Ibsi motummaa federaalaa hinguyyaafannee?

Ibsi motummaa federaalaa hinguyyaafannee?

Harargee bahaa callanqootti lubbuun namoota 16 humnaraayyaa ittisa biyyaatiin darbuun kan dhagahamee torbanuma darbe keessa. Achuma walitti b’inasa aanaa Hawwii Guddinaatti Jimaata darbee umameen lubbuun lamoota heddu darbeera.

(bbcafaanoromoo) –Eegaan kana ilaalchisuun ture Mummiichi Ministira Itoophiyaa Obbo Haayilamaariyaam Dasaalanyi Dilbata ibsa kan taasisan. Ibsi motummaa fadaeraalaatiin dhmmicha ilaalchisuun kenne kunis heddu biratti gaaffii hinturree laata? jedhuu kaaseera.

Kanas ta’e sana garuu, ministirrichi lubbu badees gaddi isaanitti dhagahamu isanii, tasgabii dhabiinsii fi walitti bu’insii nageenya biyyattinjeequu dubbataniiru. Kannaafu madda rakkinichaa adda baasuun tarkaanfii cimaa akka fudhatanis eeraniiru.

Motummaan waitti bu’insa daangaalee Oromiyaa fi Somaaleetiif furmaata keennuuf hojachaa osoo jiruu rakkinnichi haaromuun Harargee Bahaa aanaa Daaroo Labuutti oromootii fi Somaalooti lubbu saanii dhabusaanii dubbataniiru.

Maqaakootii fi maqaa mootummaa federaalatiin gadda guddaa natti dhaga’meen ibsaa, maatii miidhamtootaa, akkasuamas uummattoota biyya keenyaaf jajjabinan hawwa jedhaniiru.

Qaamoleen nageenya keenyaa bakka walitti bu’insi jirutti akka tasgabeessan mootummaan ergama itti kennee socho’aa jiru.

Walitti bu’insa Calanqoo dabalatee ergama isaanii yeroo raawwataa jiranitti qaawwi uumame yoo jiraatan mootummaan kan qulqulleefatu fi bu’aa isaas ifa goonas jedhaniiru.

Akkasumas ”walitti bu’insa dhaabbileen barnootaa ol-aanoo naannolee Amaaraa, Tigiraayiifi Oromiyaa keessa jiran tokko tokkotti akkasumas daangaawwan naannoo Oromiyaafi Somaalee gidduutti yeroo garaa garaa uumameen lubbuun namootaa darbuu, lammileen qe’ee isaaniirraa buqqa’uu qofa osoo hin taane, rakkoon kun atattamaan hin makfamu taanaan akka biyyaatti rakkoorra kan nu buusuu danda’udha,” jedhaniiru.

Dhabbileen barnootaa rakkooleen uumaman keessatti yaaddoo nageenyaa uumame maqsuudhaafi baruufi barsiisuu keessatti haala mijataa ta’e uumuudhaaf saatiin dhorkaa akka jiraatuuf nageenya dhaabbilee kabachiisuudhaaf ammoo qaama nageenyaa akka jiraatan taasifameera.

Walumaa galatti dhaabbileen barnootaa ol-aanoottis ta’e naannoowwan birootti nagenyi boora’uun akka hin jiraanne, lubbuun lammiilee wabii akka argatuufi meeshaafi qabeenya lammileerra badiin akka hin geenye gochuudhaaf waan barbaachisu hundi ni taasifama.

Rakkoowwan walitti bu’iinsaa kunis dudhaaleen waliin jirachuu keenya kan miidhan waan ta’eef mootummaan uummata waliin ta’uudhaan rakkoon kun akka deebiyanii hin uumamnetti kutannoodhaan hojjeta.

Gama biraatiin sirrii ta’uufi ta’uu dhiisuu odeeffanoo qaamolee garaa garaan dhiyaatan mirkaneeffachuurratti xiyyeeffannaa kennuun miira itti gaafatamummaan hojjechuun isaanirraa eegama. Dabalataanis uumatichi odeeffanoowwan madden gara garaarraa argatan sirrummaasaa mirkaneeffachuuf yaalii gochiin irraa eegama.

Walitti bu’iinsa Mudde 5, 2010 jalqabaee Godina Harargee Lixaa fi Daroo Labuutti uumamaniin lubbuun namoota hedduu darbuusaafi qaamaafi qabeenyaarra miidhaan qaqqabuusaa Hogganaan Biiroo Dhimmoota koominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Addisuu Araggaa ibsan.

Aanaaleen kanneen naannoo Somaalee Itoophiyaa waliin wal hin-daangessani ta’us, dhalatoonni Somaalee Itoophiyaa aanaalee kanneen keessatti ganda hundeessanii obboloowwan isaanii Oromoo waliin barootaaf jaalalaafi nagaan jiraataniiru.

Haata’u malee, guyyicha jalqabee hidhattoonni hawaasa nagaa bakka hin-bune jeequmsa kaasaniin lubbuun Oromoota 29 darbuu isaa fi manneen jireenyaa 360 ol manca’uunsaanii mirkanaa’eera.

Aanaa Hawwii Guddinaa keessaatti miidhaa geggeeffameen namoota lubbuusaanii dhaban keessaa obbo Ahimad Xahaa kan jedhamu hawaasa naannichaa biratti fudhatama guddaa kan qabuu fi jallatamaa ta’usaanitiin, obbolleessi isaanii tarkaanfii miira ariitiin fudhateen namoota biroo dabalatee lammiilee nagaa irra miidhaa gara- jabinaa geessisu Obbo Addisuub fuula feesbuuki isaaniirratti ibsaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa miidhaa lammilee nagaa irra qaqqabeef gadda itti-dhaga’ame ibsee, maatiifi michoota lammilee lubbuu isaanii dhabaniif jajjabina hawweera.

Muummuchi Ministeera Hayile Maariyam ji’oota muraasaan booda, rakkoon naannoo Oromiyaafi Somaalee Itoophiyaa gidduu jiru rakkoo daangaa osoo hin taane rakkoo kiraa sassaabdotaafi kontorbaaddistootaati jechuun isaanii ni yaadatama.

Ministeerri Waajira Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Federaalaa Dr. Nagarii Leencoos tibba darbe ibsa geezexeessotaaf kennaniin yakkamtoota badiinsa lubbuu namootaafi qabeenyaa kana keessaa harka qaban seeratti dhiyeessuu irratti gama mootummaa Oromiyaatiin kan jiru gaarii ta’us gama mootummaa naannoo Somaaleetiin kan jiru laafaa ta’uusaa ibsaniiru turan.

1 Comment

  1. Yaroo ummatni calanqoo ajjeefaman EBC’n [talivizhiniiniin mootummaa Toopiyaa] hommaa hinduibbanne; erga darbe garuu akka haaraatto guyyaa baay’ee booda tamsaasan. maal jechuudha?

Comments are closed.