Internaashinaal Kiraayisiis Giruup: Ce’umsa Itoophiyaa ‘hadiidarratti’ eeguu

Internaashinaal Kiraayisiis Giruup: Ce’umsa Itoophiyaa ‘hadiidarratti’ eeguu

(bbcafaanoromoo)—Jijiiramni Itoophiyaa keessatti deemsifamaa jiru daandiirraa (hadiida) isaarraa akka hin gorreef mootummaan, gaggeessitoonni siyaasaafi deggartoonni idil-addunyaa wantoota barbaachisu akka taasisan Jaarmiyaan Internaashinaal Kiraayisiis Giruup gabaasa ar’a baase keessatti gaafateera.

Gareen wanta addunyaa keessatti uumamaniifi uumamaa jiru jedhu qoratu kun Itoophiyaa ilaalchisuun gabaasa baase keessatti filannoo dhufu dursee taasifamuu qabu wantota jedhe ibseera.

Gabaasichi jijjiiramni Itoophiyaa keessatti jalqabamee ture biyya keessaafi biyya alaatti kan abdii horee ture ta’ullee haala sodaachisaafi addaan ba’insa fiduu malu uumeera jedha.

Gareen kun akka jedhetti erga Ministeerri Muummee ammaa kun gara aangootti dhufanii booda walitti bu’insa uumameen lammileen dhibbaan lakkaa’aman akka lubbuun darbuuf, kanneen miliyoonaan lakkaa’aman ammoo akka qe’ee isaaniirraa buqqa’an ta’uu agarsiiseera.

Gabaasni kun itti dabaluudhaan, MM Abiy waggoota sodomatti yeroo siquuf qophaa isaatiin biyya bulchaa kan ture ADWUI jijjiiruudhaaf tarkaanfiin isaan fudhatan garaa garummaafi walqoodinsa jiru caalaa akka bal’atu taasisuu akka danda’ullee akeekkachiiseera.


Oduuwwan kunneen hubannoo dabalataaf akka filannootti isniif dhiyaataniiru:

Kanaaf ammoo ministirri muummichaafi deggertoonni isaa tarkaanfiin jijjiiramaa isaan fudhaataa jiran kana gaggeessitoota Oromoo gidduutti, akkasumas gaggeessitoota Amaaraafi Tigirootaa gidduutti muddama jiru tasgabbeessuudhaaf hojjechuu akka qaban yaada dhiyeessa gabaasni kun.

“Muddamni jiru kun itti cimaa adeeman taanaan, filannoon ni gaggeeffama jedhame tursiifamuun barbaachisaa ta’uu akka malu,” eera gabaasni kun.

Ministirri muummichaa erga gara aangootti dhufanii booda tarkaanfiiwwan jijjiiramaa walitti aansuun fudhatan biyya keessaafi biyya alaatti fudhatama akka isaaniif argamsiise kan eere gabaasni garee kanaa, haata’u malee tarkaanfiiwwan fudhataman sirna ture maqsuu keessatti humna mootummaa akka dadhabsiise ibseera.

filannoo baatii Caamsaa dhufu gaggeeffamuuf jedhu kana keessatti ammoo kaadhimamtoonni saba isaanii keessaa dhufan sagalee argachuudhaaf yeroo dorgommii taasisanitti walitti bu’insi uumamuu waan maluuf sodaa qabullee ibseera gareen kun.

Gabaasni Kiraayisiis Giruup kun biyyattii keessatti yaaddoo uumuu malu kan jedhu wantota afur akeekeera.

  • Kan jalqabaa bakka ministirri muumichaa irraa dhufan Oromiyaa kan ilaallatudha. Morkattoonni isaafi kanneen duraan deggertoota isaa turan tokko tokkollee osoo hin hafiin ministirri muummichaa faayidaa naannichaa eegsisuu keessatti caalaa akka hojjechuun irra jiraatutti cimsanii amanu.
  • Gufuun lamaffaa ammoo abbootii siyaasaa Oromoofi Amaara gidduu dhimmoota akka Finfinneefi kanneen biroorratti morkii dhiibbaa uumuudha.
  • Kan sadaffaa ammoo naannolee daangaa gama Amaaraa irraa citanii naannoo Tigiraayitti makamaniiru jedhamanirratti wal gaareffannaafi waldhabdee jirudha.
  • Rakkoon afraffaan ammoo gaggeessitoonni Tigraay sirni ijaaraniifi ol-aantummaatiin ittiin bulchaa turan diigamaa jira jechuudhaan mormiin dhiyeessan qormaata guddaadha jedha gaabaasichi.

Misoomaa fi jiruu qonnaan bultoota naannawa Finfinnee

Dabalataanis rakkoon manneen amantaa Kiristaanaafi Masgiidota gidduutti kutaa biyyattii tokko tokkotti uumamaa jirus yaaddoon jiru akka dabaleeru eeruun, haala rakkoo biyyattiin keessa jirtu keessatti kun qormaata dabalataadha jedheera.

Rakkoon biraa gabaasni kun kaase ammoo “sababii falmii ijoo” waltajjii siyaasaa Itoophiyaarra jiru sirna federaalizimii sab-daneessaa warra deggeraniifi morman gidduuttidha.

Paartiin ministirri muummichaa gaggeessan dhiyeenya kana paartileen siyaasaa deggertoota ta’an biroo dabalachuun paartii biyyaaleessaa ta’uudhaaf erga murteessee booda ammoo deggersaafi mormiin akka isaan mudates gabaasni kun addeesseera.

Walitti baquun birokiraasiin mootummaa irra keessaan ADWUItiin qabame keessattillee yaaddoo uumuu akka malu akeekuun tarkaanfiin sun sirna federaalizimii sab-daneessaa hambisuu danda’a kan jedhuun gaggeessitoota Oromoofi Tigiraayirraa mormameera.

TPLF ammaa paartii haaraa kana hanga ammaallee hin fudhanne.

Tarkaanfiiwwan Ministirri Muummichaa akka biyyaatti ‘waliigaltee fiduu malu’ jechuun fudhachaa jiraatanillee mormiin akka isaan mudachaa jiru agarsiiseera gabaasni gareen kun baase.

Furmaatni Maali?

Yaaddoo Itoophiyaa keessatti mul’ataa jiru tasgabeessuudhaaf Ministirri Muummee, mootummaan isaafi deggertoonni idil-addunyaa tarkaanfii fudhachuu qabu jedhullee ka’eera gabaasni kun.

Ministirri muummee Abiy aanga’oonni Amaaraafi Tigiraay marii harooraa isaanii fayyeessuu malu akka gaggeessan dhiibbaa gochuudha.

ODP keessattis ta’e paartileen mormitootaa Oromoo gidduutti garaa garummaa jiru mariyachuudhaan, humnaan osoo hin taane bu’aa filannootiin qofa fala akka argatuuf wal amantaarra ga’uun isaanirraa eegama jechuun yaada furmaataa dhiyeessa gabaasichi.

Dabalataanis, Ministirri Muummee gaggeessitoota Oromoofi Amaaraa gidduutti mariiwwan taasifaman akka itti fufan taasisuudhaan Finfinnee dabalatee yaaddoowwan magaalota gara garaatti mul’atan tasgabeessuun isaaniirraa kan eegamudha jedha.

”Mootummaan rakkoo Tigiraay waliin jiru tarkaanfii harara buusuu fudhachuudhaan himannaa aanga’oota duraanii irraa dhiyaatu akka irra deebiyamee qoratamu taasisuu ni danda’a.”

Gaggeessitoonni Tigiraay ammoo gama isaaniitiin rakkoo daangaa Amaaraa waliin qaban akka fuaraniif kan hundeeffame Komishinii Bulchiinsa Daangaafi Eenyummaa hin fudhannu jedhan akka keessa deebiyanii ilaaluu qabanis ni kaasa gabaasichi.

Dabalataanis gareen kun ministirri muumeefi deggertoonni isaa adeemsa paartii walitti baqsuu keessatti yaaddoo sirni federaalaa sab-daneessaa hafuu danda’a jechuun dhiyaataa jiru of eeggannoodhaan deebii itti kennuu qaba jechuun, Heera Mootummaa irratti jijjiiramni kamiyyu kan taasifamu yoo ta’e qaamoleen isaan ilaallatu martinuu akka keessatti hirmaatan ifatti lafa kaa’uu barbaachisa jedheera.

Gabaasichi akka jedhutti filannoon yeroo qabameefitti kan gaggeeffamu yoo ta’e dursa paartileen siyaasaa ijoo ta’aniifi waldaalee hawaasaa hirmaachisuun walitti bu’insa filannoo duraafi booda uumamuu danda’an hambisuudhaaf mariiwwan taasisuun ni barbaachisa.

Haata’u malee, ”duulli na filadhaa garaa gara qoodamuufi walitti bu’insa uumu kan cimaa deemu yoo ta’e mootummaan morkattoota jajjaboo deggersa gaafachuun filannoon akka yeroo biraatti darbuufi mariin biyyaalessaa akka gaggeeffamuuf gaafachuu qaba.”

Waamicha dhaabbilee Idila addunyaaf dhiyaate

Gabaasni kun yaada mootummaa Itoophiyaaf dhiyeesseen alattis deggertoota biyyatti idil-addunyaatiifillee waamicha dhiyeesseera.

Haaluma kanaan, deggertoonni ejjennoon qabaatan haala yaachisaa qabatamaan lafarra jiru bu’uura kan godhate ta’uu qaba jedheera.

Kanaaf, ce’umsichaaf ifatti deggersa isaanii ibsuudhaan keessaan ammoo qaamoleen hunduu of eeggannoo barbaachisaa akka taasisaniif akka waliif galan taasisuutu isaanirraa eegama jedheera.

Kanaan alattis, ”ji’oota itti aanan keessa haalli siyaasaafi nageenyaa kan hin tasgabboofne yoo ta’e filannoon akka turuuf yaada dhiyeessuu ni danda’u.”

Deggertoonni biyya alaa maallaqa isaan deggersaaf walitti aansuun kennan barbaachisaa ta’uu isaa ibsuun gabaasichi, dhaabbileen dadhaban jajjabeessuudhaaf, caasaa dinagdee jijjiiruudhaaf akkasumas yeroo jijjiiramaa keessatti mufiifi mormii dargaggootaa hir’isuudhaa gargaara.

Jijjiiramni Itoophiyaa keessatti deemsifamaa jiru namoota hedduutti kan abdii hore ta’uu kan eeru gabaasni kun mallattooleen mumullatan garuu aanga’oota jajjabuu duraaniif garuu yaachisaadha jedheera.

Yaaddoon namoota tokko tokkoo kan akka malee arbeeffame ta’ulleen, ministirri muumichaa adeemsa jijjiiramaa irratti of eeggannoo taasisuun deggertoota isaa murteessoodha jedhaman hirmaachisuun akka isaan barbaachisu akeekaniiru.

Dabalataanis, carraaqqii uummatoota Itoophiyaa hirmaachisuuf taasisan jabeessuun hayyoota naannolee walmorman gidduutti mariiwwan akka itti fufan taasisuudha.

Walitti baquun paartiin biyya bulchaa jiruu tarkaanfiiwwan biyyattiin yaaddoo keessa hin galchine qabatamaan mirkaneessan fudhachuufi ammaaf Heera Mootummaafi sirna federaalizimii sab-daneessaa irratti mareewwan idilee taasifaman yeroo biraatiif ol-kaa’uun akka barbaachisu gabaasni Kun yaada furmaataa dhiyeesseera.