Harreen hayyuu hin beeknee, gootootaaf qabsaahota umrii guutuu saba kanaaf qabsaahan hidhaatii dararaa saba kanaan wajjiin nagayaan jiraachuun abjuudha.

Harreen hayyuu hin beeknee, gootootaaf qabsaahota umrii guutuu saba kanaaf qabsaahan hidhaatii dararaa saba kanaan wajjiin nagayaan jiraachuun abjuudha.

Mohammednur Guye


Ammuma sa’aa 11:30 yeroon egeree Oromoo harka nafxanyaatti kufuuf gahe kanattillee as bahanii “Koottaa jarana dogongora kaleerraa haa barannu.Mee wal-amanneefi Tokkummaan fala saba keenya baasu haa keenyu.Amma teenyee fala waarawaa fidnuttis uummatni akka hin burjaajofne uummatatti baanee:-

1.Uummata Oromoo sababni umurii gabrummaa sirratti dheeresse rakkoo keenya warra humnoota siyaasaa hoggannuuti,kanaafuu dhiifama.

2.Yeroo ammaa dogoggora nuti kaleessa uumneen injifannoo kee diinni hamaan gola kee beeku fudhatuuf qarqara gahuu agartee, miira burjaajiifi hoormaa keessa seenterta.Haa ta’u malee har’a waadaa siif galla.Gadi teenyee fala ittiin si ceesifnu ni fidna.Abdii nurraa hin kutin.Ofittis hin gaabbiin. Hoormaa keessaa bahiiti TOKKUMMAAN dhaabadhu, nu eegi’ jennee uumata keenyas haa tasgabbeessinu” jedhanii nu jajjabeessu jettanii dhaabilee siyaasaa keenya eeguu dandeessu.

Uummata koo isaan yeroo kana mishigii mata mataa isaanii keessa taa’anii walxiinxalu.Akkamitti qaawwa kanaan tokko isa biraa akka dhabamsiisu buusanii baasu. Goolii walirratti lakkoofsisaniifi akkaataa tokko tokko itti moo’atee darbu yaadu(kun garuu kan dhugoomu yoo filannoon jiraate qofa malee obbolaan lamaan gaafa aangoof walwaraanan miidhaa gahu tilmaamufuu ni ulfaata).Nan gadda.Waa’ee dhaabbilee siyaasa Oromoo hundaa fi dursitoota siyaasaa gara jabina isaan walirratti qaban yoon yaadadhu.Oromoon Oromoo waliin haasa’ee rakkoo isaa furuu hin dandeenye, amba waliin rakkoo isaa furuuf obboleessa isaa balleessuu akka falaatti yoo fudhatu yoon yaadu nan rifadha.

Hundaafuu,ani warri nafxanyaa yeroo koronaan kun biyya raasuttis taanan qaawwa uumamuun Oromoo hin miidhan jedhee hin yaadu.Cirumaayyuu,of dagannaan jiraannaan, warra qabsoo sabaa adda durummaan gaggeessaa jiru fixanii olaantummaa isaaniin gantuufi galtuu qabatanii,waggoota 1000 dhufuuf Oromoo cabsanii bitu hoormaa jedhun qaba.

Kana kan taasisaniif isaan hiika aangoo ni beekan.Isaanif, Oromoon yeroon hin cabne taanan, osuma isaan gabbaraa jiraatellee boru ni badna jedhanii yaadu.Yoo xiqqaatee waggaa 1000 fuuldurattis yaadu.Kunimmoo jabina isaanitii.Doofaan keenya waanuma nama amansiisu tokko osoo harkaa hin qabne “iriguu hin gahan,omaa hin fidan” osoo jedhuu kunoo gama hundaan qophii xumuraniiru.Dammaqxu dammaqi. Koronaas, nafxanyaa koronaa caalus eeggadhu.

Shiferaw Lencho



Yaa Oromoo!!