Ijoo Dubbii Adda Bilisummaa Oromoo ABO Kabaja Ayyaana Irreecha Bara 2019 laalchisee.

Ijoo Dubbii Adda Bilisummaa Oromoo ABO Kabaja Ayyaana Irreecha Bara 2019 laalchisee.

Oromoon saba guddaa aadaa, afaan, amantii fi sirna bulchiinsa mata ofii saba qabuudha. Sirni bulchiinsaa, Gadaan bu’ura dimokraasii hammayyaa akka ta’e qorannoon beektotni godhan mirkaneessee jira. Sababa kanaafis, sirni Gadaa Oromoo dhaabbata Idil-Addunyaa kan Barnootaa, Saaynisii fi Aadaatti (UNESCO world heritage) hambaa ta’ee galmaa’e. Oromoon sirnoota biraa kan akka sirna Siinqee (Ateetee), Guddifachaa fi kanneen biroo kan fakkeenya qofa osoo hin taane, hambaalee addunyaa ta’uu mala heddu qaba.

Gita bittootni mootummoota Itoophiyaa guddinna qofa osoo hin taane, jabeenya saba Oromoo waan hubataniif eenyummaa, aadaa, afaanii fi amantii isaa irratti duula guddaa godhaa turan. Aadaa, afaanii fi amantii saba kanaa balleessuuf tooftaan isaan hin godhin jiru. Mootummootni dhufaa fi dabraan Itoophiyaa, seera baafatanii, Oromoon aadaa isaatiin akka hin boonnee fi hin dagaagiffanne cunqursa hammi isaa himamuu hin dandeenyetu saba keenya irratti godhamaa ture. Sirni Gadaa fa’a “aadaa boodatti hafaa” jedhamuun farrajamee, sabni keenya aadaa isa addabaabayitti akka hin kabajane, dhiibbaa cimaatu godhame. Bara afaan Oromoo Raadiyoo cabsa jedhame irraa kaane, har’a sadarkaa aadaan keenya ifatti kabajachuu fi dagaagiffachuu bira kutnee, sadarkaa aadaan keenya hambaa addunyaa ta’e irra geenyee jirra.

Irreechi ayyaanota Oromoon kabajatu keessa guddicha. Guyyaa ayyaana kanaatti, Oromoon Waaqa isa uumeef galata guyyaa itti galchu. Faranjiinis afaan isaaniitiin “Thanksgiving day” jedhanii waggaa waggaatti biyyoota heddu keessatti kabajatu. Ayyaanni kun Oromoof garuu guyyaa Waaqa isaa itti galateeffatu qofa osoo hin taane, haala cunqursaa keessa dabre irraa ka’uun yoo ilaalle, guyyaa diddaa gabrummaa itti mul’isu, guyyaa hafuura Oromummaa itti jabeeffatu, battalti Irreechas battala bilisummaa itti fuunfatan jechuun ni danda’ama.

Kanaaf, Irreechi Oromoof sabboonummaadha; bilisummaadha; eenyummaadha; duudhaadha; aadaadha. Sababa kanneeniifis, Oromoon kallattii hundaa wal waamee tuutaan, sirna cunqursaa sanaf osoo hin jilbiiffatni ayyaana kana Hora Arsadeetti kabajachaa ture. Irreecha yoo yaadannu, ammoo godaanisa yeroo hunda qalbii Oromoo keessaa hin badnetu jira. Innis bara 2016 ayyaana Irreecha Hora Arsadee, Bishooftutti kabajame irratti, Shiftootnii fi jaallotni Wayyaanee lubbuu namoota dhibbaatamaan laakkawwaman al-tokkotti nu jalaa galaafatan. Gubbaan Xiyyaaraan boombii aaraatiin, jalaan ammoo rasaasaan daqiiqota muraasa keessatti lubbuu namoota heddu galaafatanii, heddu Ammoo madoo fi qaama hir’uu taasisanii jiru. Irreechi yoo dhufu bara baraan Oromoon gocha sukkanneessa ilmaan isaa irratti raawwatame kana yaadata. Gochi akkasii sun akka hin deebineef qaamni Mootummaa nageenya eegsisu gaafa duraa qaba jennee amanna.

Gama biraatiin, osoo koloneeffatootni moototni Habashaa handhuura Oromiyaa, Finfinnnee irraa Oromoo hin buqqisni dura, Oromoon Hora Finfinneetti wal gahee ayyaana kana kabajachaa ture. Habashootni bakka Oromoon itti walgahutti, ta’e jedhanii, yoo fedhan mana amantii irratti ijaaratu, yookaanis maqaa misoomaatiin bakka inni itti waaqeffatu irraa fudhatu. Horri Finfinnees shira kana fakkaatuun, Oromoon bakka sanatti akka hin irreeffanne shiraan irraa fudhatame; ni dhorkames. Dhiibbaa, gidiraa fi shirri kun hundi Oromoon qawwee kaasee, dhaaba isaa ABO jalatti of ijaaree, qabsoo akka finiinsu gahee guddaa taphate. Baroota afran dabran keessatti ammoo sochiin qeerroo fi qarreen godhan qabsoo finiinsuun fooyyee amma argame fidee jira.

Sabni keenya fooyyee argame kanatti fayyadamee aadaa fi duudhaa isaa dhabamuu gahe, deebifatee kunuunfachuun dirqama lammii Oromoo maraati. Ayyaanni Irreechaa baranaa kun ammoo seena qabeessa. Ayyaanni baranaa kun qabsoo hadhooftuu ilmaan Oromoo godhaniin turtii waggoota 150 booda yeroo jalqabaatiif Hora Finfinneetti kabajama. Arma dura Oromoon Hora kanatti akka irreeffataa ture seenan ni hima. Dabalees, ayyaanni baranaa kun yeroo Nafxanyootnii fi leellistootni sirna dulloomaa abbummaa Finfinnnee abjootanitti Hora kanatti kabajamuun isaa seena qabeessa isa taasisa. Gocha diina kanas ABOn cimsee akka dura dhaabbatu ibsa.

Galtee shiftootnii fi jaallonni Wayyaanee bara 2016 Bishooftutti ilmaan Oromoo irratti raawwatan kan itti yaadannu ta’a. Finfinneen jaarraa tokkoo oliif alagoomaa, Oromoo buqqisaa, Oromiyaa dhiphisaa, ofii guddachaa magaala asi geette. Magaala tun amma boodaa haadha isii Oromiyaa dhiiba, Oromoo buqqisaa, alagoomaa akka babal’achuu hin dandeenye, foolii Oromummaa keessatti biifuu fi tindhisuu barbaachisa. Amma booda magaalaan tun, alagoomaa, Oromoo dhiibaa, babal’achuu akka hin dandeenye firaa fi diinatti carraa kanatti fayyadamanii himuun murteessaadha.

Kanaaf, ilmaan Oromoo hundi, dhiiraa fi dubartiin, qeerroo fi qarreen, manguddoon, hayyootni, Abbootiin Gadaa fi abbootiin amantii hundi guyyaa ayyaana irreecha bara kanaa irratti argamuun ilmaan Oromoo wareegaman yaadachaa, kan qaama miidhaman ammoo humna qabnuun gargaaraa, Waaqa dukkana keessaa nu baase, ifa nu garsiise galateeffachaa ayyaana kana akka kabajnu Addi Bilisummaa Oromoo dhaamsa dabarsa.

Guyyaa ayyaanaa ummatni keenya wal ijaaruun, nageenya walii eeguun, naamusaan waaqeffatee galuun barbaachisaadha. Oromoon “tika nagaan gale, aannan dhugan’’ jedha mitii ree? Gama biraatiin, sabaaf sablammootnii fi daawwatootni (tourists) biyyoota addunyaa garagaraa irraa ayyaana kana irratti ni argamu jedhamee eeggama. Tuuta kanaaf jaalala Oromummaa kennuunii fi duudha saba keenya hubachiisuun amaanaa lammii Oromoo hunda irraa jiru ta’uu hubachuun barbaachisaadha.
Xumura irratti, ABOn baga gammaddan, baga isiniin gahe jechaa, ayyaanni baranaa kun kan tokkummaa keenya akka utubaa sibiilatti jabeeffannu, kan jijjiirama kana itti tindhifnee, sirna dimokraasii sabaaf sablammootni hundi qixaan itti tajaajilaman itti dhugoomsannu akka nu hundaaf ta’u hawwina. Itti dabalees, ayyaanni kun kan gammachuu, kan guddinaa, kan badhaadhinnaa fi milkii nu hundaaf akka ta’u hawwii keenya dabarsina.
Injifannoon Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)
Finfinnee, Oromiyaa
Fulbaana 19, 2019

Dursaa O Abaadir

እኛ ከምንበዳው አለች Bety 😂 Leencoon Kanaaf natti hin bilbiliin jadheen Lakkas just for fun

Dhimma qeerroo kaleessa dararamaa tureerratti dhaamsi kun na qaqqabeera. Nuuf qulqulleessaa

Lammii Beenyaa


OBN Ful 9, 2012 – Irreechi fedhii dhuunfaa keenyaa oli jedhan Pireezidaantiin Itti Aanaa mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo shimallis Abdiisaa.

Obbo Shimallis Ayyaana Irreechaa bara 2012 kabajamuuf gama hundaan qophiin xumuramuu ibsaniiru.

Adaduma Oromoon injifannoorraa gara injifannootti ce’aa jiruun Finfinnee handhuura isaatti saboota sablammootaafi ummattoota biyyattii garaa garaa waliin kabajuuf qophiin taasifamaa jiru adda isaa taasisa jedhan.

Ayyaanni irreechaa kabajnu duudhaafi eenyummaa Oromummaa homtuu dangeessuu akk hin dandeenye kan itti mul’atu ta’uus himaniiru Obbo Shimallis.

Oromoonni ayyaanicharrattii hirmataanis uffata Aadaa Oromoon faayamuu qabu, saboonnii sablammonnifi ummattoonni biyyattii ayyaanicharrattii hirmaachuuf qopha’aa jiranis Aadaa isaaniin faayamanii ayyaana nagaa,fi jaalalaa kanarratti ni hirmatu jedhan.

Milkaa’ina ayyaanichaaf qeerroofi qarreen akkasumas qamooleen nageenyaa gahee isaani akka bahan dhaaman.Darajjee Gadaatu Gabaase.