Hiriira Qeerroo fii hawaasni ona Jimmaa Gannattii magaalaa Horataatti godhame irratti Alaabaa ABO

(SBO/VOL-Ado. 26/2018) Hiriira Qeerroo fii hawaasni ona Jimmaa Gannattii magaalaa Horataatti godhame irratti Alaabaa ABO qabachuun dhaadannoolee “ABO’n kallachaQabsoo Oromooti, duulli WBO fii ABO irratti Banamee Haa dhaabbatu. hidhaa fii ajjechaan Oromoo irraa haa dhaabbatuu…'” fii dhaadannolee warraaqsaa garagaraa kan dhageeysisan yeroo tahu dhuma irratti sirna miidhagaan alaabaa fannisuun injifannoon xumuratan jachuun maddeen SBO gabaasanii jiran.

Guyyaa har’aa July 26,2018 Godina Horroo Guduruu Magaalaa Haratootti sirni alaabaa dhaabuu milkiin xumure.
As irratti uummatni fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo ajjeechaa haadha Oromoo Birhaanee Maammoo Dambi Doolloo ,barsiisaa Geetaachuu Addisuu Najjoo…akkasumas Baalee, Cinaaqsan, Mooyyaalee, Gujii, faatti raawwachaa jiru balaaleffataniiru.
ABO xiqqeessuu fi maqaa “shanee” itti moggaasuu balaaleffatamee ooleera.
ABOn kallacha qabsoo Oromooti!
Oromoon ABO dha!
ABOn Oromoo dha! jedhameera.
Faaruun Alaabaas godhameera
Dhiichisni WBO s ta’eera.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatii Magaalaa Haratootti Sirna Alaabaa Dhaabuu fi Mormii Ajjeechaa Dambii Doolloo fi Goleelee Oromiyaatti raawwatamaa jiru. Adoolessa 26, 2018, Viidiyoo gabaabaa.

SAGALEE QEERROO 2018


ONN: Miliishaan OPDO Qeerroo 3 Ajjeese Ofiifis Ajjeefame. Awwadaayi, Adoolessa 26, 2018.
===============
Mootummaan Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaatiin durfamu utuu yakka Dambii Doollootti raawwatameef imimmaan ummata Oromoo hin qooriin guyyaa gaafa Adoolessa 25, 2018 galgala Baha Oromiyaa magaalaa Awwadaayitti yakka tokko malee nammota 3 aajjeessee namoota 3 kanneen biroo ammoo akka malee madeessee jira.

Milishaan mootummaan ummata Oromoo irratti bobbaase maqaan isaaKadir Ibrahim kan jedhamu yammuu ta’u, qeerroon magaalaa Awwaadaay namicha miliishaa ilmaan Oromoo fixe kana halkan edaa jechuun Adooleeysa 25/2018 qeerroon tarkaanffii ajjeechaa irratti fudhatuudhaan reeffa isaa kosii keessatti gatanii dhiiga joollee qeeyroo kafalanii jiran.

Miliishaan Kadir Ibraahim amma ajjeefame kun waggoota darban keessa dhiiga ilmaan Oromoo kan gadi naqsiisaa turee fi yeroo adda addaatti gorfamee adaba godhachuu diduudhaan kunoo guyyaa kaleessaa lubbuu qeerroo 3 nyaatee, 3 madeessee ofiifis du’a saree akka du’e beekuun danda’ameera.
Kana malees miliishaan amma ajjeefame kun itti gaafatamaa nageenyaaf bulchiinsaa araddaa kan ture yammuu ta’u shariika namicha Abdii Idiris jedhamu kan akkuma isaa ummataaf gamsiisee dhuma irratti waggaa 2 dura baatii soomanaa keessa ummata an ajjeefamee ta’uun barameera.

Guyyaa har’aa jechuun Adoolessa 26, 2018 motummaan gamaa isaatiin waraana hidhannoo gutuu qabu magaalaa Awwadaay keeysatti gad naquudhaan nageeyaa hawaasa boreeysaa akka jiru gabaasni arganne dabalee addeessee jira