Haasawa Hayyu Dureen ABO ONN irratti taasisan keessaa haga tokko:

Haasawa Hayyu Dureen ABO ONN irratti taasisan keessaa haga tokko:

● ONN: Sochii Adda Bilisummaa Oromoo ilaalchisee haalli dhaabichi keessa jiru maal fakkaata?
HD ABO: “Biyya kana keessatti jijjiiramni argamuuf tattaafatamee biyyatti galle. Jijjiiramichi nagaa, dimokiraasiifi wal qixxummaa kan hawwate ture. Garuu jijjiiramni homaatuu utuu hin jiraatiin caasaafi miseensa ABO bira darbee biyyattiiyyu rakkoo seensisee hidhaafi ajjeechaa keessa socho’aa jirra. Waajjiraalee banannee sochii nagaa taasisuuf yaallus akkuma bara 1992 waajjira cufuufi saamuun itti fufe.
 
Kun qaamuma qabsoo ta’ee jira. Waggoota lamaaf akkasitti deemee ajjeefamuu Haacaaluu boodas rakkoon biraa nu mudate. Rakkoon nu mudate jennee haga ammaatti qabsoo karaa nagaa hin dhiifne. Hidhaafi waajjiraaleen keenya cufachuu ilaalchisuun tarrisa waajjira cufameefi namoota hidhamanii qaamota dhimmi ilaalu beeksifnee deebii sirnaa hin arganne.
 
Filannoo keessaa qooda fidhachuuf murteeffannee seennee rakkoo mootummaan uumaa jiru utuu iyyannuu boordiin filannoos gurra cufatee qophii filannoo itti fufe. Waajjira keenya muummicha dabalatee cufamee yeroo jirutti waan filannoo dubbatu. Boordiin filannoo rakkoo nuti ibsinu dhiisee rakkoo mootummaan ofumaa uume ‘rakkoo keessoo dhaabaa’ kan jedhu qabatee irra ciisaa ba’ee sana akka sababaatti dhiyeesa. Rakkoo sana kan uume mootummaadha. Sana ragaa itti qabna. Yoo rakkoon nu gidduu jiraateyyu akki itti furannu seeraafi caasaatu jira. Kana hundayyu Addi Bilisummaa Oromoo qophii filannoo akka hin goone danqaraa guddaa karaa ittiin uumanidha. Kunuu ta’ee utuu hogganaafi miseensi keenya mana hidhaa jiru nuti filannoo kana keessatti hirmaachuuf dhiibbataa turre.
 
Ammaan booda akkaataa itti kaadhimamtoota dhiyeeffannee filannoo keessatti hirmaannu carraasaa mootummaan cufee sadarkaa dhumaarra ga’eera. Kana hunda mootummichatu karra hunda nutti cufee akka nuti filannoo keessaa qooda hin fudhanne nu taasisaa jira.
Addi Bilisummaa Oromoo haala kam keessattuu sochiisaa hin dhaabu.
 
Nuti rakkoo biyyi kun keessa seente, jeequmsa heeraa biyya kana mudate furuuf yaada dhiyeessine mootummaatu dide. Callisnee dhiisuu waan hin dandeenyeef furmaata ta’a kan jennu Lammiilee Oromiyaaf Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa labsine. Nuti furmaata kana ofumaa dantaa siyaasaa keenyaaf yokiinimmoo mootummaarratti ittiin dhiibbaa gochuuf qofa kan dhiyeessine miti. Haala siyaasaafi haala nageenyaa biyya kanaa ilaallee gara itti biyyi kun deemtuufi haala as deemaa jiru ulfaataa ta’uu hubannee Mootummaa Ce’umsaa kana uummata keenyaaf labsine.
 
Kan as deemaa jiru kun fuula keenya dura lolatu as deemaa jira, jeequmsa ollaalee Oromiyaa kan ta’an fuulduratti argaa jirra, uummata buqqa’u argaa jirra, beela lola qabatee dhufaa jiru argaa jirra. Kana waan hubanneef furmaata keenye. Haalli biyya kanaafi lolli itti deemamaa turee amma mul’ate kun jaarmiyaa akka ABO kan muuxannoo yeroo dheeraafi odeeffannoo qormaataan deeggarame qabu mitiiti lammiinumti kamuu ni hubata. Haala kana ilaalleeti Lammiilee Oromiyaa gaaga’ama lola kanaan dhufurraa baraaruuf Mootummaa Ce’uumsaa Biyyoolessa Oromiyaa labsine.
 
Dhimmi Mootummaa Ce’umsaa kun ammaa booda dirqama Lammiilee Oromiyaati. Nutimmoo filmaata kanaaf ijibbaata gooneen abdiin Addi Bilisummaa Oromoo filannoo kana keessaa nagaan qooda fudhachuu mootummaadhaan cufamee qarqararra ga’eera.
 
● ONN: Rakkoolee kana hundaaf komiifi iyyata dhiyeessitaniif deebiin kenname maal fakkaata?
HD ABO : Tokko kan mootummaati. Biyya kana keessatti mootummaafi paartiin adda hin ba’ani. Caasaan ijaarsa sirna dimokiraasii kanneen akka mana murtii, poolisii, boordii filannoo fi kkf qabeenya mootummaatti dhimma ba’anii paartii biyya bulchu tajaajilu. Nuuf deebii kennuu hin barbaadani. Deebiis argannee hin beeknu. Boordiin filannoo bilisadha jennee waan amannuuf yeroo kenninaaf jennee komachuurraa of qusataa turre. Isaan garuu cillaakfannaan isaanii garuma paartii biyya bulchuuti. Loogii guddaa akka qaban nutti mullisaa deeme.
 
● ONN: Biyya kana keessa lola walirraa hin cinneti geggeeffamaa as ga’e. Maddi lola kanaa maali?
HD ABO: Aadaafi sirna uummatooti mootummaa tokko jala jiraniifi akkaataa itti mootummaan sun ijaarametu murteessaadha. Lammiileen Oromiyaa fi uummatootni Kibbaa sirna mataa isaanii kan ittiin of bulchan qabu. Sirnichi sirna wal qixxummaafi nagaan uummata jiraachisu ture. Faallaa kanaammoo sirni Kaabarraa gad ijaaramaa deemu jira. Sirnichi sirna mootii tokko jalatti ijaaramanii buluuti. Mootiin kun gaafa du’u ykn ajjeefamu qofa aangoo gadhiisa. Sirna kanatu humnaan cabsee sirna walqixxummaa sana cabse. Achirraa ka’ee lolli kun haga ammaatti hin dhaabbanne. Walitti bu’iinsaafi jeequmasa nagaadhaan furuun aadaafi sammuu isaanii keessa waan hin jirreef, saboota hacuucanii jirachuu waan barbaadaniif humnoota sirna kana fincilaniifi sirnicha gidduutti lolli geggeeffama. Mootummaan dhufaa darbaan sirna sana fooyyessuurra isuma itti fufsiisuuf hojjeta. Waggaa lamaa asis aadaama sanatu itti fufee loluma itti fufsiise. Kan biraan, biyyoonni alaafi biyyoonni ollaa naannoo kanarraa dantaa qabu. Dantaa isaanii kanaaf qaama biyya bulchu qabatanii fayyadamu. Kunis lolli kun bara baraan akka jiraatu taasiseera.
Lola kana keessaa ba’uuf sirni kaabarraa gad babal’ate kun diigamuu qaba. Sirni walqixxummaa sun innifatee ba’uu qaba.
 
● ONN: Sirni Federaalizimii akka hin barbachifneefi akka badu kan fedhan paartileen siyaasaa ni jiru. Dhimma waliin jireenya sabootaafi Federaalizimii kana irratti maal jettu?
HD ABO: Waan lamatu jira. Sirna Federaalizimii fi Itoophiyummaa. Itoophiyaa tokkittii kan aadaafi afaan tokkoo gad dhaabuuf kan tattaafatutu jira. Kun ilaalcha mootota kaabaa sana. Warri kun sammuun isaanii ilaalcha durii sana keessaa hin baane. Ilaalcha kana akka sirna bulchiinsaafi siyaasaatti fudhatanii kun jijjiiramuu hin qabu jedhee kan itti rakkatutu jira. Haata’u garuu Itoophiyaan isaan jedhan sun hin jirtu. Qabsoo uummataatiin jijjiiramaa jirti. Utumasaan ilaalanii Ertiraan irraa baatee mootummaa tokko ijaarratte. (Isheenuu deebitee rakkina seentee rakkinas uumaa jirti malee). Itoophiyaan dambalii qabsoo uummataatiin jijjiiramtee sirni Federaalizimii ijaarame. Humni isaan mirga sabootaa ittiin hacuucuu yaadan sun cabeera. Wirtuun humna isaaniis caccabaa dhufeera.
 
● ONN: Qeeqaafi komiin dhiyeenya kana taajjabdootaafi raawwachiistota filannoo ilaalchisuun gara boordii filannootti galchitan maal hammatee jira?
HD ABO: Boordiin filannoo bilisa ta’ee caasaa isaallee ilaalee bilisa gochuu qaba ture. Ofumaa akka bilisa hin taane of mullise. Ammammoo raawwachiistotaafi taajjabdoota filannoo dhiyeessee yaada irratti kennaa jedhee nuuf kenne. Qorannoo bal’aa goonee baasne. Namoota paartiirraa bilisa hin taane, warra paartii biyya bulchurraa ramadamanii hogganoota waajjiraalee adda addaa ta’anidha. Namoota eenyummaan isaanii hawaasa keessatti hin beekamne ramadani. Kaanimmoo warra Afaan Oromoo hin beekne ramadani. Kun haalli ramaddii sanaa sirrii akka hin taane ibsinee qeeqaafi komii dhiyeessine. Komii sanaafis boordiin filannoo akka waan dhugaa hin taaneetti bira darbe. Nuti garuu qormaataan deeggarree dhugaa hin haalamne dhiyeessine. Silaafuu boordiin filannoo hirmaachisummaa wal qixaa qabaachuu filannoo kanaa utuu hin mirkaneessiin dhiibbatee filannootti deemaa jira. Kunimmoo akka gara paartii tokkootti cillaakfatee jiru ta’uusaa nutti mullisa.
 
● ONN: Haalli bara chaarteraa (1992) fi haalli ammaa maaliin wal fakkaata? Maaltummoo adda godha?
HD ABO: Waajjirri cufamuun, namni hidhamuun, ajjeefamuun, lolli babal’ataa deemuun isuma bara sanaa waliin tokkuma. Itoophiyaa keessatti jijjiiramni siyaasaa yeroo baayyee mul’ate. Jijjiirama keessatti uummanni deeggarsa kenna. Garuummoo humna deeggaru kana xiinxalee yeroo itti fudhatee haala jijjiiramichaa hin hubatu. Uummata qofa miti warri beektota jedhamaniyyu hedduun isaanii uummata dogoggorsu. Mootummaa kanaaf nama hedduutu deeggarsa kenne. Nuti garuu deeggarsa dunuunfatanii kennan sanarraa of qusanne. ‘Mee ni ilaalla’ jennee mootummaa kana waliin wal qabne. Kanaaf duula nutti banani. Waggootiin lamaan darban kun Adda Bilisummaa Oromoof qormata guddaa ture. Qormaatichis karaa tokko haalichi uummata keenyaafuu galuu dhabuusaati. Deeggarsa dunuunfatanii kennan sanatu nuunis uummatas miidhe. Waggoota lamaaf walakkaa kana obsinee keessa darbine malee wanuma bara 1992 sanaan wal fakkaata.
Kan inni adda ta’u, nuti didnee, itti cichinee uummata keenya waliin itti deemna. Haalli uummataafi humnootii qabsoo akka bara sanaa miti. Kan sirna kana didu hedduudha. Akkuma gaafa wayyaanee sana gochuun mootummaa kanaaf salphaa hin ta’u.
 
● ONN: Addi Bilisummaa Oromoo filannoo keessaa ni ba’aa?
HD ABO: Filmaata keessaa qooda fudhachuuf baayyee tattaafanne. Tattaafachuu qofa miti wareegama itti baafne. Ijibbaata goonee yoo keessaa qooda fudhanne uummata keenya waliin mo’uu dandeenya jennee murteeffanne. Amma isa kana mootummaan carraasaa cufeera. Nuti ni barbaanna. Carraan filannoo keessaa qooda fudhachuu harka 100 keessaa 98 cufameera. Filmaata keessaa qooda fudhachuu hanqachuun qabsoo karaa nagaa keessaa ba’uu jechuu miti. Bifa adda addaatiin qabsoo itti fufna. Filmaanni taasifamu filmaata haqaa akka hin taane, mootummaan filmaata kanaan ijaaramullee mootummaa uummataa akka hin taane ibsina. Kana eenyuyyu nun dhorku.
 
● ONN: Haala kana gidduutti haalli sochii siyaasaa yoo baname, hidhamtoonni hiikamamii waajjirri yoo baname filannootti ni hirmaattuu? Yeroon boordiin filannoo kaa’e isin ga’aa?
HD ABO: Addi Bilisummaa Oromoo gaafa namni kaan sobame hin sobamne. Uummata keenyatu irraanfatee sobame. Gaafa sana uummanni nu hubachuu dadhabe. Ammas haga uummanni nu hubatutti jenneeti malee nuuf Fulbaana 30 booda mootummaan sirnaa hin jiru. Filannoo geggeessuufuu mirga itti hin qabu. Kan humnaan jiraatee mootummaadha of jedhutu jira. Uummanni waan nu hin hubatiiniif walumaan mootummaadha jenna. Nuti labsineerra. Mootummaan seerawaan hin jiru. Filmaata geggeessuus hin danda’u. Rakkoo nageenyaafi gaaffii uummataa bal’aa kan deebii hin argannetu jira. Yooma fakkeessaadhaaf sochii fakkeessaa taasisee warra sirna Itoophiyummaa tiksuuf wal harka qabatanii dhugaa jiru haalanii itti deemanii ‘kunoo abalu filameera’ jedhanii labsan malee filmaanni haqaa hin jiru. Nageenyi yeroo gabaabaa keessatti mootummaa kanaan ni bu’a jedhamee abdatamu hin jiru.
 
● ONN: Karaa tokko Mootummaa Ce’umsaa jechaa karaa tokkommoo waan filannoo kana deemsisuun akkamitti danda’ama?
HD ABO: Biyyichumatu waan wal faallessaadha. Mootummichumatu wal faallessaadha. Nagaafi dimokiraasii jechaa waggaa lamaaf walakkaa nurraa fixe. Ija keenya duratti COVID 19 sababeeffatee filannoo dabarse. Warri har’a filannoo malee jedhan gaafa sana filmaatni hin feesisu, ce’umsa kanaaf yeroo kennina warra jedhudha. Faallaa kanaa ammammoo “warra nu dorgoman hiine, jaarmiyaa jabaa uggurre” jeshanii yaadaniiti. Waan dhugaa nuti uummata keenyatti dubbachuu qabnutu jira. Innis gara itti mootummichi deemu gara hundi wal qabatee jigutti, gara Oromiyaan diigamtuttidha. Gara lola hamaatti. Lola kanaan Lammiilee Oromiyaa hundatu miidhama. Wan fuuldura keenya jiru ulfaataadha. Lola keessa seename kana akka itti keessaa ba’u hin beeku mootummaan kun. Lolli kun yoom xumuramaan hin beekamu. Lolli yoom xumuramaan hin beekamnemmoo miidhaansaa eenyurraayyu hin hafu. Sababa mootummaan lola kana to’achuu hin dandeenyeef beelli uummatatti dhufu salphaa hin ta’u. Oromiyaanillee akkasumatti yoo calliste waan isheetti dhufu salphaa hin ta’u. Lolli bal’atee bakka itti qaban yoo dhabame uummatatu beela’a; sirnatu dhabama. Kana hanqisuuf Mootummaa Ce’umsaa ijaarrachuuf uummanni mirga itti qaba.
 
● ONN: Hariiroon ABO fi KFO maal fakkaata?
HD ABO: Waliigalteen ykn hariiroon keenya kan ammaa miti. Kan bara 2003/204 irraa eegaleeti. Jaarmiyaalee jiran keessaa hariiroo dhaabbataa nuti qabnu keessaa kan KFO waliin qabnu isa duraati. KFOn karaa nagaa geggeessa, ABO lolarra ture. Qabsoo karaa nagaa KFOn geggeessu akka milkaa’u karaa adda addaa waliin hojjetaa turre. Erga biyya galleemmoo dhaaba lama kan dantaa Oromoorratti ejjennoo tokko qabnudha. Ammallee hariiroon keenya akka itti fufetti jira. Rakkoon nurra ga’aa jirus tokkuma; ejjennoo wal fakkaataallee qabna. ABOfi KFO gidduu rakkoon hin jiru. Nuti waliigaluu keenyaan mootummaan walumaan nutti duule. Jaarmiyaaleen lamaan kun yoo wal ta’anii filannoo irratti hirmaatan mootummaa uummataa ijaaruun beekamaa waan ta’eef sodaatanii dhiibbaa nurratti godhu. Garaagarummaan keenya xiqqaadha. Innis caasaa hogganaa adda addaa qabaachuufi sagantaa siyaasa xixiqqaa adda adda qabaachuu keenyadha. Haala amma keessa jirrus ejjennoo wal fakkaataan itti deemaa jirra.
 
● ONN: Yaada hafe yoo qabaattan…
HD ABO: Mootummaa Ce’umsaa labsine kana yoo milkeessine qofa rakkoon furmaata argata. Falli biraan eegamu hin jiru. Uummanni naannoosaa to’atee waliin jiraachuuf hojjechuu qaba.
 
Fayyaa ta’aa!