Intarneeta Itoophiyaa: Ugguramuun intarneetii diinagdeefi mirga odeeffannoo akkamiin miidha?

Intarneeta Itoophiyaa: Ugguramuun intarneetii diinagdeefi mirga odeeffannoo akkamiin miidha?

(bbcafaanoromoo)—Itiyoophiyaa keessatti yeroo taateewwan rakkoo nageenyaa mudatanii fi waqtii qormaata biyyoolessaatti tajaajila intarneetii fi bilbilaa addaan kutuun irra deddeebiin ni mul’ata.

Tibbanas interneetii fi bilbilli kutaalee lixa Oromiyaa, keessattuu godinaalee Qellem Wallaggaa fi Wallagga Lixaa keessatti addaan cituun ijoo dubbii ta’eera.

Tajaajila intarneetii ugguruun Itoophiyaa keessatti kan baratameefi mirga odeeffannoo argachuu lammiilee kan sarbaa jiruudha jechuun qeequmsi mootummaarratti ka’a.

Sababa interneetiin ugguramuun biyyattiin doolaara hedduu dhabaa akka jirtus ni dubbatama.

Tajaajilli interneetii fi bilbilaa Itoophiyaa keessatti irra deddeebiin addaan cituun dhiibbaa akkamii qabaata?

Tajaajila interneetii uguruu fi mirga odeeffannoo argachuu

Akkaataa Labsii Mirga namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ‘Universal Declaration of Human Rights’ jedhamuutti mirgi odeeffannoo mirga dhalli namaa uumamaan gonfateedha kan jedhan ogeessi seeraa Obbo Milkiyaas Bulchaa, heerri mootummaa Itoophiyaas kanumarraa fudhatame jedhan.

Walii galtee seera Siivilii fi Siyaasaa Idil-addunyaa keewwata 19 jalattimmoo namni kamiyyuu uumamaan mirga odeeffannoo bilisaan argachuu qaba jedha.

Akkaataa keewwata kanaatti namni kamuu odeeffannoo barbaade dhiibbaa fi daangaa tokko malee argachuu, dabarsuu fi barbaaduuf mirga uumamaan gonfateera.

Odeeffannoo kanas afaaniin, barreeffamaan, bifa aartiitiin,ykn miidiyaa barbaadeen argachuu fi kennuuf namni kamuu mirga akka qabu keewwati kun ni kaa’a.

Mirga kanatti yeroo fayyadamnu dirqamni raawwatamuu qabus akka jiru kaa’eera keewwati kun.

Hanga maqaa namaa hin balleessinee fi mirga namaa hin tuqnetti akkasumas hanga nageenyummaa biyyaa fi uummataa hin miinetti dhiibbaan tokkollee mirga kanarra akka hin kaa’amnes eerameera.

Heera mootummaa Federalawaa Dimokiraatawaa Rippaabilika Itoophiyaa keewwata 29/2 jalatti namni kamuu dhiibbaa fi daangaa tokko malee mirga odeeffannoo argachuu fi dabarsuu akka qabu eera kan jedhan Obbo Milkiyaas Keewwati kunis akkuma isa kan idil-addunyaa waan ittiin daangeffame keessaa tokko maqaa balleessii, nageenya biyyaa fi nageenya uummataa isaan ijoodha jedhan.

”Namni tokko karaa interneetii nageenyummaa biyyaa yaaddoo keessa galcha yoo ta’e nama sanatu itti gaafatama malee uummati sababa kanaan adabamuu hin qabu. Uummanni waan hin balleessinetti mirgi isaa sarbamuu hin qabu.”

”Qaamni mootummaa kamuu interneetii uummata bal’aarraa kutuun mirga odeeffannoo argachuu fi dabarsuu uummata sanaa kan sarbu yoo ta’e akkaataa heera mootummaa keewwata 29 fi Walii Galtee Seera Siivilii fi Siyaasaa Idil-addunyaatiin itti gaafatamuu qaba” jedhu Obbo milkiyaas.

Dhibbaa Interneetii ugguruun diinagdee, siyaasaa fi hawaasummaa biyyaarratti qabu

Dhaabbati Itiyoo-Telekoom utubaawwan diinagdee Itiyoophiyaan ittiin boontuudha kan jedhan ogeessi diinagdee Dr Ayyalaa Galaan ”tajaajilli damee kanaa addaan kan ciccitu yoo ta’e diinagdeen Itoophiyaa gitintiraa deema” jedhan.

”Interneetiin daldala keessatti qooda guddaa qaba. Yeroo ammaa daldaltuun bilbilaa fi interneetii malee socho’uun rakkisaadha.”

“Daldalaan wallaggaa kan Finfinnee jir dursee quunnamee oomishaa fi gabaa walsimsiisee hin daldalu yoo ta’e kasaaraa keessa seena. Kasaaraan nama dhuunfaa ammoo ida’amee diinagdee biyyaa miidha” jedhu Dr Ayyalaan.

Tajaajilli interneetii fi bilbilaa ugguramuun sochii hawaasummaa fi siyaasaas garmalee miidha kan jedhan Dr Ayyalaan hawaasni quba walqabaachuuf teeknooloojiin dirqama jedhan.

Sochiin diinagdee interneetii fi bilbila malee hin yaadamu kan jedhan Dr Ayyalaan ”interneetii ugguruu jechuun akka dhiigni qaama keessa hin sochoone dhowwuu waliin walitti fakkeeffama. Dhiigi qaama keessa hin socho’u taanaan namni jiraachuu hin danda’u. Interneetii fi bilbilli hin jiru taanaanis diinagdeen hin yaadamu” jedhan.

Itoophiyaa keessatti wayita rakkoon mudatu lafumaa ka’anii interneetii cufuun kun aadeffatameera kan jedhan Dr Ayyalaan kunimmoo dhiibbaa inni diinagdee biyyaarratti fidu dagachuurraati madda jedhan.

”Mootummaan Itoophiyaa wayita interneetii ugguru balaa inni diingadeerratti fidu hin xiinxalu. Wallaalummaa guddaatu jira. Yeroof murtee kana fudhachuu danda’u. Garuu murteen kun bulee diinagdee biyyattii nyaatee fixa” jedhan.

Investiroonni biyya tokko keessatti hojii investimentii hojjechuuf jalqaba ulaagaan isaan kaawwatan biyyi sun interneetii jabaa kan addaan hin ciccinne qabaa kan jedhuudha jedhan Dr Ayyalaan.

Kanaafuu interneetiin Itoophiyaa haala kanaan yeroo yerootti kan ugguramu yoo ta’e investirootallee biyyattiirraa kutuu danda’a jedhan.

Biyyoota addunyaa diinagdeen isaanii reefuu guddataa jiranii fi waraanaan raafama keessatti rakkootu ugguramuu interneetii fida kan jedhan Dr Ayyalaan Itoophiyaa keessatti garuu beekaa uggurama jedhan.

”Kanaafuu gara fuulduraattillee kan fala ta’u mootummaan Itoophiyaa interneetii jechuun biyyaaf dhiiga qaama keessa naanna’u ta’uusaa hubachuu qaba”

Rakkoo inni ijoon ammoo mootummaan olaantummaadhaan damee telekoomii hoogganuusaati. Osoo akka biyyoota biroo qaamolee dhuunfaatu tajaajila kennu ta’ee mootummaan akka barbaade keessa seenee hin ugguru.

Uummatis kan isaaf filatee itti fayyadama. Fakkeenyaaf ollaa Itoophiyaa Keeniyaa keessatti mootummaan tajaajila interneetii keessa seenee akka barbaade murteessuu hin danda’u. Akkas taanaan uummatiyyuu itti hin dhiisu.” jechuun madda rakkoo ibsu.

Waa’ee ugguramuu interneetii Lixa Oromiyaa hanga yoonaa maal beekna?

ubbaaniyyaawwan utubaa diinagdee Itoophiyaa ta’an keessaa tokko kan ta’e Itiyoo-telekoom wayita murtee tajaajila interneetii addaan kutuu fudhatu sababa isaa irratti ibsa kennuurraa of qusata.

Tibbanas tajaajilli interneetii adda cituusaarratti wayita gaafannu dhiyeenyatti ibsa kennina jechuurraan kan hafe maaliif akka murteen kun fudhatame nutti hin himne.

Mootummaan hojii nageenya eegsisuu bifa addaan humna addaa bobbaasee Lixa Oromiyaa keessatti hojjechaa waan jiruuf tajaajila interneetii fi bilbilaa uggure oduu jedhurratti yaada kan kennan qondaaltonni mootummaa naannoo Oromiyaa dhimma kanarratti odeeffannoo akka hin qabne nuuf kaasan.

Bulchaa Godina Wollaggaa lixaa Obbo Eliyaas Uummataa magaalaa Finfinneetti argannee wayita bilbilaan dubbisnetti guyyoota darban rakkoon interneetii jiraachuu fi waanti haaraan lixa Oromiyaarratti raawwatamaa jiru akka hin jirre dubbatan.

Paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaatti dubbi himaa kan ta’an Obbo taayyee Danda’aa gamsaaniin mootummaan Lixa Oromiyaa keessatti hojii nageenya kabachiisuu hojjechaa jiraachuu fi waa’ee rakkoo interneetiirrattimmoo warra teelee gaafadhaa jechuun yaada kennuurraa of qusataniiru.

Bara 2019 keessa Itoophiyaan wayita qormaati biyyoolessaa ga’uufi waldhibdeen biyyattii keessatti mudatu irra deddeebiin interneetii cufaa turte.

Dhaabbati mirga walabaan interneetii argachuu irratti hojjetu ‘Net blocks’ Itoophiyaan tajaajila interneetii guyyaa tokko adda cituun yoo xiqqaate Doolaara Ameerikaa miiliyoona 4.5 dhabdi jechuun tilmaameera.

Kanaan dura Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad qabeenyaa fi lubbuu uummataa balaa jalaa baraaruuf barbaachisaa ta’ee hanga argametti interneetiin torbee tokkoof achumaan cufamee hafuu danda’a jedhanii turan.

Itoophiyaan Chaayinaatti aanuun Sooriyaa waliin haala walmadaaluun fayyadamtoota interneetii fi moobaayilaa daangeessuun adduunyaa keessatti sadarkaa lamaffaa irratti argamti jechuun kanaan dura dhaabbati dhimma walabummaa fi dimokiraasiirratti quuqamee hojjetu ‘Friidom Haawuus’ beeksiisee ture.