Hacee !!#Si Eegnumoo Hin Haftee?? #Irreecha!!

Otoo #Irreecha ho’isnee kabajnuu #Hacee yaadanna
Yeroo hundaa si yaadanna
 
Horri Finfinnee qehee Caffee Tuulamaa ti. Irreecha Hora Finfinnee kan saaquuf aangoo qabus Abbaa Gadaa Tuulama Goobanaa Hoolaa ti. Nafxanyaa fi Cundhuurri ishii ammoo wal taatee Abbaa Gadaa kana ugguruuf fuffiigaa jirti. Sabboonummaa fi gootummaa isaatiif isa dadhaban. Karaa ittiin isa kophxeessanii dhahan barbaadaa jiran.
Kanaafuu:
1. Abbootiin Gadaa biroon diinaaf bitamtanii shira kana keessatti qooda fudhachuurraa jabeessaa of eegaa. Namni an abbaa gadaati jechaa Goobanaa Hoolaa dura dhaabattu, diina waliin dhaabattee isarratti shira shirtu yoo jiraatte dafii of sirreessi.
2. Ummanni Oromoo Tuulamaa aggaammii diinni Abbaa Gadaa kee Goobanaa Hoolaa irratti taasisaa jirtu dammaqinaa fi tokkummaadhaan qoladhu. Abbaa Gadaa kee salphisaa warra maqaa keetiin nagaddu ofirraa tufi. Oromoo irraa kophaatti kiyyoo
addaa keessa si galchanii sirratti garmaamuuf dhama’aa jiru waan taheef ofirraa didii falmadhu!

Sagantaa irreecha Akka Guutuu oromiyaa tti Finfinnee irratti Torbee dhufu kabajamuuf Bahe.
 
Warri Fira Finfinnee qabuu fi dandeetti qabu dursee Finfinnee galuu qaba.
Akkatuma Qeerroon oromoo walii galeen . Jala bultii irraa gaafaa guyyaa 22/1/2013 Hanga guyyaa keessaa sa’a 6:00 local time kallatti daandii Finfinnee geessu afraniinuu..
#Karaa Bahaa Adaamaa irratti wal eeguun.
#Karaa Karaa jimmaa Waliso irratti wal eeguun.
#Karaa Lixaa Amboo irratti wal eeguun.
# Karaa Moojii kan dhuftan Bishooftuu irratti wal eeguun.
#Karaa kaabaa Fiichee irratti wal eeguun.
# warri Walloo Sandaaffaa irratti wal eeguun hundi keenya yaroo wal fakkaatuu hiriira galuun sa’a wal fakkaatu Finfinnee galla.
 
Walumaa galatti Oromoon hundi eega kalatti arfaniin bakka tokkotti eega wal eegnee simatamnee booda Guyyaa keessaa sa’a 6:00 hanga 8:00 local time Imalli gara Finfinnee tti ni godhama.
===> sa’a 8:00 irraa calqabee Finfinnee seenuun sa’a 10:00 irratti oromoon hundi Bakka Dirree masqalatti walitti dabalama. Sa’a 8:00 hanga 10:00 irraa calqabee Finfinneen OROMOO OROMOO urgoofti.
Oromoof injfannoo.Diina OROMOO Nafxanyaaf kufaatii fi Gadda ta’a.
Maatiin addunyaa irratti Ariitii isaan gitu dhabame Ilmaan #Dibaabaa #Irreecha2020f qophaawaa jiru.
Ejigayhu Dibaba. Baayyee Bareeddu Ijarraa Hafaa
#Share gochuun Oromummaan Miidhagummaadha akka tahe himaa.
Yadi Pictures
FINFINNEE FUDHACHUUF……..!!
 
Akkuma Shaggar babaldhaachaa deemu qayeen Oromoota naannoo kanaa buqqaa’aa deema. Dhuguma ee Londonis, Barliinis, Kaayiroonis, Waashingitan Diisiiniis … ganda qotee bulaa buqqiseeti babaldhate jettaniis, kan jaraa kun seeraan beekamee, namoonni buqqifamanis gaafatamanii, wanni hedduu kennameefitii buqqa’an.
Kan buqqa’uus kan bakka inni irraa buqqa’ee qubatus uummatuma tokko. Keenya garuu, kan buqqa’u ganda Oromoo ti; kan dhufee achi qubatu warra Abashaati. Gandi Oromoo tokko oggaa buqqa’u, aadaa fi seenaa Oromootu wajjin buqqa’a. Silaa Shaggar dalgamalee, ol hin ijaaramu, manni dhoqqee Burraayyuu irraa kaasee Aqaaqii Basaqaa gayeeti jira.
 
Kun immoo baatii baatiin Oromoo naannoo kanaa irratti raawwatamaa jira. Gullallee fi Eekkaan buqqifama duraanii irraa hafee, kunoo amma ijuma keenya duratti buqqifamaa jira. Kanas Oromoonni tole jedhanii hin fudhanne. Gara waggaa torbaatii kaasee ofi irraa falmataafii jira. Ammoo kan isaan dhagawu, kan isanii birmatu, fakkaatee kan duraa irra kan hammaatu Aangoo dhunfateeti jira.
 
Hanga Duraan Jijjiirama ja’anii Nama Gogaa Oromoo Uffateen nu Sobaa turan amma Nafxanyicha Sagalee Oromoo dhagahuu jibbu fidanii achitti Shuuman. Dhiigni Qeerroo Sababa Magaalaa Finfinnee Gaafa Master Planii Guutuu Oromiyaatti dhangala’e OPDO Aangomsee OPDON Nafxanyaa Aangomse. Afaan Oromoo Fii Oromoo Balleeysuun Duriis Finfinnee irraa eegala. Naannoo Amaaraatii fii Finfinnee walitti dhaabuuf KM Muraasa qofaatu hafa, Hacaaluuniis waan Achitti galafaatameef qaba, Achitti Waan Awwaalamuu dhoorgameefiis qaba!.
 
Manni Koyyoo Facceetti Obbo Jawar Mohammed Oromoof malee kan biraaf dabarsamee hin laatamu je’e Sun amma eenyuun akka fudhatame quba qabduu?
Jawaariin bakka sanaaf Waan isaan deemaniif argee dura dhaabbatees ar’a Mana Hidhaa Mana godhaniif!. Namaas dhabnee lafaas dhabuuf deemna!!.
 
Via: Shukrii Mohammed Umaraa


Kan biyyoo na dhandhamsiise
Hammeenya keettodha shira
Isaan galaafanneerra se’an
Onnee Oromootaa keessan jira
Isaanitti fakkaateti malee
Bakka kiyya hin jiraatan
Isan ani dhugu hin dhugan
Kan ani nyaadhu hin nyaatan
Ulfinan oromoo irraa qabu
Yoomiyyuu bira hin ga’an
Maatii kiyyaafis ilmoo miti
Ijoollee koof abbaa hin ta’an
Sobanii isin faana boo’an
Aduu dhiitee bariitu
Garuu keessa isaanitti
Gammadanii lafa dhiitu!
Yaa lammii koo maal godhu
Ani miilana hin carroomne
Akka duriitti imimmaan koo
Keessan faana hin roobne
Namni Onneerraa na jaalatu
Inni boohee Haacee koo jedhu
Dhaamsa wayiin dhaamafii
Waanan jedhe naaf haa godhu.
Dhaamsi koos
Gaafa “yaa Oromoo” jedhan
Sagalee tokkoon owwaadhaaa
kutaaf gandaan waamamuu
Tokkummaadhan qoladhaa
Wal ta’aa waliin deemaa
Amantaa waliis kabajaatii
Yoo gamtaan keessan cime
Gumaan kiyyas ni baatii
Foon Guddattuu kiyyaatin
Isiniifan kakadhaa
Kanaan ala falli hin jiru
Har’umarraa beekkadhaa!

Oduu Gaddisiisa.
Murtiin Mana Murtii kabajamuu dhabuun lubbuu haadha warraa Obbo Siisaay Baqqalee galaafate.
Obbo Siisaay Baqqalee namoota reeffa Artist Hacaaluu Hundeessaa geggeessuuf ba’anii humna tika mootummaatiin to’ataman keessaa tokko ta’ee, akkuma hidhamtoota kan biroo lakkoobsi Herrega baankii isaatiis akka hin sochoonetti mootummaatiin sababa cufameef maatiin isaa rakkoo hamaaf saaxilamuu gabaasnee turre.
 
Haati warraa isaa Aadde Xajjituun dhukkubsattuu dhibee Kaanseerii yoo taatu, sababa hanqina maallaqaatiin daawaafi yaala fayyaa argachuu dhabdee rakkachaa kan turte yoo ta’u, maallaqa Abbaa Warraa ishee waliin baankiitii qaban baafachuun yaalamuu illee hin dandeenye. Deggersa maatiifi firootaan Hospitaalatti deddeebi’aa turtus, sababa yeroon tajaajilamuu dhabuutiin guyyaa kaleessaa lubbuun ishee darbeera.
Adde Xajjituufi Obbo Siisaay daa’ima waggaa tokko kan waliin qaban yoo ta’u, Abbaan warraa ishee yeroo ammaa kana mana hidhaa keessa jira.
 
Manni murtii kana dura mirga wabii eeguufiin lakkoobsi Herrega baankiis akka banamu murteessus, poolisiin mana hidhaa itti jijjiiruudhaan maatiin isa argachuu akka hin dandeenyeefillee sababa ta’e.
“Sirni Awwaalcha Aadde Xajjituu guyyaa har’aa kan raawwatamu yoo ta’u, dhukkubsattee illee Abbaa Manaa ishee yeroo dhumaaf arguuf carraa hin argannee. Ammas ammoo erga mirgi wabii eegameefii utuuma dhufee awwaala haadha daa’ima isaarratti hirmaatee, irmii tufeetii nu gammachiisaa’ jechuun maatiin isaa OMN-tti himaniiru.
 
OMN: Obbo Siisaay Baqqaleef mirgi wabii manni murtii eegeef jalaa sarbamee, maallaqni inni Baankiitii qabus ugguramee, ammas utuu hin argin haadha warraa isaa dhabuun cubbuu guddaa ilmaan Oromoo irratti mootummaan raawwachaa jiru agarsiisa’ kan jedhan miseensa maatii isaatii keessaa tokko.
Namni kun utuudhuma harkisaallee fuuncaan hidhamee dhufee awwaalcha irratti hirmaatee gaarii ture jechuun dubbata.
 
Obbo Siisaay Baqqalee dhukkubsachaa jiraachuu haadha warraasaa quba kan hin qabne yoo ta’u, dhihoottis maatiifi Abukaattoon bakka inni itti hidhamee jiru quba hin qaban.