Icciitiin Kaayyoo Nafxanyaa (ABN)akka yaadanittimilkaa’uu baatanis raawwitti Jiru.

Icciitiin Kaayyoo Nafxanyaa (ABN)akka yaadanittimilkaa’uu baatanis raawwitti Jiru.

Likkii singalchina jetti kunis!


ICCIITIIN KAAYYOO NAFXANYAA (ABN) BARA DABRE SAAXILAMUUDHAAN AFAAN OROMOOTTI HIIKAMUUN MARSAALEE HAWAASAARRA N’ NAANNAYAA TURE.
KAN XIYYEEFFANNOOTIIN DUBBISEE HUBATE HAGOODHA.
AMMAS DUBBISAA WALIIF DADDABARSAA.
AKKA YAADANITTI MILKAA’UU BAATANIS RAAWWITTI JIRU.


“Sochiin Icciitii Habashootaa (Amaaraa) fi karoora isaanii guutummaan isaa kunooti

“Iciitii of Eeggannoo fi Naamusa Cimaan Qabamuun Irra Jiraatu

Jaallan; bakka jirtan maratti nagaan qabsoo isin waliin haa ta’u. Icitiin kuni of eeggannoon qabamee bakka dhimmi kallattiin ilaallatu qofa daddaffiin akka gahuuf; atattamaanis sabni keenya maal gochuu akka qabu irratti caasaalee sadarkaa gandaa hanga godinaatti jiran waliin mariin akka jalqabu ni taasiftu jedheen abdadha!! Icciitii ol aanaan kun madda qabatamaa irraa argame.

Rifannaa fi Naasuu Habashootaa

Hoogganni Dhaaba ABO guyyaa biyya galetti akkaataan inni itti simatame Oromoof guyyaa gammachuu fi seena qabeessa ta’ee kan darbe yoo ta’u; karaa biraan ilmaan habashoota biratti guyyaa gaddaa fi naasuu akka ta’etti galmaa’ee jira. Haa ta’uu malee jarri nahanii fi gaddanii hin teenye. Borumtaa guyyaa simannaa sana booda; namichi Andaargachoo jedhamu namoota dhiigaan amaara ta’an walitti qabee biyyi xoophi’aa diigamuuf qarqara geessee jirti sodaa jettu erga himatee booda; haala kana akkamiin dura ijaajjanii irra aanuun akka itti danda’amu irratti wal ga’ii fi marii torban tokko ol fudhate erga godhatanii booda; gatii nu gaafatu mara itti wareegnee biyya abbootiin keeyna dhiigaa fi lafee itti wareeganii nu dhaalchisan Oromoo fi Agaamee harkaa baafachuu akka qabnu seenaan nu dirqisiisa ka jettu dhaaddannoo fi murtoo irra gahan jechuu dha.

Hunda dura dhaaba isaan maraache (ABO) attamiin dhabamsiisuun akka danda’amu irratti karoora lafa keeyyatan;

A- Dhaabni kun loltuu qaba jedhee himatu hunda galmeessisee mooraatti akka galchu mootummaa biyya bulchu waliin marii akka godhan; yaada kanas Lammaa fi Abiyyii waliin mari’atanii akka turaniif; sochiin WBO hiikkachiisanii mooraatti galchuus dhiibbaadhuma jarreen kanaan eegalamee; mallattoon xiqqaan erga argamee booda fashaluu isaa; kunis hedduu isaan aarsee akka jirutu dhaga’ame. Kanaanis jarreen lamaan irraa amantaan qaban xiqqaataa fi shakkisiisaa ta’aa akka dhufe himataa jiran.

B- Hogganoota ABO kan waajjira Finfinnee keessa nagaan taa’anii waraana hoogganaa fi geggeessaa jiran callisanii ilaaluun nagaa biyyaatiif siirrii waan hin taaneef akka hidhaman goosifnee hangi tokko erga hidhamanii booda sababaa gahaa malee hiikamanii jireenya nagaatti deebi’uun isaanii nu gaddisiiseera jedhu. Kan jenne hooggana ABO fi deggertoota jajjaboo gandaa hanga guutuu biyyatti jiran akka hidhaatti guuraman ture. Kun hin ta’in hafuun mootummichi Abiyyii fi Lammaan hoogganamu tokkummaa fi nagaa nuti feenu dhugoomsu irratti dadhabbii akka qaban nu hubachiisa jedhu.

C- Gartuun qeerroo jedhamu eenyuun akka hoogganamu hin beekamin malee, uummatootiin xoophi’a yaaddoo guddaa akka irraa qaban himataa jiran. Kanaafis gartuun kun karaa fedheenuu tokkummaa biyya isaaniif yaaddoo waan ta’eef; duulli karaa seeraas ta’e humnaan irratti qindaa’ee diigamuu fi baduu akka qabu; kan dhimmi ilaallatu waliin mari’annus sochii quubsaan hin argamin jira. Qeerroon hiriira bahanii nagaan deebi’anii galuun sirrii miti jedhu; kun ittumaa isaan jabeessa. Maqaa fi Alaabaa tokkumaa xoophi’aa diigu irratti hundaa’anii yammuu sosso’an rukutamuu fi dhiiguu, du’uus qabu. Biyyi isaan maqaa dhahanii ittiin dhaadatan/Oromiyaan/ seenaa keessatti kan hin jirre akka ta’ee fi mootummaan waadaa galee irraanfatuun qeerroon akka humna ta’ee itti fufu gochuun shakkii mootummicha irraa qabnu caalaatti nuuf mirkaneessaa jira jedhu.

D- Qubeen afaan oromoo ittiin barreeffamaa jiru tokkummaa biyyi kun ijaarsa Minilikii kaatee ittiin guddataa dhufte diiguu fi laaffisuu irratti qooda ol aanaa xabatee jira. Dhugaan jiru garuu qubee Aduunyaan nuufi dinqisiifateen/qubee saabaa/ tokkoomnee waliin deemuuf humna akka ta’e itti amanna. Barattoota qubee laatiiniin baratan hagam barattoota qubee keenyaan baratan booda hafanii akka jiran hubachiisaa turre; ammas kanuma jenna. Dhaloota tokko waan fiixa hin baanee fi bu’aa hin fidneen sammuu hadoochuun yakka akka ta’e jala sararree itti himuuf haalli kunis jijjiiramee barattooti martinuu qubee aduunyaan ittiin nu dinqisiifateen akka baratan seeraanis ta’e humnaan irratti hojjechuu qabna jedhu.Kanaaf biyya tokko keessatti qubeen lama kasaaraa fi diigamuu malee bu’aa akka hin qabne; kanaafis filannoo itti adeemnu keessatti uummatni keenya mirga qubee tokkoo fi afaan tokkoon tajaajilamuu akka murteessu irratti hojjetaa jiraachuutu dhaga’amee jira. Osoo qubee bareedaa qabnuu ka ormaatiin barachuu fi ittiin dalaguun hagam boodatti akka nu hambise hubachiisaa jiran. Biyya tokko keessa jiraataa, qubee ittiin walii galan jibbanii kan ormaa filachuun diinummaa fi doofummaa yoo ta’e malee bu’aa inni fide hin beeknu jedhu. Kanaaf qubee Laatin biyya keenya keessa balleesuun dirqama isaanii akka ta’etti dhaadataa jiran.

E- Sirna TPLF uummata afaaniin qoqqoodanii wal irratti kakaasuun itti gargaaramte hundeedhaan buqqisnee sirna daangaa malee waliin ittiin jiraatan hundeessuu gaaffii belbeltuu godhatanii irratti hojjetaa jiru. Federalizmiin uummatni akka waliin hin jiraannee fi waliin hin guddanne taassisee jira. Biyya abbootiin keenya dhiigaa fi lafee itti gabbaranii nu dhaalchisan daangaa itti godhanii as nutti hin darbinaa nuun jechaa yammuu jiranitti Abiyyii fi Lammaan haala kana jijjiiranii xoophi’aa keessa isheetti daangaa hin qabne ijaaruuf waadaa nuuf galan hojiitti hiikamee hin argin jirra. Kanas gatii nu baassise itti wareegnee cabsuu fi irra aannee biyya gaaffii tokko malee kan waloo godhannee keessa jiraannu mirkaneessuu qabna. Kanaafis uummata keenya tooftaanis ta’e humnaan qopheessuu qabna jedhanii sosso’aa jiran.

F- Hoogganni ABO erga Finfinneetti simatamee booda bakka hundatti akka hooggana biyya bulchuutti yammuu simatamu mootummaan kun callisee ilaaluun irra hin turre. Tokkummaa biyya keenyaa tiksuuf ABO Oromoo irraa kutuu fi akka inni oromoo keessa hin sossoone jennee kan waliin mari’anne hojiitti hin hiikamne. Kanaaf gartuu biyya bulchu irraa shakkii qabna.

G- Alaabaa oromoon addatti qooddatee jiru akka alaabaa mootummatti namoota maliyoonaan qabatamee biyya keenya keessa ittiin garmaaman tarkanfiin fudhatame hin jiru. Raayyaa Ittisa biyyaa keessa kan jiran; lammiin amaaraa ta’an bakka adda addaatti gubuu fi warra alaabicha waliin argan garii mana hidhaatti; kaan ammoo ajjeesuudhaan dhugaatti gootota xoophi’aa ta’uu isaanii mirkaneessaniiru. Haa ta’uu uummata Oromoo karoora ABOtiin sammuun summaa’e hamilee cabsuu irratti hojii guddaan akka nu eeggatu hubanna.

H- Finfinneen/Addis Ababaan/ mallattoo tokkummaa biyya keenyaati. Afaaniin adda bahuu hin qabnu. Kanaafuu tajaajiltonni adda addaa afaanuma federaalaan osoo kennamanii wayya jennee kan mootummaa waliin mari’anne hin milkaa’in jira. Magaalaa keenya keessa gartuuleen afaan federaalaatii ala gargaaraman akka jiran ifaa dha. Fakkeenyaaf manneen barnoota afaan oromoo,Manneen Amantii afaan oromoo, manneen daldalaa kan akka baankii,manneen nyaataa, manneen muuziqaa,manneen uffannaa aadaa itti daldalan afaan oromootiin daldalaa akka jiran hubannee jirra. Kun barbaachisummaa afaan federaalaa fi hafuura tokkummaa uummatootaa gadi xiqqeessaa jira. Inni kun nu aarsaa fi yaaddessaa jira jedhu.

I- Abiyyii, Lammaa fi Taakkalaa Uumaa waliin ta’uun; haala qubsuma namootaa/demography/naannaa Magaalaa Addis Ababaa/Finfinnee/ geeddaranii lakkobsaa Oromoo ol kaasuun bu’aa siyaasaa keessaa argachuuf sosso’uu erga jalqabanii bubbulanii jiru. Waraqaalee Eenyummaa baay’inaan raabsuun mirga ol aantummaa Amaarri waggaa 150 ol magaalaa kana irratti qabu diigaa jiran. Magaalaan kun kan hundeeffamte Amaaraan akka ta’ee fi qabiyyeenis kan Amaaraa akka taate, seeraanis ta’e humnaan beeksisuuf jirra.

J- Gartuun Afran Qalloo jedhee of waamu Magaalaa Finfinnee keessatti Konsartii Muuziqaa qopheesse irratti akka waan biyyi isaan Oromiyaa jedhan bilisa baateetti walitti dacha’anii yammuu iyyaa turan mootummaan silaa tokkummaa biyyaatiif dhaabbate jenne abdii irra keenye osoo tarkaanfii hin fudhatin hafeera. Gaafuma sana Alaabaa ABO kan mirmirsaa oolanii fi bulan irrattis tikni mootummaa waan jedhe hin qabu. Kun gar malee nu gaddisiiseer jira.

K- Uummatni Sidaamaa torbanoota muraasa dura hiree Murteeffannaa, “Referendam” jedhee biyya abbootii keenyaa keessatti biyya haaraa bixxiluuf hiriira bahee yeroo gaafatetti mootummaan yaadni kun sirrii miti; biyya keessatti biyya hin ijaarru jedhee jara diina tokkummaa ta’an kana irratti tarkaanfii hin fudhatin hafuun biyyattii kana gara kufaatii fi diigamuutti dhiibaa jirachuu mirkaneessa.

L- Gurraa fi ija uummatoota xoophi’aa kan ta’e sab-quunnamtii/Radioo fi TV/ ESAT irratti ololli sobaa fi jibbiinsaa oofamaa jiraachuun nu gaddisiiseera. Madda quunnamtii kanaan kan morman martinuu diinota tokkummaa keenyaa ta’uu ibsina. Aktivistootas ta’e dhaabbilee yaada dhiphoo irratti of ijaaranii ESATiin balaaleffachuun tokkummaa biyya keenyaa qoraa jiran cimsinee balaaleffanna.

Egaa mootummaan kun akka yaadamee fi gara yaadametti tarkaanfataa hin jiru. Keessumaa uummatni Amaaraa shakkii guddaa keessa galee jira. Amaarri maliyoona 10nii ol ta’u bara minilikii jalqabee Oromoo keessa tamsa’ee jiraachuun ni beekama. Har’a haalli ABOnii fi loltuun isaa itti sosso’aa jiran uummata lammummaan Amaara ta’e yaaddoo fi naasuu guddaa keessa galchee jira. Nuti partiileen uummataa kana tumsinee gaaffii abbaa biyyummaa isaa akka mirkaneeffatuu fi yoo xinnaate naannaa Shawwaa jedhamu daangaa dhaan karaa bahaa hanga Awwaashitti, karaa kibbaa hanga Gibeetti, karaa dhihaa hanga Bakkootti kan jiruu, Finfinnee dabalatee qabiyyee Amaaraa akka ta’eef; nutis adda durummaan kan hoogganaa fi sosso’aa jirru uummata keenya kana humneessinee mirga ol aanaa baroota dheeraaf biyya keenya irratti qabaataa turre bakkatti deebisuuf murannee kaanee jirra.

Kana galii isaatiin gahuufis uummata keenya dhiigaan Amaaraa qulqulluu ta’ee fi amantiin ammoo ortodoksii ta’e bakka jiru maratti karaa caasaalee golee aduunyaa maratti hundeessaa turreen quunnamtii goonee hojii erga jalqabnee bubbulleerra jechaa jiran.

Sochii fi qophiin isaanii maal fakkaata?

1- Nama dhiigaan Amaara fi Ortodoksii ta’uun addatti qoratamee mirkanaa’eef; koreen dhimma kanaaf ijaaramte quunnamtee yaadaa fi yaaddoo uummatni keenya qabu ibsiteefii maal gochuun akka irra jiru erga hubachiifnee booda; dhimmichi dhabamuu fi jiraachuu Amaaraa irratti akka hundaa’e fi iciitiis akka ta’e kakachiisnee sagantaa karoora Amaara badii irra baraaruu fi kaleessa Agaameen; har’a ammoo Gaallaa dhaan biyya nurraa humnaan fudhatame gootummaa abbootii keenya irraa dhaalleen deebifnee humnaan deeffachuu keessatti akka hirmaatuf; gorsa yaadaanis ta’e maallaqaan akka nu cinaa dhaabbatu gochuu. Akka kanaan; namni/maatiin/ karoora kana irratti hirmaachuuf filatame akkuma biyya keessa jiraatuutti yoo xinnaate baatii baatiin qarshi $100+ gargaarsa taassisa. Har’a yoo sirriitti xiinxallee ilaalle Amaarri inni dur sagal hiriira bahee mootummaa abaaru hin mul’atu. Waamicha Dr. Abiyyi guyyaatti $1 guddina biyyaatiif nu gargaara jedhe gaafate kan callisee buusaa jiru jaruma kana. Isaanii mootummaa galateeffatu fi Abiyyii fi Lamma akka ergamoota Waaqayyoo Samii irraa gadi isaaniifi ergeetti; Museen akkuma uummata Israa’el biyya Masri/Gipxi keessaa baasee; Abiyyis nuun nu ceessisa,bakka turrettis nu deebisa; jedhanii sobaan irra keessa ololaa haa jiraatan malee komii tokkollee isaanii dhiheessu dhaga’aa hin jirru. Maaliifi? jedhaa of gaafadhaa. Dhimma callisanii dagachiisu fi kaayyoo fi karoora ol aantummaa eenyummaa isaanii, amantii fi afaan isaanii , akkasumas biyya qubee tokko, alaabaa tokko, biyyaa ofii ishee keessatti daangaa hin qabne, biyya akka dur abbootiin isaanii walitti baqsanii kennaniif sani humnaanis ta’e seeraan bakka isheen turtetti deebisuuf tokkummaa lafa jalaan sosso’aa jiran.

2- Amantiin ortodoksii sochii biyya keessatti gochuuf irratti qopha’aa jiran bakka galii isaa akka ga’u; goleewwan aduunyaa mara kessatti gargaarsa fi deggersa godhamuu malu keessatti ol aantummaa dhaan hirmaataa jirti. Maqaalee miseensota ishee lammiin Amaara ta’anii fi dhimma kanaafis bu’aa guddaa buusuu danda’u jettee kan itti amante adda baasuu dhaan koree dhimma kana qindeessuuf ijaaramanitti gabaasaa jirti. Bakka jiran maratti galii qaban keessaa harka afurtama 40% gumaachanii galii gochuun isaanii beekameera. Dhimmi biyya haadha isaanii /Mother Land/kun hanga galii isaa rukututti waan amantoota irraa argatan keessaa baatii baatiin 40% dabarsanii kennuuf waadaa galaniiru. Kana malees; dhaabboleen amantii kun manneen amaantaa isaanii biyya keessa jiran marti duulaa saganteeffataa jiran kana fiixa basuu keessatti dammaqiinsaan akka hirmaatan, kana jechuunis; meeshaalee waraanaa mana dhuunfaa kaa’uun gaaga’ama waan qabaachuu danda’uuf; bakka kuusaa meeshaalee; qorichaa/daawwaa/ fi midhaan nyaataa fi qophaa’an gosaa adda addaa keessa dhoksuun tajaajilu. Waraana irratti kan miidhaman/madoowwan/ bakkuma amantii kanatti yaaluuf akka saganteeffata jiran beekameera. Kuusaa meeshaalee adda addaa keessa dhoksuuf kan filataman eegumsa/waardiyyaa/ sa’aa 24 akka argatan sagantaa’e jira. Yoo gaafataman, deebiin isaan kennan hattuu taabotaatu bayy’atee jennaan eeggachuuf dirqamne kan jedhu ta’a jechuu dha.

Karoora yeroo gabaabaa fi atattamaa/ Burning and Short Term Plan/

• Hogganoota Dhaabbilee Oromoo mara Gandaa hanga Godinatti jiran Dhabamsiisuu;
• Oromoota baratan dhabamsiisuu; Inni gar fuulduraatti barachuuf jirus, afaan aduunyaan ittiin nu beekuun/Amaariffaan akka baratu cimsinee irratti hojjechuu; akkuma duraan beekame Oromoon tika biyyaa keenyaa fi qotee bulaa dha. Dirqama isaa kanatti gadi deebisuu qabna.
• Hoogganoota Qeerroo fi Qarree Gandaa hanga Godinaatti jiran Dhabamsiisuu;
• Wajjiroota ODP fi Dhaabota maqaa Oromoon sosso’an mara Finfinnee jalqabee kan jiran hojii ala taassisuu; qondaalota dhaabilee irrattis tarkaanfii fudhachuu;
• Qondaalota mootummaa lammiin Oromoo ta’an irratti tarkaanfii fudhachuu;
• Kan Oromummaa Leellisuun /Sirbaa fi Aartiilee gara garaan/ shakkamu hunda irratti tarkaanfii fudhachuu;
• Qubee Laatiin fi Kitaaboolee ittiin barreeffaman bakka argamanitti gubuu;
• Alaabaa Oromoon of tuulummaan baadhatee garmaamuu bakka argamee fi waan argame waliin gubuu, manaa fi makiinaa yookaan qaama namaa irratti daa’immaanis ta’e nama kaan tarkaanfii irratti fudhachuu;
• Manneen Waaqeffannaa Afaan Oromoo Finfinne keessa jiran daaressuu;
• Manneen barnootaa afaan oromoo Finfinne keessa jiran barbadeessuu;
• Naannaa Oromoon keessa qubatee jiru mara keessatti mana barnootaa qubee fi kitaabolee qubeen barreeffaman gubuu fi akka hin jirre taassisuu;
• Tajaajiltoota akka Bankii, manneen nyaataa fi daldalaa Afaan Oromoo irratti hundaa’an Finfinnee keessaa balleessuu;
• Finfinnee keessatti nama afaan oromoo haasa’u irratti tarkaanfii fudhachuu;
• Finfinneen Qabiyyee Amaaraa ta’uu ishee seeraanis ta’e humnaan kabachiisuu;

Karoora Yeroo Dheeraa/Long Term Plan

• Oromoo Hooggansa malee Hambisuu;
• Oromoo Belessuu/Agabsuu/ gargaarsaa adda addaa irraa kutuu;
• Oromoo Iyyoomsuu, lafaa fi qabeenya malee hambisuu;
• Oromoon meeshalee waraana gosa kamiiyyuu akka hin qabanne irratti hojjechuu.
• Oromoo dhukubaan fixuu; kanneen akka Koleeraa fi Eboolaa hoomishanii bakka Oromoon baay’atu keessatti tamsaasuu, burqituwwan dhugaatiif tajaajilan summeessuu;
• Caatii fi buna /madda galii/uummatni kun ittiin nutti boonu barbadeessuu;
• Daldala keessaa dhiibamanii akka bahan cimsinee hojjechuu;
• Abbootii qabeenyaa Oromoo saamuu, qabeenya dhaabbatan qaban barbadeessuu fi isaaniinis dhabamsiisuu;
• Sirna Gadaa uummatni daggala keessa ture ittiin walii isaa araarsuuf itti fayyadamaa jiraate “Sirna Dimookrasii; Aduunyaaf nutu Dimookrasii barsiisee fi kkf” gurra nu dhukubse bara TPLF carraa gosummaan sosso’uu kenniteefiin biyya keenya keessa garmaamaa fi caraanaa turaniif har’as hiriiraanis ta’e galma adda addaa keessatti waan ta’uu hin malle nutti fiduuf yaalaa jiran ni balaaleffanna jedhu. Gadaan akka beeknutti sirna “Boodatti hafaa; Tikfatee bulaan Loonii fi Gaala waliin tikfatu malee, Sirna uumati salaxxane/civilized/ seera godhatee ittiin bulu akka hin taane irratti walii galaa jiran. Uummata Dimookrasiin maal akka fakkaatu hin beekne kana akka isaan baratan gochuun dirqama keenya jedhu. Kanaaf, Gadaas ta’e Abbooti Gadaa maqaa jettuun uummata doofaa homaa hin beekne dhimma biyya keenyaa keessa galanii laaquun akka nurraa dhaabbatu seeraanis ta’e humnaan akka dura dhaabbannu jabeessinee irratti hojjechuu qabna jedhu.
• Tikfatee bulaa beeylada inni qabuu dhukkuboota akka Antraksii fi Rinderpestiin akka harkaa dhuman gochuu;
• Margaa fi bishaan inni horii irra tikfatu keemikaalota bishaanii fi marga summeessuun beekaman biyya oromoo keessa tamsaasuu;
• Walumaa galatti Oromoon waggoota muraasa keessatti lakkoobsaan xiqqaatee uummata abdii hin qabne ta’ee; sadarkaa kadhatee buluutti xiqqaatee akka jiraatu gochuu. Minilik qawwee dhaan isaan mohatee biyya isaanii nu dhaalchise. Nuti ammoo tooftaalee bara Minilik caalaanitti gargaaramnee uummata baay’ina isaatiin of tuulu kana caccabee fi nu gadi ta’ee akka jiraatu gochuun nutti hin ulfaatu jedhu.
• Lafaa fi qabeenya isaa humnaan dhaaluu, bakka turretti deebinee gaanfa Afriikaa keessatti humna hin tochoone gadi dhaabbannee argamuu, Uummata keenya meeshaa waraanaa baachuu danda’u mara dhiira, dubartii, dargaggoo , shamarran, jaarsaa, jaartii, ka baratee fi hin baratin hatattamaan hidhachiisu;
• Erga Oromoo cabsuu mirkaneeffannee booda shiftoota Agaamee Tigrayiin keessa dhokatan; Abiyyi callisee ilaalaa jiru adamsinee qabeenya isaan saamanii baqatan deeffachuu fi hoogganoota isaanii dhabamsiisuu;

Hojiitti bobba’uu fi tarkaanfiilee Karoora Isaanii

Jarreen kun akkuma Oromoo irratti dhaadachaa jiran qophiin isaaniis jabduu akka taate maddi iciitii kanaa ni mirkaneessa. Xiyyefannaan guddichi lafa keeyyatan diina isaanii angafa; uummata Oromoo karaa maraan dadhabsiisuuuu dha. Kanaaf sagantaalee bu’uura qabsoo isaanii naannaa lama irra keeyyatan.

1- Magaalaa Finfinnee
2- Guutuu Oromiyaa

Magaalaa Finfinnee akka handhuura biyya isaanii/Biyya Amaaraa/ fi qabiyyee isaaniitti dhaaddataa jiru. Kanaaf tarkaanfiilee fudhachuuf karoorfataa jiran naannolee lamaan kana keessatti gadi jabinaan gaggeessuuf murteeffatanii jiru.

Magaalaa Finfinnee keessa hidhattoota kuma dhibba shanii ol Qopheessa jiran. Meeshaalee waraanaa bifa adda addaa shugguxii harkaa fi kan kilaashii fakkaatan ilmoo/rasaasaa/ waliin kan yoo dhuka’u wantoota gurgoddoo ittiin gubanii fi daaressan, uffannaa loltuu kan raayya ittisa biyyaa sanii fakkaatu dabalatee kuma dhibbootaan biyya keessaa golee adda addaan galee gara Magaalaa Finfinnee fi Oromiyaatti gadi guuramaa jira. Bakki isaan keessatti walitti qaban ammoo akkuma olitti ibsame manneen amantaa ortodoksii fi namoota magaazanii kanaaf ta’u qaban akka ta’e mirkanaa’aa jira. Namooti hojii kanatti bobba’uuf qophaa’aa jiran warra of eeggannoon ulaagaalee olitti kaa’ame guutanii fi kakuu/irbuu/galanii dha.

Gariin namoota kanaa achuma jiraattota Finfinnee keessaa yammuu ta’an,gartuun biraa ammoo leenjii gahaa erga fudhatanii booda kutaalee biyya Amaaraa keessaa kan dhufanii dha. Amaarri Finfinnee keessa jiraatu tokko namoota dhimma kanaaf qophaa’an lamaa hanga sadiitti; akkuma dandeettii dinagdee fi iddoo qubsumaa gahaa qabutti fira ta’uu isaanii ganda keessa jiraatutti galmeessee namoota seeraan jiraatan gochuuf waadaa gala. Inni kun hojjetamaa jira. Jarreen karooraa kanaaf filataman dirqama mata mataatti bahatan qabu. Nama ajjeesuu yoo ta’e, teessoo mana jireenyaa nama du’u/ bakka dalagaa isaa; yookaan karaa inni gara mana isaattis ta’e bakka dalagaa isaa dhaquuf irra deddeebi’u akka qoratu taasifama. Nama ajjeefamu tokko yookan lamatu ramadamaaf. Namni isaaf ramadame du’uun isaa ennaa mirkanaa’u hamilee isaa jajjabeessuu; tarkaanfii biraatifis akka qophaa’u horiin/ maallaqni/ ittiin bashannau kennamaaf.

Finfinnee keessa gartuuwwan lamatu ijaaramaa jiran.

1- Gaallaa Geday/ Gartuu Oromota akka du’aniifi tarreeffaman irratti tarkaanfii fudhatu/ Gartuun kuni dhadannoo ittiin sosso’u “Gaallaa fi Harree Magaala keenya keessaa qulleessu” kosiin kun lameen Magaala Amaaraa keessa iddoo hin qaban kan jedhuun leenjii tarkaanfiis ta’e qor-qalbii miidhuun irra akka jirantu hubatamee jira. Yeroo nama ajjeesan midiyaaleen kana gabaasuuf qophaa’an akka waan tikni mootummaa isaan ajjeeseetti gabaasu. Deggartoota ABO ta’uun waan shakkamaniif du’aniiru fi kkf ta’ee gabaafama jechuu dha. Miseensi ODPs yoo ajjeefame tika ABO yookaan WBOtu Finfinnee galee jeeqaa jira kan jettuu gabaasuuf jiran jechuu dha.

2- Shororkeessaa Diimaa/ Red Terror; “Qay shibbir”/ Gartuun kuni humna jabaa dhaan sosso’uuf kan leenjii irra jiru yammuu ta’u, wantoota akka Galma abbaa Gadaa, Waajjiraalee Caffee Oromiyaa,Manneen Barnootaa Afaan Oromoo,Manneen Amantii Afaan Oromoo Finfinnee keessatti argaman; manneen nyaataa, manneen daldalaa Afaan oromoon walitti hidhata qaban,konkolattota qabiyyeen oromoo ta’an xiqqaas ta’e gudda, walumaa gala wantoota kan oromoo ta’anii fi oromoon walitti hidhata qaban daaressuu irratti kan bobba’uuf qophaa’aa jiruu dha. Maqaan Shororkeessa Diimaa/Qayyi Shibbir/ jettu bara Dargiin biyya bulchuu jalqabe ilmaan soreyyii fi abbooti lafaa barasii wal gurmeessuun Finfinne keessatti namoota jijjiirama barasii deggeran kamuu irratti tarkaanfii ittiin fudhataa turanii dha. Inni kun kan adda ta’u; xiyyaafannaan isaa ilmaan Oromoo baratanii fi Oromoota qabeenya qaban qabeenya isaanii waliin barbadeessuu ta’a. Obbo Andargachoo Tsigee bara Dargii sana miseensa EPRP/ Ethiopian Peoples’ Revolutionary Party/ akka turee fi muuxanno sochii kanaas/Qayi Shibbir/ nama qabu ta’uutu beekamee jira. Har’a ammoo Oromoota baratanii fi dhaabbilee Oromoo hundaa fi hoogganoota kan ta’an irratti tarkaanfii badii fudhachuuf itti gargaaramuuf qophaawaa jiranii jechuu dha. Kanaan yoo milkaa’an ammoo Oromoo Finfinne keessa afaan Oromoo haasa’u kamuu irratti tarkanfii fudhachuuf abjootaa jiran. Kana malees namni harree oofuu fi harreen isaas Finfinnee akka hin seenne; yoo argames tarkaanfiin irratti fudhatamuu akka qabu ija jabaatanii haasa’aa jiran.

3- Gartuuleen kun lamaan dirqama kana irra jabaatus ni qabaatu; Erga Finfinnee jeequmsaaf saaxilanii Oromoota Finfinnee keessaa qulleessanii booda, yoo haalli dhalatu isaan milkeesse, Mootummaa Abiyyi hundee dhaa Fonqolchuu fi yaalu. Koreen dhimma kana icciitiin hoogganu namoota Raayya Ittisa Biyyaa keessa jiran; Humna Qilleensaa; Poolisii Federaalaa; Kora bittinneessaa fi Tika biyyaattii keessa jiranii fi ulaagaalee amaarummaa fi amantii kan guutan quunnamuun; hirmaattota karoora kanaa akka ta’an irratti hojjataa jiran. Guyyaa Fonqolcha Mootumma goona jedhanii abjootaa jiran sanitti Amaara baadiyyaa fi magaalota keessa jiraatantu irratti hirmaata. Finfinnee keessa humna hidhate kuma dhibba shanii/more than 500,000/ oltu gootummaan hirmaata jedhaniiru. Dhaabbileen amantii ortodoksii madda kuusaa meeshaalee; nyyaataa fi dhugaatiin; Qorichaa/Daawwaa/; akkasumas bakka madoon itti yaalaman ta’anii tajaajiluuf qophii irra jiran. Abbootiin qabeenyaa amaaraa sagantaa kana irratti hirmaatan heedduu akka ta’aniif warri magaazina dhimma kanaaf ta’uu qabanis kuusa meeshalee adda addaaf tajaajila akka kennan beekameera.

Guutuu Oromiyaa;

Bal’inni biyya Oromoo guddaa waan ta’eef qophiin isaaniis kan guddina saniin wal gituu dha. Amaarri meeshaa waraanaa hidhachuu danda’u marti akka hidhatu irratti walii galanii, bakka heedduutti kun xumuramee jira. Har’a badiyyaaleen Gondar; Goojjam, Walloo, Merhaabeete, Menz, Tegulet, Minjaar fi kan biroo keessa qotee bulaan hanga funyaaniitti hidhatee lafa Oromoon irra ari’atamuuf jiru irra qubachuuf qophii cimaa irra jiran. Somaalonni oromoo maliyoona tokko ol lafa isaa irraa buqqisanii ari’atan. Benishangul; uummati xiqqaan, Oromoo kuma dhibba tokko lafa isaarraa buqqifte; Nuti aammoo gootummaa keenyaanis ta’e dammaqiinsaa fi baay’ina keenyaan hundaa ol waan taaneef; Oromoo bakka jiru irraa buqqifnee fi lafa abbooti keenya irraa dhaalle deeffannee; akkuma aadaa keenya keessatti beekame “ ciisanyaa” godhanne; akkuma Wayyaaneen Naannaa Finfinneetii buqqiftee ashkara godhatte; nutimmoo gadadoo kana caaluuf saaxilla jedhanii dhaaddachaa jiran.

Maal Gochuu karoorfatan Oromiyaa keessatti?

Gartuuwwan badii lamaan Finfinnee keessatti tarkaanfii fudhachuuf qophaa’aa jiran; bifa adda ta’eenis guutuu Oromiyaa keessas sochii dhaaf bakka adda addaatti leenjji irra akka jirantu beekamee jira. Keessumaa, gartuun Gallaa Geday godinaalee Oromiyaa mara keessatti; bakkuma Amaarri jiraatu maratti ijaaramee Oromoota uummata isaanii biratti dhageetti qabaniif akka hoogganaa; yookaan akka abbootii Gadaatti ilaalaman; akkasumas Abbootii qabeenyaa; Qeerroowwan bebbeekamoo ta’an irratti tarkaanfii fudhachuuf qophaa’aa jiran.

• Amaaraa durumaanuu hidhatee jiru; ijoollee isaas; obboloota fi firoota fagoo fi dhihoo jiran akka hidhachiisu; yoo meeshaa hin qabaanne ta’e caasaa biyya keessaa dhimma kana iccitiin gaggeessaa jiru atattamaan akka quunnamu ergaan darbaa dabarsaan tamsa’aa jira. Guutuu Oromiyaa keessatti yoo xiqqaate hidhataa Malioona tokko/One Million Milishaas/ gurmeessaa, ijaaraa fi hidhachiisaa akka jiran maddi kun ni mirkaneessa.
• Amaaroota dhimma kana gootummaan hirmaachuuf Oromiyaa bakka adda addaatti ramadaman gammachuun simatee akka mana isaa qubsiisee jiraachiisuu fi waraqaalee eenyummaas ganda keessa jiru keessa akka baassisuuf dirqama fudhata. Maatiin amaaraa lafa Oromo irra jiru nama lamaa yookaan sadii; akkuma danda’etti isaatti ofitti fudhatee hanga waamichi biyya haadha isaanii kuni galii gahutti gargaarsa barbaachisu kennuu itti fufa jechuudha.

Guutuu Oromiyaaf Maaltu yaadame?

Amaarri kan barbaadu lafa Oromoo ti. Lafti amma Oromoon irra jiru humnaan nurraa fudhatame waan ta’eef humnaan deebifanna. Amaarri naannaa Oromiyaa jiraatu kan ulaagaa olitti kaa’ame guutuun mirkanaa’eef akka irratti hirmaatu ta’a. Tooftaa inni jalqabaa Oromoo cabsuu dha. Kun aammoo kan dhugoomu uummata kana dinagdeen yoo iyyoomsine duwwaa dha jedhanii murteeffatan. Kanaafi;

• Gartuun Gaallaa Geday jedhamu gandaa fi godinaalee Oromiyaa mara keessatti ijaaraamee Oromoota waa’ee Oromummaa afarsaan; kan akka Qeerroo/Qarree fakkaatan; uummata isaanii biratti dhageettii jabaa qabanii fi Abbootii Gadaa warra ofiin jedhan irratti tarkaanfii fudhachuu.
• Oromoon akka beela’u irratti hojechuu; kunis kan dhugoomuu danda’u midhaan Oromoon qotatee homishee gombisatti galfate; Kan osoo hin makaramin maasaa irra jiru; humna hidhateen duulli kara hundaan itti bobba’ee akka gubuuf barbadeessu; kunis kan ta’uu danda’u qoratamee, halkan osoo namni rafaa jiruu akka raawwatu. Kan dammaqee iyyuuf ibidda dhaamsuuf yaale irratti tarkaanfiin akka fudhatamu gochuu.

• Dhukkuboota namaa fi beylada atattamaan fixuu danda’an; kan akka Antraksi, Eboolaa; Rinderpest; namaa fi beeylada heedduminaan duguuguu danda’an of eeggannoon hoomishamanii bakka Oromoo fi beyladi isaa itti baay’atanitti margaa fi burqaalee bishaanii tajaajila namaafi oolan akkasumas; madda bishaanii loonii fi horiin manaa itti gargaaraman yeroo dheeraaf akka sum’eessuufi; kanaanis Oromoon harka duwwaatti hafee akka hiyyoomu gochuu.

• Ministeera Fayyaa; dameewwan of jalaa qabu hunda waliin do’annoo keenya jala akka galuuf carraaqqii goona. Erga kuni ta’uu mirkaneeffannee booda kittibaatiin/vaccination/nama maseensu akka bay’inaan qophaa’u goonee ijoollota umriin isaanii 12/13 ol ta’an naannaa Oromoon irra qubatee jiru maratti dirqamaan akka kennamu taassisna jedhu. Warra naannaa gammoojjii jiraatan dhukkuba Busaatiif kan gargaaru; bakka biroo ka jiraataniif aammoo HIV AIDS of irraa itisuuf gargaara mala jettuun dhalooti ol adeemaan uummata kanaa dhala malee akka hafuufi; kunis akkuma Wayyaaneen uummata keeenya xiqqeessuuf itti gargaaramte; nutis Oromoo waa’ee baay’ina isaa himatu kana gadi xiqqeessuu keessatti malli kunis nu gargaaruu danda’a jedhu.

• Manneen Waaqeffannaa kiristiaana Afaan Oromoo halkaniin duulli Shororkeessaa Diimaan bakka jiranitti itti bobba’amee akka gubatan; yeroo gubatan kanas namni akka manaa hin bane dhukaasaan sodachisuu. Sagaleen “Alla Waakbar” jedhus akka dhaga’amuufi; kunis tooftaa, Muslima Oromootu mana waaqeffanna kiristi’aana Oromo gube jedhamee Midiyaa dhimma kana gabaasaniin akka tamsa’u. Gaafi biraa ammo gartuudhumti mana waaqeffanna kirstiaana gube kuni Masgiidotas itti bobba’ee ibiddaan yammuu dareessu; Midiyaan isaanii, kunoo kiristianni Oromoo haaloo bahuuf mana waaqeffannaa Musliimaa gubutti bobba’ee jiraaf kkf; tooftaalee uummata lammii tokko ta’e walitti buusanii yeroo inni wal fixu bu’aa siyaasaaf akkasumas qabeenya Oromoo fi lafa isaa irraa saamuuf sagantaa hammeenyaan qindaa’aa jiruu akka ta’e hubatamuu qaba. Sab-quunnamtii /social media/ haala kana hordofanii gabaasan oduu jajjabaa amantiin wal qabatee lafa Oromoo irratti deemaa jiruu akka ta’etti gabaasuuf; ammumaa eegalanii oduu dharaa/sobaa/ qindeeffataa akka jiran baruun danda’ameera.

• Bakka Loltuun ABO humna jabaa qaba jedhamee shakkamu hundatti karaa hoogganooti RIB lammummaan Amaara ta’uun isaanii beekameen; burqaalee bishaanii loltonni kuni dhugaatiif itti gargaaramu jedhamee beekamu maratti summ’ii jajjabaan alaas ta’e biyya keessatti homishamuu danda’u atattamaan qorannee itti gargaaramuun diinota biyya keenyaa kana gar tokkotti baasutu nurra jira jedhu. Osoo bulchiinsi biyyattii harka keenya jiraatee dhaabni ABO jedhamu kun biyya keenya keessa halkan tokkoyyu buluuf carraa hin argatu ture jechuun ilkaan ciniinnataa akka jiranitu dhaga’ama.

Gabaabumatti karoorri Oromoo balleessuuf qindaa’aa jiruu kana yammuu fakkaatu; duula kana adda durummaan kan hoogganaa jiran Amaarota lama akka ta’aniifi isaan waliin ammoo ANM/Amaaraa National Movement/ “Sochii Biyyoolessa Amaaraa; yookaan “Ye Amaaraa Biheeraawii Niqinnaaqee’ yammuu ta’an; inni kuni biyya Amaaraa; Finfinnee fi Oromiyaa keessa Paartii nagaan sosso’aa jiru fakkaatee, uummata Lammummaa dhaan Amaaraa ta’anii fi Amantiin Ortodoksii ta’an ijaaraa, karoora qabsichaa, waa’ee biyya haadha isaanii barsiisaa fi hidhachiisaa jiran. Finfinnee keessa ijaarsaa fi hidhannoo kan qindeessu koree icitiidhaan sosso’utu jira. Naannaa Amaaraa keessa koree afurtu ijaaree hidhachiisaa jira. Guutuu Oromiyaa keessa gartuuleen Afurtu/4/; kabaa fi kibbaan; bahaa fi lixaan hojii irra akka jiraniif; ijaarsii fi hidhachiisuun belbelaa akka jirtu beekamee jira. Dhaabni Arbanyooch Ginboot 7 jedhamu dirqamnii fi hirmaannaan isaa hagam akka ta’e waanti beekame akka hi jirre maddi kuni gabaasee jira. Haa ta’uu, hoogganni ol aanaan karoora badii kanaa Barreessaa G7 Arbanyoochi waan ta’eef icitii cimaan qabanii akka jirantu beekama.

Jarreen lamaanoo eenyu fa’i? Bara Dargiin biyya bulchaa ture aangoo ol aaana irra nama ture fi sadarka Shalaqummaan waamamu; nama Daawwit W/Giorgis jedhamu yammuu ta’u; innis erga waamichi biyyatti galuu MM biyyattiin labsamee nama deebi’ee biyyatti galee dha. Erga galees namoota MM Abiyyiin baay’isee ol kaasee faarfatu akka ta’etti himama. Abshaalummaa sanyii irraa dhaaleenis warra biyya bulchan biratti nama nagaa fakkaatee haa dhihaatu malee biyya abbootiin isaa ol aantummaan mo’anii irra jiraata turan deeffachuufi haala armaan olitti ilaaltan harka lafa jalaan dalagaa jiraachuu namni irratii dammaqe jira hin fakkaatu. Namichi inni lammaffaan aammoo hoogganaa/Barreessa/ Paartii Arbanyooch G7 kan ta’e; Andargachoo Tsiggee ta’uun beekameera. Innis akkuma miiltoo isaa MM jajuu fi akka nama waaqa irraa gadi ergameetti bakka carraa argatee maratti labsaa jiruu dhaa.

Jarreen kuni badii armaan olitti karoorfatan duwwaan callisanii taa’aa hin jiran. Mootummaan Abiyyi erga aangootti dhufee uummata Oromoo maqaa ABO deggertuun kan hidhaatti guursisee gidirsaa/Torture/ jiruufi; akkasumas kan RIB raga malee ajjeesuun mirkanaa’e; namoota heedduu achi buuteen isaanii dhabame; akkuma bara TPLF godhaa turetti jechuu dhaa; maqaafi suuraalee isaanii namoota lammummaan Amaara ta’anii humna tikaa keessaa hojjetan quunnamuun ragaalee walitti qabataa akka turan beekameera.

Kana malees, gartuule lama /two teams/ dhihaa fi kibba Oromiyatti horii guddaa kaffaluudhaan odeeffannoo namoota erga Abiyyi aangootti dhufee maqaa ABO deggertuun hidhaman; ajjeefamanii fi achi buuteen isaanii dhabame, maqaa fi suuraalee isaanii sassaabbachuun erga galmeeffatanii boodaa; Daawwit Tika USAtti; Andargachoon Tika UKtti icitii dhaan gabaasaa akka jiraniifi; akkasumas Mirga Dhala namaaf kan falmanii fi faana bu’antti /Human Right Watch and Amnesty International/ dhiittaa fi gar malee sarbamuu mirga dhala namaa naannaa Oromiya keessatti Mootummaa Abiyyiin dhoksaa dhaan gaggeessaa jiruu dhaabbota kanaaf gabaasaa akka jirantu mirkanaa’ee jira. Karoorri isaanii; Oromoo dararfamaa jiruuf gaddanii osoo hin taane, har’as Mootummaan biyya bulchaa jiru afaaniin malee dalagaan kanuma TPLF waan ta’eef; sirni TPLF ijaare seera isaa waliin diigamee xophi’aan akka dur nagaan turtetti akka deebitu fi maatii Haila Sellasee Masaraa abbootii isaaniitti kabajaa fi ulfinaan akka deebi’an nu gargaaraa jedhanii Mootummootii Sirna Nugusaan bulan kadhataa akka jirantu ifa ta’aa jira. Kunis tokkummaa biyyia isaanii iddootti deebisuuf; nagaa fi tasgabbii deebissnii gadi dhaabuuf sirna barbaachisa akka ta’eef; keessumaa, uummati amaaraa kun ta’uu irraa gammachuu akka qabu himataa jiran.

Egaa

* Maal haa goonu?

* Attamitti haa sossoonu?

* Uumati keenya maal gochuu qaba? Mariin jarreen badii kana dura ittiin ijaajjuu dandeenyu atattamaan bakka maratti eegalamuun akka irra jiru wal hubachiisna. Garbummaa marsaa sadaffatti hin deebinu!! Tokkummaan kaanee uummata keenya badii irraa haa baraarru!!

Ummtni Cunqurfamaan ni Moha!”

Oda Labsi Fajji