Itiyoophiyaan Qondaala Waraanaa Najalaa Ajjeefte: Sudaan

Itiyoophiyaan Qondaala Waraanaa Najalaa Ajjeefte: Sudaan

(Suuraa faayilii)

Milishoonni Itiyoophiyaa Kamiisa kaleessaa karaa Sudaan waliin wal daangeessuun gama Sudaan keessatti qondaala waraanaa tokko ajjeesanii looltoota hedduu madeessuu isaanii dhaabbatti oduu sudaan kan ta’e Suunaan gabaasee jira.

Karaa gama daangaan magaalaa Al-Qadarif kan seenana milshoonni Itiyoophiyaa kun jedha Suunaan projeektii qonnaa haleeluun humnootii milishaa kanneen mooraa Barkat Noreen keessa turan waliin walitti bu’an jedha.

Dubbii himaan waraana Sudaan akka jedhanti looltoonni hedduun ajjeefamanii kaanis madaa’uu kan ibsan yoo ta’u kanas milishoota Itiyoophiyaa biraa deggersa qabantu rawwate jechuu isaan dhaabbatti oduu sudaan kun gabaasee jira.