Harmee Gaaddisaa Hirphasaa: ‘Biyyaaf ta’a otoo jennuu biyyoo ta’e’

Above Single Post

Harmee Gaaddisaa Hirphasaa: ‘Biyyaaf ta’a otoo jennuu biyyoo ta’e’

Suura Gaaddisaa Hirphasaa maatii isaa biraa arganne

Manni hidhaa Maakalaawii jedhamuufi dararaan guddaa hidhamtoota irratti gahaa ture dhihoo muuziyamii ta’e banameera. Hidhamtoota mana hidhaa kana keessatti lubbuu dhaban keessaa tokko immoo Gaaddisaa Hirphasaadha.

Barreeffamni ‘Anamoo himattoota kootu yakkamtoota?” jedhu dhaaba (keenyan) mana hidhaa Maakalaawii gubbaatti wayita daawwannaaf baname argame qalbii namoota hedduu hawwateera.

Mana hidhaa kanatti namoonni hiraarfaman dhaaba manarratti dhaamsa gargaraa qaban barreessaa turan.

Barataa qaroo kan ture Gaaddisaan bara 1998 A.L.I tti du’aan darbuus, barreeffama Afaan Amaaraatiin maqaan isaas jalatti barreeffame miidiyaa hawaasummaa irratti haasa’un haala du’asaati yaadatan.

Dhimma kana ilaalchisuun haadha fi obboleessa angafaa isaa BBC’n akkamitti akka lubbuu dhabe iyyaafateera.

Obboleessi Gaaddisaa angafti Taayyee Hirphasaa sababa inni ittin qabamee yoo dubbatu mormii barattoota qindeessitee jedhamuun akka ta’e hima.

Bara 1997 teessoon Mootummaa Naannoo Oromiyaa Finfinneerraa gara Adaamaatti wayita jijjiru barattootni mormanii turani.

Hiriirri mormi barattootaas Finfinneetti bahamee ture. Wayita sanatti mormii barattoota qabbaneessuuf barattoota 300 ol Yuunivarsitiin Finfinneeti ari’ataman keessaa Gaaddisaan barataa tokko ture.

Sana boodas mormii barattootaa qindeesseera jedhamee qabamuun mana hidhaa Maakalaawiitti hidhame.

Yuunivarsitiin Finfinneetti muummee Teekinolojii waggaa 5ffaa otoo baratuu akka qabame hidhame dubbata.

Wayita hidhaa turetti yeroo 3’f deddeebi’ee gaafachuu kan dubbatu Taayyeen, iddoo cinqii fi rakkisaadha jedhee Gaaddisaan natti himaa turee jedhe.

Boodarra garuu lubbuu kan dhabe miidhama mana hidhatti irra qaqqabeen yaalii otoo hin argatiin turuusaatin ta’u dubbata.

Kutaa dukkanaa lafa jalatti dararamuun hidhamaa turee, miidhama irra qaqqabeef yaalii dhabe, qaamni isaa guutuun laamsha’e, Sombii fi kaleen isaas miidhameera erga of dadhabee mana yaalaa geessan jechuun hima.

Mana hidhaa Maa’ikalawwwitti barreeffama dhaaba manarratti argame

Mana hidhaa Maakalawii fi ‘Alam- Baqqaa’ iddoo jedhamee waamamutti A.L.I ji’a Adolessaa bara 1996 hamma bara 1998 lubbuun isaa darbutti mana hidhaa keessa ture.

Wayita lubbuu isaa dabartu akka bira ture kan dubbatu Taayyeen, miidhaan qaamasaarra mul’atu hin turre keessa qaama isaatu fayyaa hin qabu qaamni isaa guutuun hin hojjatu ture jedha.

Ragaa mana yaalaas gaafannee Nimooniyaa jedhanitu callisan yeroo sanatti kan jedhu obboleessi dhukkubsatee otoo hin taane reebamee miidhame du’e jechuun hima.

Dhimmisaa akka ilaalamuuf Mana murtiitti himadheen garuu dhukkubsateetu du’ee jedhanii galmeesaa cufani jedhe. Mootummaan harka keessaa qaba ture dhimmisaa akka ilaalamu hin barbaadan ture jechuun dubbata obboleessi hangafti dubbisne.

Haqa dhabuun himannaan isaa akka cufame kan dubbatu Taayyeen dhimma Gaaddisaa Mana Murtii Lidataatti deddeebi’e hordofaa akka ture dubbata.

Ragaan mana yaala dhukkubsateetu du’e jedha kana caala deemu hin dandeenyu jedhanii cufani jedhe.

Lubbuusaa darbeef namoonni mana hidhaa Maakalaawii fi Qaalliitti bulchaa turan itti gaafatamu qabu jechuun himata.

‘Ragaan yeroo sana ture qoratamuu qaba, namoonni yakka kana raawwatan lubbuun jiru, namni yakkaa lubbuu namarratti raawwate gaafatamuu qabaas,’ jedha.

Taayyeen akka jedhutti Gaaddisaan barata qacalee qabxii 4 galmeessuun Yuunivarsitii Finfinneet seene. Muummee baratutti qabxii olaanaa galmeessisuun barataa qacalee akka ture yaadate.

Haati Gaaddisaa Aadde Jaalalii Diroo ‘miidhaa mana hidhaatti irraa qaqqabeen lubbuu dhabus gumaan isaallee hin baanee akkanumatti achiin hafee,’ jedhan.

Hidhamuusaallee jalqabarratti akka hin dhageenye kan dubbatan Aadde Jaalaliin ”yeroo 3 mana hidhaa Qaalliittii fi Maakalaawiitti gaafadhe gara qe’eetti deebi’e, sana booda du’aasaa naaf fidanii,” jedhani.

”Biyyaaf ta’a otoo jedhamee eegamuu biyyee ta’e” jedhan.

Gaaddisaan naamusa gaarii akka qabu miira gaddaan yaadatani dubbatan haati isaa.

Manni hidhaa kun akka daawwatamuuf wayita banamu dhaqanii akka hin ilaallee fi barreeffama maqaa Gaaddisaan dhaaba manaarratti argames akka odeeffannoo hin qabne maatiin isaa himaniiru.


በማዕከላዊ ጨለማ ክፍል ውስጥ የተሰቃየው መቶ አለቃ “ከፍያለው ተፈራ እግሮቹን ሲቆረጥ እኔ ክፍል ነበር”

Below Single Post