Hiriira Nagahaa Tibba Darbe Dambi Doollootti Geggeeffame

Above Single Post

Hiriira Nagahaa Tibba Darbe Dambi Doollootti Geggeeffame

Hiriira Dambi Doollootti geggeeffameen akka mariin araaraa humna hidhatee bosona keessa socho’uu fi mootummaa geggeeffamee araarri bu’u gaafatamee jira. Hiriirri nagaa kun kan uummatni fedhii ofiitiin bahe, jedhan Itti gaafatamaan Ijaarsaa fi Siyaasa Baadiyyaa Godina Qellam wallaggaa.

Hiriira kanaan qaamni bosona keessa socho’uu fi mootummaan araara buusanii akka nagaan godinichatti deebi’u gaafatamuullee himanii jiran – aangawichi.

Gama biraatiin n, hiriira Waraana Bilisummaa Oromoo bosona keessa socho’u balaaleffachuuf Laaloo Assaabii Innaangootti waamame irratti namoonni hiraachuu didan hidhaman jechuun namni maqaan isaanii akka hin himamne gaafatan tokko dubbatanii jiran.

Aangawaan aanichaa akka kanaaf deebii kennan gaafatamanii tole hin jenne. Gabaasaa guutuu caqasaa.

Below Single Post