Hiriira deeggarsa muummee ministiraa Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimadii guyyaa

Hiriira deeggarsa muummee ministiraa Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimadii guyyaa harraa Finfinneetti geggeeffame suuraadhaan daawwadhaa.
Daran agarsiis
Hiriira Uummataa Adabaabaayii Masqalaatti:
Source : voaafaanoromoo


Bombii hardha Finfinnee waltajjii Masqalaatti tokkaateen nama 115 madaahe nama sun keessa jiru dubbifne kunoo caqasaa

support of the new Prime Minister Abiy Ahmed in Addis Ababa

WASHINGTON,DC — Bombiin tun yoo muummeen ministeraa Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahmed ummata isa galateeffachuuf Dirree Masqalaatti dhufee dubbatee gadi taa’ee tokkaate.

Akka koomishineerii poolisii Finfinnee Girmaa Kaasaa jedhetti nama 115 madaahe keessaa 15 madaa hamtuu. Tana maleellee namilleen yo baqatu wal irra ejaajjatee guddoo wal miidhe.

Madoolee keessaa nama 57 hospitaala Xiqur Anbessaatti akimuutti jiran.Akka jarii nu dubbifne jedhetti waltajjii bombiin biratti tokkaate sun muummee ministeraatii fi bulchoota Itoophiyaa hedduutti keessa jiraa yoosuma fuudhanii baqataniin.

Dr.Abiyyi yoosuma harkumaan biyyatti nagaa dhaamatee poolisiin fuutee baqatteen. Waltajjii sun irra isaatii fi itti gaafatamtoota mootummaa federaalaa hedduutti tataa’a.

Akka warrii nu dubbifne jedhetti nama miliyoona sadii caala ka Dirree Masqalaatti Dr.Abiyyi hujiin galateeffachuuf dhufe.

Mee kunoo kana caqasaa