Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO): Ebla 15, Guyyaa Goototaa

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO): Ebla 15, Guyyaa Goototaa

Ibsa ABO, Ebla 2, 2019

OROMOOUmmatni Oromoo guyyaa gabrummaa jalatti kufe irraa kaasee bilisummaa fi walabummaa isaa deebifachuu wareegama baasuu eegale. Wareegama baasuu erga jalqabee waggaa dhibbaa ol taheera. Bilisummaa isaaf jechu ummatni Oromoo wareegama har’a illee baasaa jira. Boris, ifitaanis haga bilisummaan mirkanaawuutti wareegama baasuun hin dhaabbatu. Gootota ilmaan Oromoo kan bilisummaa saba isaaniif jecha gatii lubbuu baasan yaadachuunis barbaachisaa dha. Kanaafiis ABO Ebla 15 Guyyaa Goototaa jechuun murteessee erga kabajamuu jalqabee kunoo waggaa soddomaa ol taheera. Kun akka itti murteeffamee gad faginaan wal hubachiisuun wareegama lubbuu har’a FDG irratti as dhiyoo baasne yaadachuuf nu gargaara.

Gootowwan ilmaan Oromoo bilisummaa saba isaaniif jecha baatii adda addaa keessa, guyyaa adda addatti kufan galmee seenaa irra jiru. Har’a illee gootowwaan keenya guyyuu diina kuffisaa kufaa jiru. Wareegama baasuun keenya osoo hin dhumatin maaliif guyyaa goototaa jennee Ebla 15 kabajanna yaadi jedhu illee namatti buluu danda’a. Addi Bilisummaa Oromoo Ebli 15 Guyyaa Goototaa akka tahu sababa malee hin murteessine. Innis akka armaan gad jiruu dha.

Bara 1978 walakkeessa irraa kaasee haga dhuma 1979tti ABO haala akkan rakkisaa keessa ture. Yeroon kun yeroo lolli Somaliyaa fi Itophiyaa dhumatee, waraanni Ziyaad Barree arihamee bahee, mootummaan Dargii humna ABO kan reef ijaaramaa jiru dhabamsiisuuf duula wal irraa hin citne itti bobaase ture. Waraanni Bilisummaa Oromoo Baalee, Arsii fi Harargee keessatti duula kana of irraa deebisuuf lola cicimaa seene. Qunnamtiin isaa addaan citee ni faca’aa yaaddoon jedhu illee guddaa ture.

Haa tahu malee, qabsoon haqaa yoomuu waan injifatuuf jagnootiin WBO duula Dargii of irraa qolatanii Amajjii 1, 1980 walitti dhufanii ayyaana guddaa ayyaaneffatan. Guyyaan kun guyyaa damboobaa, guyyaa jabinaatii fi hamileedhaan guutame ture. Akkuma qaama dambooba guyyaa kanaatti guyyaan hoogganni dhaabaa ol’aanoon wareegama cimaa itti kaffalan miseensota WBOtiif ifatti ibsamee, Ebli 15iis akka Guyyaa Goototaatti labsame.

Wareegamni kun akkamitti mudate, eessatti mudate…? gaaffiilee jedhaniif: Injifannoo karaa waraanaan argames karaa jaarmayaan itti fufuuf hogganooti ABO Arsii, Baalee fi Harargee keessa jiran baatii Bitootessa keessa walitti dhufan. Hogganooti ABO biyya alaa turanis mootummaa Somaliyaa irratti hojjachuun waajjirri ABO akka Moqaadishootti banamu bara 1980 keessa godhanii turan. Haala mijjataa kanatti dhimma bahamee hogganooti biyya keessaa fi ala jiran qaamaan wal arganii dhimmaa jaarmayaa dhaaba irratti murtii irra gahuun akka barbaachisu hubatame. Akka kanatti hogganoota yeroos dirree turan keessaa jilli tokko kan Dura Taa’aa fi I/A/Dura Taa’aan keessatti argaman akka Moqaadishoo deeman murtaawe. Akka kanatti jaallan namni kudhan gara Somaliyaatti socho’an.

Isaanis:

  1. Jaal Barisoo Wabee (Magarsaa Barii) Dura Taa’aa
  2. Jaal Gadaa Gammadaa (Damisee Tacaanee) Itti Aanaa D/T
  3. Jaal Abbaa Xiiqii (Abboomaa Mitikku)
  4. Jaal Dori Bari (Yigazu Banti)
  5. Jaal Falmataa /Umar/Caccabsaa
  6. Jaal Faafam Dooyyo
  7. Jaal Irra’anaa Qacalee (Obbo Dhinsaa)
  8. Jaal Dhaddacha Boro
  9. Jaal Dhaddacha Muldhataa
  10. Jaal Marii Galaan turan.

Jaallan kun amna isaanii itti fufuu dhaan gammojjii Ogaadeen bakka Shinniggaa jedhamu yeroo gahan haalli isaan hin eegne isaan mudate. Bakka kana humni waraana Somaliyaa irraa hafee biyya saamuu fi jeequ; shiftaatu ture. Jaallan kun osoo hin beekin harka waraana shiftaa kana bu’an. Waraanni Somaalii kun jibba guddaa ABO fi ummata Oromoo irraa waan qabuuf jaallan keenya guddaa hiraarse. Uffata irraa baafatee saammate. Harka duubatti hidhee reebee miidhaa guddaa irraan gahe. Osoo isin hin ajjeesin warri kiristaanaa taatan gam tokkotti, warri islamaa taatan gama biraatti bahaa jedheen. Jaallan hogganoota dhaabaa garuu nuti Oromoo dha, amantii fi gosaan adda hin baanu jedhanii didan. Jaallan hoggannoota keenya Ebla 15, 1980tti shiftoota Somaalii kanaan rashanamanii boolla tokkotti awwaalaman. Tokkummaan ummata Oromoo amantii fi gosaan kan adda hin baane tahuu jaallan keenya guyyaa kana dhiiga isaaniin mirkaneessan.

ABO sababa kana irraa ka’uu dhaan Elba 15 Guyyaa Gootota Oromoo jedhee moggaasee. Guyyaan kun haga har’aatti kabajamaa jira. Jaallan guyyaa kanatti qabsoo bilisummaa Oromoof osoo amna irra jiranii wareegama qaalii baasan yaadachuuf guyyaan Ebla 15 kun filame. Wagga waggaan miseensoti, deggertooti ABO fi ummatni Oromoo biyya keessaa fi alatti kaayyoo gootowwan keenya irratti kufan yaadachuuf, waadaa isaanii haaromsuuf wal gahu.

Yaadannoon akkasii bara baraan kan itti fufuu taha. Galfata gootowwaan keenya nutti dhiisanii kufan bakkaan gahuun dirqama lammii Oromoo hundaati. Har’a QBO keenya sadarkaa abdachiisaa tokko irra gahee jira. Ummatni keenya FDG jalqabee finiinsaa jira. Guyya guyyaa dhaan qabsaawoti Oromoo humna weerartuu osoo falmanii dirreetti, baddaatti, gammoojjiitti, magaalaa keessatti, bakka jiran hundatti wareegamaa jiru. Jagnootiin barattootaa fi dargaggooti Oromoo diina hudhanii qabuun lubbuu isaanii geeddaraa hin qabne wareegaa jiru.

Gootowwan keenya otoo bilisummaaf qabsoo godhanii wareegaman, wareegamaa jiran yaadachuun, dinqisiifachuu, dhaadhessuu fi seenaa isaanii wal barsiisuun barbaachisaa dha. Inni san hanga bilisummaa fi walabummaatti kan itti fufu tahuun beekkamee osoo jiruu, ayyaanni baranaa haala adda tahe keessatti kan ayyaaneffatamu taheera. ABOn jalqabarraa haga ar’aatti bu’aa-bahii danuu keessa dabree guyyaa har’aa akka gahe miseensota, hoogganaa fi ummata Oromootiif hubatamaadha. Garuu isa baranaa kan adda taasisu yo jiraate, warreen dhaaba kana bu’ureessan keessaa gariin of gurmeessanii kaaniis hiriirsanii faallaa xurree kaleessa itti irbuu seenanii, ejjennaa faallaa wareegamtoota qabsoo tanaa filatuudhaan rakkoo qabsoon qabdurratti rakkoo biraa dabaluu isaanii ti.

taatu, akka qaama qabsootti fudhatuudhaan kan itti rifannu osoo hin taane kan itti damboobnu; kan itti laaffannu osoo hin taane kan itti jabaannu akka tahutti hubatuudha.

Kanaaf Ebla 15 bara 2019 kana bifaa fi akkaataa addaan yaadachuu qabna, kan durii daran cimnee argamuudha. Gootowwan keenya kaleessas tahe baroota dheeraan dura wareegaman yaadachuu duwwaa osoo hin taane jaallan keenya fincila diddaa gabrummaa irratti wareegamanii fi sabboontota Oromoo har’a mana hidhaa mootummaa Wayyaanee keessatti saba isaaniif jecha gidiraa argaa jiran yeroo yaadannu dha. Yeroo ummata keenya qe’ee isaarraa buqqisanii ilmaan waliin dirree irratti facaafaman, kan akka bineensaatti alloolaman ittiinn yaadanuudha.

Guyyaa baqataan keenya biyya ambaa keessatti dararaa hiriyyaa hin qabne mudataa jiru hubannee wal hubachiifnuudha. Guyyaa Ebla 15 duwwaa eeguu osoo hin taanee Baatii Eblaa kana guutumaatti Baatii Gootootaa jennee moggaasuun yaadachuu qabna. Jaallan keenya hidhaman mana hidhaatti gaafachuu, maatii warra hidhamee dubbisuun gargaaruu, fi kkf gochuu baatii kana akka dabarsinu dhaamna tartiibni guyyaa yaadannoo kanaas akka armaa gadii taha.

Akeeka Guyyaa Goototaa Itti Kabajnu Wal Beeksisuu

  1. Sabboonummaa Oromummaa ijaaruu, Tokkummaa Oromoo tiksuu fi cimsuu irratti xiyyeeffatuu,
  2. Dhaamsa gootonni Oromoo darbaa dabarsiin nuuf dhaaman dhaloota harayaatti dabarsuu irratti akeekkatuu.
  3. Gootummaan seenaa Oromoo keessatti bakka guddaa qabachuu walii ibsuu, gooti Oromoos hawaasa keessatti kabajaa fi ulfina qabaachuu isaa irraa kan ka`e maatiin isaanillee akka kabajaa horatu wal hubachiisu,
  4. Gootota Oromoo fincila diddaa kolonii, diddaa gabrummaa fi mirga abbaa biyyummaa fi mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu Oromoof lubbuu isaanii dabarsanii kennaan yaadachuu,
  5. Kaayyoo Goototi Oromoo irratti kufan bakkaan gahuuf dhaalonni ammaa fi boruu waadaa isaa haaromsuun gootummaan akka qabsoo itti jiru jabeessu fi itti fufu wal hubachiisuuf,
  6. Jaallan qabsaawota Oromoo mana hidhaa keessa jiran gaafachuu, buusii walitti qabuun maatii isaanii gargaaruu, yaadachuuf waan qaban isaaniif qooduun kabajaa fi ulfina qabnuuf muldhisuu,
  7. Dhala Oromoo sababii lafarraa buqqifamee fi kan baqattummaadhan biyya ambaatti dararamu jajjabeessuu, waan qabaniin hadhaadhiyyuu fi akka wal hadhaadhiyyan wal gargaaran barsiisuu.
  8. Guyyaan kun bara biyya keenya dhuunfannes akka guyyaa goota keenya biyya keenya dhuunfachuuf qabsaahan kabajaa fi ulfinaa qabnuuf bara baraan waan yaadannuuf,

Raawwii Kabajaa Ji`aa fi Guyyaa Goototaa

  1. Jalqaba baatii Eblaa irraa kaasee seenaa gootota Oromoo diddaa kolonii irratti wareegamani fi gootota Oromoo FDG sadasaa 9 2005 fi amma immoo sochii qeerroo fi diddaa ummatni Oromoo itti jiran irratti wareegamanii walii ibsuu.
  2. Haala ittiin Oromoon biyya isaa dhuunfachuu dandahu irratti marihachuu, yaada walii kennuu, wal gurmeessuu, wal gootomsuu, wal jabeessu irratti wal gorfachuu fi wal bilcheessuu.
  3. Jala bultii Guyyaa goototaa Ebila 15 galgala sa`aa 7:00 (1:00ALH) irratti Oromoon marti mana manatti akka maadheetti walitti dhufuun dungoo ibsuun akka Gootota Oromoo mirga Oromoof jecha wareegaman yaadatu. Kun ammoo barattooti yuniversitii fi koolleejjii Oromoo Oromiyaa keessa fi ala jiran akka walitti dhiyeenya isaaniitti manneetii barnootaa keessa raawwata.
  4. Jiraattooti magaalaas mana manatti akka wal irraa abdii qabaniin maadheetti wal gurmeessuun dungoo ibsachaa jaallan nuuf ibsaa ta`anii ofii darban yaadachuun sabboonaa fi dhalataa Oromoo mara irraa eegama.
  5. Faaruu gootota Oromoo kana bakka bakkatti akka faarfamuuf walii dabarsuu.

Xiyyeeffannoo Guyyaa Gootota Oromoo Bara 2019

  1. Gootowwan Oromoo akeeka kufaniif keessaa tokko ummata Oromoo miidhaa bifa kamuu jalaa bilisa baasuun akka inni biyya isaa irratti abbaa biyyaa tahu dha.
  2. Haala har’a ummatni Oromoo qe’ee fi kosii irraa buqqa’aa jiru fi kaaniis biyyarraa arihamee dararamaa jiru yeroo arginu akeeka gootowwan keenya kufaniif bakkan gahuu cimsinee socho’u nurra akka jiru wal yaadachiisu.
  3. Fincila ummatni keenya biyya keessa gaggeessaa jiru galfata gootowwan keenya irratti wareegaman galmaan gahuu keessaa tokko waan taheef fincila deemaa jiru cimsuu, jabeessuu fi humnessuu irratti qooda nurraa eegamu gumaachuu.
  4. Sochii Qeerroo fi dargaggooti Oromoo wareegama ulfaataan deemsisaa jiran bira karaa itti dhaabbannuu fi jabeessinu irratti xiyyeeffachuu dha.
  5. Falmaa hadhaawaa WBO Oromiyaa bakka adda addatti diinaa wajjin godhaa jiru jabeessuu fi humneessuf xiyyeeffanno kennuun bira dhaabbachuu.
  6. Kaayyoo fi galii gootowwan Oromoo irratti kitimaa tahan kan tokkummaa ummata Oromoo fi dhaaba isaa ABO tiksuu fi jabeessu irratti maal godhuu akka danda’amu irratti marihachuu.
  7. Dhaaba keenya ABO kannen dadhabsiisuu fi jeequu barbaadan dura dhaabbachuuf guyyuu dammaqinaan hojjachuu.

Faaruu Gootota Oromoo

Maal Dhaamanii Jaalleewwan Qabsoo kufanii
Oromiyaa falmachuuf hadhaa du`aa kan dhugani
Dhaadannoo keenya kaasaati galiin nuu gahaa jedhani
Ba`aa keenya ida`achuuf of qopheessaa nuun jedhani(2)
Jaallan keenya tarree turre daandii dhiigaan tattaraarre
Akka hin diigamne eega daandii lafee keenyaan jaarre
Akka waliin jechaa turre nu hojiidhaan fasarre
Faana bu`aa nu hordofaa odoo yeroon hin dabarre(2)
Dirqama keenya guutuudhaaf gammachuudhan gargar bane
Bakkaan gahuu dhaaf ammo gatii lubbuu gaafatamne
Bakka itti dhaabbanne irraa akka itti fuftan dhaammane
Kanaaf osoo hin deebine akka bobbaaneetti hafne(2)
Rimmee dhaaba keessa facaaftu tokkumma
Seera dhablummaa fi ayyaanlallattumma
Gartanii bira hin tarina irratti of kitima
Gola keenya eegaa akka ija nama(2)
Lafeen keenya haa caccabu dhiigni keenyis haa faca`u
Obsaan nurraan tarkaanfadha niyaan keenya bakkaa haagahu
Dammaqsaa hidhachiisaa kan bakka keenya bu`u
Nu riqicha taane sabni cunqurfamaa bilisa haa ba`u(2)
Baddaa fi gammoojjii keessaa lafeen keenyi haa addaatu
Waraabessi irraa nyaatee allaatilleen haa qoqortu
Bakka itti dhaabbanne irraa daangaa keenya haa falmannu
Daandii dhugaa irraa maqxan isin duraa haa muldhatu(2)

Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaati!

Injifannoon Ummata Oromoof!!

Baatiin Eblaa Baatii Goototaa