Hayyoota: Oromiyaan bara 1950 as dolaara tiriliyoona 3.5 dhabdeetti

Hayyoota: Oromiyaan bara 1950 as dolaara tiriliyoona 3.5 dhabdeetti

Hayyoonni Oromoo dhimma siyaas-dinagdee uumatichaarratti galma UNECA keessatti

(bbc)–Imaammamtni siyaas-diinagdee Itoophiyaafi dhabamuun dimokiraasii diinagdee uummata Oromoo cimaa miidhunsaa himame.

Mariin hayyoota Oromoo dhimma diinagdee Itoophiyaa irratti xiyyeefate kaleessa galma diinagdee komishinii Afriikaatti taasifameera.

Dhimma dhaabbilee misoomaa mootummaa kanneen akka baankii daldalaa fi baankii misoomaa Itoophiyaa, Itiyo-Telekom, daandii xayyaaraa Itoophiyaa fi kanneen biroo irratti waraqaa qo’annoo isaanii kan dhiyeessan Doktar Kabbadaa Fedhasaa dhaabbileen kun qabeenya guddaa kan sochoosan ta’ullee gumaachi isaan diinagdee biyyattiif qaban garuu xiqqaa akka ta’e himan.

Baankii addunyaatti ogeessa olaanaa dhimma diinagdee kan ta’an Dr. Kabbadaan gumaachi dhaabbilee gurguddaa kunneenii diinagdee biyyattiif qaban dhibbeentaa 20 qofa jedhan.

Kunis kan biyyaalee biroo walin yeroo madaallamu xiqqaa ta’uusaa himu.

“Qarshiin dhaabbileen kun argatan eessa deema kan jedhu gaafii ijoodha” jechuun Dr Kabbadaa dubbatu.

Gama biraatin “rakkoo hooggansaa irraa kan ka’e qabeenyi naannoon Oromiyaa irraa fayyadamuu dandeessuu faayyidaara ooluu dhiisu isaatin fi humni nama baratee sababa siyaasaan biyyattidhaa godaanaa turuunsaa naannoon Oromiyaa bara 1950 hanga ammaatti qabeenya dollaara triliyoona 3.5 akka dhabdu taasiseera” jedhu.

Dr. Kabbadaan “haalli amma jiru yoo jijjiirame malee qabeenyi naannoon Oromiyaa dhabdu kun bara 2050ti gara triliyoona 8.2tti ni guddata” jedhan.

Dhimma Lafaa

Yunivarsiitii Minisootaatti barsiisaa ikonomiksii kan ta’an proofesar Badhaasaa Taaddasaa imaammatni lafaa biyyatti dhimmoota guddina diinagdee uummata Oromoo cimaa miidhan keessaa tokko akka ta’e qorannoo dhiyeesanin himan.

Uummatni Oromoo mirga abbaa lafummaa dhorkamuunsaa uummatichi lafa isaa irraa akka hin fayyadamne taasiseera jedhan.

Lafti maqaa investimantiidhaan qonnaan bultoota irraa fudhatames miidhaansaa guddaa akka ta’edha kan himan

“Qubeedhaan barachuun Oromummaa keenya hagam akka geeddare ni beekna. Oromoo abbaa lafaa gochuun immoo bu’aa qubee dhaan barachuu caalaa nuf fida” jedhu professor Badhaasaa.

Kanaafis abbummaa lafaa uummata Oromoo mirkaneessuuf wantootni sadi hojjetamuu qabu kan jedhan professor Badhaasaa jalqaba imaammatni lafaa biyyattii bifa mirga abbuummaa lafaa uummatichaa mirkaneessuun jijjiiramuu akka qabu himan.

Itti aansunis eenyu lafa hagamii bifa kamin qabate kan jedhu qoratamuu qaba jedhan.

Dhumarattis namoota abbaa mirgaa ta’anif lafa hiruu fi kunneen beenyaa gahaa malee lafa isaanirraa buqqa’an dhaabbilee investimantii isaan buqqisan irraa akkaataa itti fayyadamuu danda’an mijeessuun akka barbaachisu profeessar Badhaasaa waraqaa qo’annoo dhiyeesanin himan.

1 Comment

Comments are closed.