IBSA IJAANNOO QEERROO BILISUMMAA OROMOO GODINA ARSII LIXAA .

IBSA IJAANNOO QEERROO BILISUMMAA OROMOO GODINA ARSII LIXAA .

Nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo Godina Arsii Lixaa Kora gafa guyyaa 13/6/2020 Tolfanneen Haalaa waligala Oromiyaa xinxallee rakkoo mootummaan Itophiyaa umrii Angoo isaa dheerefachuuf jecha ummata Biyya kanaa irratti midhaa geessan jiru Addatti immoo Oromiyaa keessatti ummata oromoo irraan ga’a jiru gad fageenyaan illaalle ibsa IJAANNOO Qabxiilee armaan qadii qabu baafannee jirra.
1. Hidhaa, Ajeechaa, Reebichii Fi saamichi Badii tokko malee ummata Oromoo irratti rawwataa jiru hatatamaan dhaabachuun qaba
2. Qaamoonnii Ajjeechaa ilmaan Oromoo bakka Adda addaa irratti rawwatan seera duratti dhihaattaniin murtoo seeraa argachuu qabu.
3. Hidhamtoonni siyaasaa Hundi Mana hidha IRRAA gad lakkifamuu qabu.
4. Maqaa shanee jedhuun Godinoota Oromiyaa guutuutti Ummata Nagaa Hidhuun, Reebuun Ajjeesuun hataattamaan haa dhaabbattu.
5. Ilmaan Oromoo hidhuuf, Ajjeesuuf, Reebuuf, Qaamoonnii TIKAA MOOTUMMAA Abbaa Torbee ijaara jirachuun Keessan saaxilameera, gocha goolii umuu kana irra Hataattamaan yoo hin dhabbannee gaga’ama Biyya kanaa fi ummata keennatti dhufuuf Gafatamaa Kan fudhatu Mootummaa Fi QamootaTikaa motummaa ta’u cimsinee akeekkachiifna!
6. Faayidaa siyaasaa jecha ummata Oromoo kutaadhaan, Gandaan, Gosaan, Baalbalaa Fi Naannoon qooduu motummaa Fi kittillayyonni mootumma hojjachaa jirtan Hatattamaan dhabbachuu qaba.
7. HUMNOONNI poolisii Oromiyyaatti, Kora bittinneessaa, Manneen murtii/Abbootiin murtii Fi Abbootiin Alangaa Siyaasaa irra walaba taataanii Antummaa ummata Fi Haqni Hundaaf Kan jedhuuf Akka hojjattanii yaamicha Oromummaa isinii goona!
8. Gocha Dabaa ummata Oromoo irratti rawwatamaa jiru cimsinee Balaalefaana, Duras ni dhaabbanna!
9. Qeerroon Bilisummaa Oromoo Akeeka Dhabbanneef Galmaan ga’uf Irbuu keenna Harofannee kaneera!

Injifannoo Ummata Oromoof
QEEROO BILISUMMAA OROMOO
GODINA ARSII LIXAA (Shaashamannee)

Dábessá Gemelal