“Haayyaloom haa du’u” jechuun kan kakatan Sa’ire Makonnin eenyuudha?

“Haayyaloom haa du’u” jechuun kan kakatan Sa’ire Makonnin eenyuudha?

This high rank military person is the one who massacred innocent Oromos in Moyale town last year.
He was appointed to the rank of high position -military intelligence Head.


Jeneraal Se’are kan ajjeesse waardiyaa isaa Mesafint jedhamu ta’uun himameera. Bakki dhaloota isaa Gondar, Amhara dha. Ajjeechaa sana erga raawwatee booda of ajjeesuu yaalee kan ture yoo ta’u of madeessee lubbuun keessa jirti.

Dr. Ambachew Bahirdaaritti kan ajjeese Jeneral Asaaminew Tsige ta’uunis himamaa jira. Amma Bahirdar keessaa miliqee bakka hin beekamne dhokatee jira jedhama. Walgayii magaalattii walakkaa keessatti ta’e keessatti nama lama ajjeessee dhokachuu danda’uun isaa bulchiinsa Amaaraa keessaa deggertootaa hedduuf cimdaa bal’aa qabaachuu isaa agarsiisa. Hatattamaan hin qabamu yoo ta’e dhiyootti deggertoota isaa wajjin waraanaa mootummaa federaalaa irratti banuun isaa waan hin oolle. Caasaan ABN isa cina dhaabbachuun falmisiisaa miti. Qaamni kun Amaara keessa qofa otuu hin taane biyyattii bakka hundatti caasaa diriirfatee jira. Keessumaa magaalota Oromiyaa kanneen akka Adaamaa, Asallaa, Goobbaa fi Finfinnee keessatti caasaan ABN cimaa ta’uu hin oolu. Kanaaf ummatni keenya of eeggannoo cimaa godhuu qaba. Poolisii Oromiyaa cina dhaabbatee nageenya isaa tiksuu qaba.

Solomon Ungashe


“Haayyaloom haa du’u” jechuun kan kakatan Sa’ire Makonnin eenyuudha?

(bbcafaanoromoo)–Haleellaa kaleessa irratti raawwateen lubbusaanii kan dhaban Janaraal Sa’iree Makonniin erga umurii ijoollummatiin gara waraanaatti makamanii kaasee jireenya isaanii tajaajila loltummaan dabarsa.

Naannoo Tigraayi bakka Shira Indaabagunaa jedhamutti kan dhalatan Janaraal Sa’ireen, barnoota sadarkaa tokkooffaa achumatti hordofan.

Booda keessa Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigraayi hundeeffamee osoo waggaa lama hin guutuun ALI bara 1968’tti ture umurii waggaa 17tiin barnoota isaanii adda kutuun gara qabsootti kan makaman.

Qabsaa’aa idileetii kaasee sadarkaalee itti gaafatamummaa adda addaatiin tajaajilanii turan.

Waa’ee ”yaalii fonqolchaa” fi ajjeechaa hanga ammaatti maal beekna?
Duula ‘Urjii Diimaatiinis’ garee ABUT gargaarsaaf gara Eeritraatti duulee ture hogganunis waggaa tokkoof qabsaa’ota Eeritiraa waliin turaniiru.

”Lola waraana Dargii waliin taasifameenis addi waraanaa Sa’iireen irratti hin hirmaatiin hinturree” jechuun himu hirriyyoon qabsoo isaanii.

Naannoo Afaariitti qabsoo namoonni hedduun dhoobu bishaanitiin itti dhuman irrattis, wareegama olaanaa taasisuun baayyeen dhumanii namoota lubbuun hafan muraasa keessa tokko akka turan himu hiriiyoonni isaanii.

Dhumarrattis waraana kallattii Dabra Taaboorii fi Shawaa aabaatiin taasifameen hajajaa birgeedii ta’uun, boodas ogganaa kutaa waraan ta’uun gotummaa olaanaa kan raawatan ta’u seenaan jirenyaasaanii ni mullisa.

Kufaatii dargiitiin booda:

Kufaatii Dargiitiin boodas wayita ce’umsaa, keessattuu gama baha Itoophiyaatiin hajajjaa waraanaa olaanoo ta’uun hojjataniiru.

Weerara Eeritiraatiin ammo Adda Buree ogganuun qondaaltoota waraanaa Itoophiyaa akka enjjifannoo olaanaa galmeessan taasisan keessaa tokkodha.

Waraanichaan nboodas bara 2004tti raayyaan ittisa biyyaa akka haaraatti yoo caaseeffamu, waraanni biyyattii bakka lamatti qoodamuun hajajaa izii tokko ta’uun oggansa olaanaa kennaniiru.

Itti aansuunis casseefamni waraanaa iziiwwan afuriin yoo ijaarameetti, keessattuu Izii daangaa Itiiyoo-Eertiraa eegaa tureef hajajaa muummee ta’uudhaan yeroo dheeraadhaaf izii kaabaa oggananiiru.

Waggoota afuriin dura sababii hinbeekamneen aangoo kanarraa kan kaafaman janraal sa’ireen itti gaafatamaa olaanaa Qajeelcha leenii ta’uun tajaajilaa turan.

Wagga darbe erga MM Dr Abiy garaaangootti dhufanii kaasee garuu qondaaltoonni ABUT hedduun aangoorra kan kaafaman yoo ta’u, Janraal Sa’iireen garuu Itaamaajoor Janaraal Saamooraa Yanuusiin bakka bu’uun Shuumii Itaamaajoor Waliigalaa biyyattii ta’an.

Kalleessa hanga lubbunsaanii darbeettis aangoodhuma Kanaan hojjataa turaniiru.

“Haayyaloom haa du’u”

Janaraal Sa’iireen hirriiyyaa qabsoo Janaraal Hayyaloom ta’usaanitiin alattis, hirriiyyaa dhiyoo fi jaalleewwan walii akka turan hirriyaa dhihoo kan taateefi maqanshee akka hin eermne gaaffatte tokko BBC’tti himte jirti.

Addawwan waraanaa hedduurrattis waliin qabsa’usaanii jaalleewwan keessa beekan ni dubbatu.

Sababii kanaanis erga Janaraal Hayyaloom ajjeefamanii kaasee ”Haayyaloom haa du’u” jechuun maqaasaatiin akka kakatan hirriyyaan qabsoo isaanii tokko ni dubbatu.

Hirriyyoonnii qabsoo isaanii akka himaniitti, amalaanis Janaraal Haayyaloom waliin waliitti ni dhiyaatu.

Janaraal Sa’iireen salphaadhumatti kan namaan walii galaniifi xabatoo akkasummas gara laafoodha jedhamu.

Janaraar Sa’iireen mucaasaanii jalqabaa kan dhalchan qabsoorra osoo jiranu yoo ta’u, mucaansaanii lammafaan Ma’aashoon ammo jijjiramaan booda dhalate.

Moggaasni maqaa mucaasaanii Ma’aashoo jedhus, kan qabsaa’aa Janaraal Sa’ireen dinqisifatanii fi kufaatii Dargiitiin booda waraana OLF waliin taasifameen kan ajjeeffame ta’u madden ni mullisu. Qabsaa’aa dinqisiifatan kana yaadachuuf jechas mucaasnii ittiin muggasuu himama.