Ibsa ariifachiisaa Dr. D-Tsiyoon TV Dimtts Haffash irratti LIVE kennaa ture caqaseera. Yaya Beshir

Ibsa ariifachiisaa Dr. D-Tsiyoon TV Dimtts Haffash irratti LIVE kennaa ture caqaseera. Yaya Beshir

Dhimma Raayyaa Ittisa Biyyaa sochii irraa danquu irratti qajeelfama kenne. Waan dubbate keessaa kan armaan gadii qabxii gurguddoo dha:
– Hojii dargaggoon Tigraay godhan sana balaaleffate.
– Karaan ittiin mohannu akkas tahuu hin qabu. Yeroo tokkotti hunda wajjin wal lollee hin dandeenyu. Balaa hin barbaachifne ofitti afeeruun sirrii miti.
– Humni waraanaa sun sibiila hidhatee jira. Tarkaanfii fudhachuu danda’a. Wareegama hin taane baasuu hin barbaachisu. Warra ummata keenya diiguu barbaaduuf carraa dabarsanii kennuu dha. Nageenya ummata keenyaaf yaaduu barbaachisa.
– Nuti eenyuu wajjinuu waraana seenuu hin barbaannu. Daangaa irrattuu dhukaasa seenuu hin feenu. Haalli waraana danquu kun garuu Keessoo Tigraayittuu dhukaasa bansiisee wareegama hin barbaachifne nu kafalchiisa waan taheef dhaabaa.
– Yoo rakkoon wal hubannoo gidduu keenyatti jiraate, yoo waan itti hin quufin qabaattan nutti himaa. Rakkoo jiru irratti nu MNT fi mootummaa federaalaatu dubbachuu qaba. Qaamni biraa bifa faffaca’aa taheen tarkaanfii akkasii keessa seenuu hin qabu. Yoo tarkaanfii barbaachise akka MNTigraaytti fudhanna malee akkasii miti.


Meeshaan Waraanaa Naannoo Tigraayirra RIB fe’ee gara Giddugaleessaa geessuuf osoo imalaa jiru Ummatan uggurame yoo jedhan dhagahaa jirra tibbana.ani kaniin jedhu meeshaan jara kanaa bishaan bulgaafatamoo baarudaa?


Qawween isaan abdatanii biyya ittiin gooluuf makkeeffachaa turan jalaa bahuuf taanaan haala kanatti jiru jarri.

Abbichuu qoosaa dhiisii ijjannoo kee itti fufi!


Marii haala siyaasa Oromiyaa fi Itiyoophiyaa irratti
Dr.Awol Kassim Allo waliin.


OMN: Komii Jiraattota Aanaa Zuwaay Duugdaa Dhaabbata ELFORA irratti


 

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.