleetti argamu sarbama mirgoota namoommaa ni raawwatu, loogii ni taasisu jedhuuf, ”Caasaa mootummaa, rakkoolee birokiraasiifi bulchiinsaatii malee rakkina humna addaa miti,” jedhu.

Kanaafis yaada yoo dhiyeessan, ”Humni addaa kan ajajaan socha’u. Naannoolee ykn paartileen humna addaa hoogganan osoo seera hordofuun haaluma heera mootummaa naannooleefi Federaalaatiin hooggananii humni addaa rakkoo hin qabaatu,” jechuun amanu B/J Hayiluun.

Kanaafis akka falaatti kan kaasan, rakkoolee mudataniif, ”olaantummaan seeraa ajajoota raayyaa irratti osoo hojiirra olfamee, humni addaa gama sanaan ni ilaalama,” jedhu.

”Rakkoolee naannoolee tokko tokkootti mudatan akka hin uumamneef ergama humna addaa sirreessuun ni barbaachisa” jedhu B/J Haayiluun.

”Ergamni kennamuuf yoo bade humna addaa qofaa osoo hin taane raayyaanuu baduu danda’a,” jedhu.

Caaseeffamni akkasii kunis Itoophiyaa qofaatti osoo hin taan biyyoota sirna federaalaatiin bulan biraa keessattis akka jiru kan dubbatan B/J Haayiluun, Itoophiyaatti ergamniifi itti-gaafatamummaa humna addaa qulqulleessuufi naamusnifi ilaalcha miseensi ittiin leenji’u keessa deebii’amee ilaalamuu akka qabaatu kaasu.

Osoo Raayyaafi poolisiin Federaalaa jiruu poolisiin addaa maalii umamee?

Tasgabbiinsa dhabiinsaa naannoo tokkootti umamuu poolisiin ykn milishaan caasaa nageenyaa to’achuu yoo dadhabe, poolisiin federaalaa ykn raayyaan ittisa biyyaa gara naannichaa seenuun nagaa kabachiisuuf carraan osoo jiruu humna addaa hundeessuu ilaalchisee yaada adda addaatu ka’a.

B/J Haayilu Gonfaa akka jedhaniitti, hojiin idilee poolisii ittisa yakkaa baramee ta’uu himanii, raayyaan ittisaa ammoo daangaa irra taa’ee diina alaa ittisuudha jedhu.

Haaluma kanaanis ergamni humna addaa humnootii ijaaraman ittisuu ta’uu kaasuun ”poolisiin hojiiwwan tekinikaa xixiqqaa guyyaa guyyaa ta’an raawwata.

Biyya akka Itoophiyaa dachii guddaa qabdu keessatti ammoo humna ijaaramee barbadeessuuf raayyaa ittisa biyyaa daangaa irraa kaasuun sochoosuun baayyee kan baasuu miti,” jechuun barbaachisummaa humna addaa naannoolee himu.

B/J Haayiluun dabaluudhaanis humna ijaaramee hawaasa keessa socho’u to’achuufi barbadeessuuf, raayyaa ittisaatti fayyadamuurra humna addaa, amalaafi yaada hawaasaa hubatu ijaaruun ergamawwan hojiirra olafaman akka fiixaan bahaniif gumaacha olaanaa akka qabaatu himu.

Haala hidhannooo humnootii addaa

Agarisiisa loltummaa dhiheenya kana humni addaa Naannoo Tigraay taasisee tureerratti miseensoonni humna addaa naannichaa meeshaalee waraanaa gurguddaafi kan garee hidhatanii mullataniiru.

Poolisootiin humna addaa naannoolee kaanitis haaluma walfakkaatuun meeshaalee waraanaa hidhataa akka jiran himuun, haaluma ergama poolisoota humna addaatiif kennamuutiin meeshaan waraanaa hidhatan cimaa ta’uu B/J Haayiluu ni dubbatu.

Itaamaajoor Shuumiin Olaanaan Raayyaa Ittisaa Janaraal Adam Mahaammad garuu wayita TV biyyaaleessaatti himaniitti, poolisoonni humna addaa hidhannoo baayyee qabu jechuun hin danda’amu jedhan.

”Humnootiin addaa meeshaa waraanaa olaanaa hidhataniiru yoo jedhamu bitaa natti gala. Sadarkaan hidhannoo jira jechuu baatamulleen, meeshaa waraanaa olaanaa kan jedhame meeshaa garee jechuuf barbaadamee natti fakkaata. Humnootiin addaa naannoolee meeshaa waraanaa garee qaban jiraachuu danda’a,” jechuun gosa hidhannichaa ibsan Itaamaajoor Shuumiichi.