Hundaa’uu Naannoo Sidaamaa, diigamuu ADWUI fi kanneen biroo: Taateewwan ijoo bara 2012’tti Itoophiyaatti raawwatan

Hundaa’uu Naannoo Sidaamaa, diigamuu ADWUI fi kanneen biroo: Taateewwan ijoo bara 2012’tti Itoophiyaatti raawwatan

HAKON MOSVOLD LARSEN, GETTY IMAGES

ALI bara 2012’tti Itoophiyaatti wantoonni ijoo hedduu biyyattii waltajjii miidiyaalee idil- addunyaarratti gama gaariitinis ta’e faallaan kaasan raawwataniiru.

(bbcafaanoromoo)–Barri lakkoofsa Itoophiyaa bara 2013 seenuuf guyyoonni muraasni hafu sababa godhachuun dhimmoota ijoo bara 2012 raawwatan isin yaadachiisuuf gabaasa kana qindeessineera.

Dhimmoota ijoo jalqaba bara 2012 keessatti raawwatan keessaa tokko Irreecha Finfinneeti. Irreechi Finfinnee waggaa dheeraa booda yeroo jalqabaaf kan kabajamedha.

Haala haawwataa ta’en kan kabajame sirna aadaa kana irratti saboonniifi sab-lammoonni bakkeewwan Itoophiyaa garaa garaaraa dhufanis hirmaataniiru.

Gama kaaniin, bara 2011 sababoota garaa garaan kan taasifamuu dhabe lakkoofsi ummataa bara 2012 keessa ni raawwata jedhamus yeroo sadaffaaf yeroo biraatti darbeera.

Kana dura rakkoo nageenyaan bara 2012 keessammoo sababa weerara koronaavaayirasiin osoo hin taasifamiin hafe. Ummanni Itoophiyaa yeroo xumuraaf waggaa 14 dura lakkaa’ame.

Qulqulluun Sinodosii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Itoophiyaa hundeeffama Mana Lubummaa Oromiyaa kuffisuun lubummaan hundeessitootaa qabu kan murteessees waggaa bara 2012 keessa ture.

Balaan lolaa lammiilee kuma dhibbaan lakkaa’amanirra gaaga’ama olaanaa dhaqqabsiisees ganna bara 2012 keessadha. Mootummaan sababa lolaan lammiileen miiliyoona 2 ol miidhamu danda’u jechuun ibsee ture.

Dhimmoota ijoo kaan raawwatan gabaabinaan haa ilaallu.

Ajjeechaa barattoota yunivarsiitii

Yunivarsiitiiwwan barumsa eegalanii osoo hin turin ture ajjeechaan sukaneessaa dhagahamuu kan eegale.

Keessumaa yunivarsiitiiwwan Naannoo Amaaraafi Oromiyaa jiran muraasa keessa gochi kana dura hin baratamne raawwateera.

Ajjeechaa raawwate hordofee barattoonni bakkeewwan adda addaatti mormii dhageessisuufi poolisiitti bu’aa turan.

Barattoonni kuma hedduutti tilmaaman immoo sodaa kanaan barumsa dhiisanii maatiitti galuu isaanii Ministeerri Saayinsiifi Barnoota Olaanoo ibseera.

Yunivarsiitiiwwanis barattoota hookkara uuman jechuun shakkan barnootarraa waggaa 1fi 2’f dhorkuu eegalee barnoottati akka hin deebinellee murteessaniiru.

Poolisiin barattoota badii kanaan shakkeerratti meeshaalee adda addaa, akkasumas qarshii guddaa argachuu ibseera.

Ajjeechaawwan garaa garaa kanaaf mootummaan dhaaba Naannoo Tigraay bulchu irra deddeebiin himatus, dhaabichi kana ni balaaleeffata.

Boodarra dhaabbileen siyaasaa rakkoon akkanaa calaqqee siyaasaati jechuun, keessumaa paartileen Naannoo Oromiyaafi Amaaraa keessa sosso’an akkasumas rogeeyyiin marii taasisaniiru.

Walumaa gala, taate kanaan barattoonni 10 ol haala garaa garaan lubbuu dhabaniiru.

Jawaar ‘marfamuu’ isaa ibsuu

Rogeessi beekamaa akkasumas yeroos daarektara olaanaa OMN kan ture Jawaar Mohaammad baatii Onkololeessaa keessa ture ‘marfamuu’ isaa ibsuun fuula fesbuukii isaarratti kan barreesse.

Kana hordofee deeggartoonni isaa nageenya isaaf yaadda’an mana jireenyaa isaa akkasumas magaalota Oromiyaa garaa garaatti daanditti bahuun mormii ibsaniiru.

Jawaar humnoonni nageenyaa eegdota mootummaan ramadeef ‘halkan keessa humnaan’ fudhachuuf akka yaalan hime. Poolisiin Federaalaa ajaja akkanaa hin kennine jechuun himannaa Jawaar balaaleeffata.

Mormiin daandiitti bahame garuu hookkaratti jijjiiramuun namoonni gareedhaan, amantiifi sabaan walitti gara galuun yoo xiqqaate namoonni 97 akka ajjeefaman poolisiin ibseera.

Ajjeechaawwan gara caalu namoonni walitti gara garuun kan raawwatanidha kan jedhe poolisiin, muraasni kan lakkoofsaan hin ibsamne harka humnoota nageenyaa jalattis ajjeefamuu ibseera.

Ajjeechaa sukaneessaa raawwateen alatti qabeenyi guddaas manca’eera. Yeroo kana manneen amantii Kiristaanaafi Islaamaarratti haleellaan xiyyeeffate mul’ateera.

Ajjeechaan yeroosi saba tokkorratti xiyyeeffate jechuun hirmannaa ka’e hordofee MM Abiy Ahimad eenyummaa saba namoota ajjeefamanii lakkaa’un amantiifi sabaan ummataaf ibsaniiru.

Rakkoo yeroos raawwaterratti garuu qaamni gaafatamees ta’e himatame hin jiru. Jawaar MM Abiy waliin dhimmicharratti akka mari’atan ibsuun ala waan ibsame hin jiru.

Taatee kana booda Jawaar Mohaammad siyaasa paartii keessa akka seenu ibsuun filannoorratti akka hirmaatu beeksise. Paartii KFO seenuun paasportii US deebisuu isaa kan ibsees kana booda ture.

Sidaamaa – Naannoo 10ffaa

Godinni Sidaamaa Naannoo Sidaamaa ta’uun naannoo kudhanaffaa Itoophiyaa ta’un kan galmoofte bara 2012 ture.

Rifarandamii baatii Sadaasa keessatti taasifame jiraattonni godinichaa sagalee olaanaan kan deeggaran yoo ta’u gammachuu guddaanillee simatan.

Haa ta’u malee, naannichi ji’oota shan olif hin hundoofne ture.

Godinichi qabsoo waggaa dheeraa booda naannoo ta’un garuu saboota kaan naannoo Kibbaa keessa jiran gaaffii walfakkaataa akka kaasan taasiseera.

Bakkeewwan sababa kanaan wal dhibdeen dhalates ture. Hireen gaaffii naannoo godinoota kaanii qorannoon kan murtaa’u akka ta’e mootummaan ibseera.

Dhiheenya qondaaltonni Godina Walaayittaafi kaan mariirra turan hidhamuu hordofee namoonni 20’tti siqan ajjeefamun ni yaadatama.

Badhaasa Nobeelii MM Abiy

Lammiin Itoophiyaa badhaasa Nobeelii Nagaa yoo injifatu Ministirri Muummee Abiy Ahimad kan jalqabaati.

MM Abiy sababni ijoo badhaasicha argatan araara Ertiraa waliin waggaa 20 booda Itoophiyaan buufte, gahee araara Sudaan keessa taasisan, nageenya Bahaa Afrikaa keessatti gumaachaniifi jijjiirama biyya keessa taasisanidha.

Badhaasa booda yoo biyya gahan ‘simannaan gootaa’ kan taasifameef yoo ta’u lammiileen kumaatamaan lakkaa’aman gammachuun simataniiru.

HAKON MOSVOLD LARSEN

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.