Ilmaan Oromoo Lola Halagaan Karoorse Keessatti Qodaa Fudhatanii Dhumuun Fafa!

Ilmaan Oromoo Lola Halagaan Karoorse Keessatti Qodaa Fudhatanii Dhumuun Fafa!

(Ibsa Ajajaa Ol-aanaa ABO/WBO)

Impaayera itoophiyaa keessatti Oromoon akka Oromootti mataa ol qabatee akka hin jiraannef waggaa dhibba of-duuba hambisanii bituun imaammata habashootaati. Oromoon impayera kana keessatti karaa siyaasa, diinagdee, barnootaa, hawaasummaa fi kkf hacuucamaa fi cunqurfamaa har’a gahe. Habashooti gaafa nagaa akka Oromoon qotee fi tiksee isaan sooru, gaafa lolaa ammoo lolee aangoo isaanii irratti isaan tiksu hawwu. Hawwii kana bakkaan gahuuf ammoo ijoolleen Oromoo kumoota dhibbaan lakkaawaman qawwee itti hidhanii uummataan wal-dura dhaabuun ficcisiisaa jiraatan.

Haala kanaan, ilmaan Oromoo lola halagaan karoorse keessatti qooda fudhatanii lubbuu dhabanii fi qaamaa hir’atan hedduu dha. Bara lola Adawaa irraa eegalee haga har’aatti ilmaan Oromoo lola isaan hin ilaallatnee keessatti qooda fudhatan fayidaan isaan argatan hin jiru. Bara Xaaliyaanii yeroo ‘Nugusichi’ lola irraa dheesse godaane, ilmaaan Oromoo jabinaan lolanii haga lolli addunyaa lammaffaa xumura argatutti falman. Lola addunyaa lammaaffaa booda yeroo Xaliyaaniin injifatamtus HaylaSillaaseen gargaarsa warra Ingliziin aangootti deebihe. Bara Dargii keessattis ilmaan Oromoo hedduu maqaa ‘biherawi’ jedhamuun qe’ee isaanii irraa guuramanii lola sirna gabroonfataa dheeresuu keessatti qooda fudhatanii dhuman. Bara Wayyaanee keessattis ilmaan Oromoo lola obbolaa lamaan keessa seenanii ‘Badime fi Shiraaroo’ keessatti irbaata rasaasaa ta’an lakkoofsi isaanii guddaa dha.

Ilmaan Nafxanyootaa abjuu Oromiyaa dhuunfachuun Oromoo balleessuuf waggaa dheeraa abjootaa turaan milkeessuuf, maxxaannee maqaa Oromootiin of-waamtu tolfachuun saba Oromoo irraatti gabrummaa bara dheeraa itti fe’uuf wixxifachaa jiru. Haala kanaan Oromoo kiyyoo hiyyummaa keessa galchanii jilbeeffachiisuuf, ilmaan Oromoo afaan qawwee itti qabanii doorsisuu, ajjeesuu fi jumlaadhaan hidhuun dhukkuba daddarbaaf saaxilanii cabsuuf yaalaa jiru. Karoora isaanii kanaas fiixaan baasuuf qabeenya uumamaa Oromiyaa ibiddaan gubuu, loon Oromoo qalanii nyaachuu, qabeenya Oromoo saamuu, ooyiruu qonnaan bulaa Oromoo ciruu, qe’ee Oromoo barbadeessuu, ilmaan Oromoo gochaa diinummaa kana duraa dhaabbatan ajjeesanii bineensa nyaachisuu, reeffa isaanii gubuu fi awwaala dhorkuun hojii isaanii guyyuu godhatanii jiru.

Baroota lamaan darban keessattis ummatni keenyi marfama lolaa keessa seensifamee qixa hedduun lolamaa jira. Lola kana kan durummaan geggeessaa jiru ammoo ilmaan Nafxanyootaa kan partii prosperity (PP) jedhamu haguggatanii jirani dha. Lolli adeemsifamaa jiru ilaalchii fi sabboonummaa Oromummaa irratti yeroo ta’u, Oromiyaan dachee lolaa taate jirti. Lola kana kan karoorsu, hoggannu, dhiheessii gosa hundaan kan deggeru ammoo PP dha. Kanneen eenyummaa Oromoo dhabamsiisuu fi Oromiyaa diiguun lafa Oromoo qabachuu, qircachuu fi qabeenya Oromoo saamuu barbaadanis karoora lolaa kana keessatti qooda fudhachaa jiru.

Akeekni lola kanaa inni guddichi ummata Oromoo karaa hundaan laaffisuun gabrummaa keessatti ittisuu dha. Kana cinaatti lafa isaa dhuunfatuun akeeka babal’ifannoo qaban guuttatuufis sababoota dhukkuba daddarbaa Koronaa fi dhimma hidhaa laga Abbayyaa golgaa godhatuun shirri xaxamaa jiru dha. Kana malees ummatni Oromoo loloota kanneeniin qabamee qabsoo walii gala amna gara bilisummaatti fulla’aa jiru laaffisu fi irree ummataa gama hundaan laamshessanii lakkoobsa isaa xiqqeessuu fi Oromiyaa ciranii dhiphisuu dha. Ummata Oromoo bilisummaa isaaf qabsaa’uu mara hiikkachiisuunis karoraa kana keessatti haammatamee jira.

Akeeka kana bakkaan gahuufis gidduu kanaa ilmaan Oromoo qawwee itti hidhanii ibiddatti guuruuf, lolaa daangaan Amaaraa karaa Sudaan xuqame jedhanii, ijoollee Oromoo gara waraanaatti guuraa jiraachuun dhaga’aamaa jira. Haaluma kanaan dabballoonni PP gandoota keessa naanna’anii warri ijoollee dhiiraa lama qabdan tokko diramaaf nuuf kennaa, dirree waraanatti ergina jechaa jiru. Akeekni lola kanaas Oromoo lola isa hin ilaallannetti guuranii fixuu tahuu hubachuun, karoora balaafamaa kana irraa of eeguu fi of tiksuun dirqaama ilmaan Oromoo maraa ta’uu ajajaan ol-aanaa ABO/WBO hubachiisa!
Walumaa galaatti diinni innikkaa sirna faashistii Nafxanyaa kan saba Oromoo bulchiinsa waggaa 60 duratti of-duuba deebisuuf dhama’aa jiru dha. Diinni Oromoo yeroo hundaa Oromummaa dhabamsiisuuf lola wal-irraa hin citnee saba Oromoo irraatti gaggeessaa jira. Sirni kaleessa Oromoo irraatti duguuggaa sanyii rawwaataa ture, har’aas gad-dhaabbatee yakka fakkaataa raawwachuuf tattaafataa jira. Oromoon marti dhimma kana hubachuun diina har’a qe’ee Oromoo qe’ee booyichaa fi gadadootti jijjiiree jiru, sirna ammaa aangoo irraa jiru, PP karaa irraa maqsuun akka feesiisu hubachuu qaba. Kanaafuu, ilmaan Oromoo qawwee halagaa baataa jiran yeroo itti gara mooraa QBOtti deebihan amma tahuu ajajaan ol-aanaa ABO/WBO waamicha dhiheessa! Oromoo ta’anii halagaaf duuluun albee ittiin qalamaan ofiif qopheessuun wal-fakkaata.

Dhuma irraatti WBOn akeeka ilmaan Nafxanyootaa fashalsuuf falmaa uummata isaa wajjiin dhaabbatee wareegama guddaa baasaa, waraana weerartuu hallaattii Oromiyaa sooraa jira. Kanaaf, ilmaan Oromoo Oromiyaa mara keessa jirtan qabsoo Fincila Xumura Garbummaa finiinsuun sirna duubatti hafaa PP of-irraa qaarisuun amna gara bilisummaatti saffisaa jiru of dura oofuu malee lola karoora diinaan wixinamee keessaa qooda fudhachuun fafa ta’uu ajajaan ol-aanaa ABO/WBO beeksisa! Qeerroon Oromoo marti dhimma kana qalebeeffatuun lola halagaan karoorsu keessaa akka qooda hin fudhatne gorsaa, Oromoon karoora mataa isaa fi gaaffii ofii isaaf malee karooraa fi dantaa diinaa guutuuf lola seenuun seenaa xuraawaa ta’uu ajajaan ol-aanaa ABO/WBO akeekkachiisa!

Injifannoo Ummata Oromoof!
Ajajaa ol-aanaa ABO/WBO
Caamsaa 23, 2020

2 Comments

  1. Gidiraa ummata oromoora gaha jiru otuu argu namni qabsoo oromoo cinaa dhabatee hingargarreefi hala aman kana saba Oromoora gaha jiru argee kan dinaa wajjiin hiriira jiru otoo argu kan jaamee otu dhagahu kan dudee nama samuufii onneen ligidaaye,Oromuummaan kan kesa hinjirree duwaadhaa.Kaleesa ilmoo ajjeesani,hadhaa irra tesiisa,hardhamoo hadha,dhalashee fulduratii rasaan rebanii ajjeesaa,maatii dhabamsiisaafii,ijoollee xobbee bor ol gudatuuf manguddoo dhaloota gorsuu dandahu dhabamsiisaa jiru.Sabii kenya,qe`ee saatti,balbalaasaa duratti du`a jira.kana ilaalaa hundiinu calliisa.Abaa tufatan saree jalattii rebuu akkuma jedhame dinniikenya kana argee,obbooleesi obbooleesa biratii,yeroo du`uu,ilmmii abaa durattii,abbaan ilma,obboleesa fi fira birattii yeroodu`uu calliisutuu dinaa onnachiisee qe`ee Oromoo qe`ee rorroo godhee bara baraan qe`ee gaddaafii,maddii imimmaan irra hinqorree ta`ee sabii kenya miraaga namummaa mulqamee akka bineensaattii adamsamee dhignisaa dhangala`aa ola.Kanaaf walliirrattii tumsuun dina garbbumaa nurattii fe`aatee offiraa busuun,nagaafii tasgabbi,sabakenyaafii,dimikrasii dhugaa kan hundduu keesaattii walqixuum maan of argu ijaaruutu,nuraa egama.Dhiga,qeeroofi qarreen akkasumasii qabsaa`oon meeqa,kitima ittii baasanii lubbu itti wareeganii lafee ittii hurreesanii asiin gahan galmaan gahufii imiimmaan sabakenya irraa haquuf yeeroon Oromoon kuma ta`ee akka namtokkottii gamtomee waliin dhaabatu amma.

  2. Gidiraa ummata oromoora gaha jiru otuu argu namni qabsoo oromoo cinaa dhaabatee hingargarreefi hala aman kana saba Oromoora gaha jiru argee kan dinaa wajjiin hiriira jiru otoo argu kan jaamee otu dhagahu kan dudee nama samuufii onneen ligidaaye,Oromuummaan kan kesa hinjirree duwaadhaa.Kaleesa ilmoo ajjeesani,hadhaa irra tesiisa,hardhamoo hadha,dhalashee fulduratii rasaasaan rebanii ajjeesaa,maatii dhabamsiisaafii,ijoollee xobbee bor olgudatuufi manguddoo dhaloota gorsuu dandahu dhabamsiisaa jiru.Sabnii kenya,qe`ee isaatti,balbalaasaa duratti du`a jira.kana ilaalaa hundiinu calliisa.Abaa tufatan saree jalattii rebuu akkuma jedhame dinniikenya kana argee,obbooleesi obbooleesa biratii,yeroo du`uu,ilmmii abaa durattii,abbaan ilma,obboleesa fi fira birattii yeroo du`uu calliisutuu, dinaa onnachiisee qe`ee Oromoo qe`ee rorroo godhee bara baraan qe`ee gaddaafii,maddii imimmaan irra hinqorree tasiisee sabii kenya miraaga namummaa mulqamee akka bineensaattii adamsamee dhignisaa dhangala`aa ola.Kanaaf walliirrattii tumsuun dina garbbumaa nurattii fe`aatee offiraa busuun,nagaafii tasgabbi,sabakenyaafii,dimikrasii dhugaa kan hundduu keesaattii walqixuummaan of argu ijaaruutu,nuraa egama.Dhiga,qeeroofi qarreen akkasumasi qabsaa`oon meeqa,kitima ittii baasanii lubbu itti wareeganii lafee ittii hurreesanii asiin gahan galmaan gahufii imiimmaan sabakenya irraa haquuf yeeroon Oromoon kuma ta`ee akka namtokkottii gamtomee waliin dhaabatu amma.

Comments are closed.