Haasaa Hayyu Duree ABO Jaal Daawud Ibsaan Kora ABO Finfinnee irratti Waxabajjii 28, 2019 taasisan

Haasaa Hayyu Duree ABO Jaal Daawud Ibsaan Kora ABO Finfinnee irratti Waxabajjii 28, 2019 taasisan

Nama jabaa akka sibiilaa; goota akka leencaa _ Daawud Ibsaa. Gantuu fi galtuun kumni walfunaantee OPDO waliin ida’amte hanga tokkicha kee hin geessu. Oromoon miliyoonni 50ni ABO dha. ABOn ammoo ishee qulqullittii ganamaati. Bokkuun ABO Daawud Ibsaa harka jira. Warri Gadaa hin beekne : warri Sirni gabrummaa fi Habashummaa shira walxaxuu fi walajjeesuu isaan barsiise aangoof jecha daba hojjetu. Aangoo barbaachaaf safuu Oromoo cabsu. ABOn lama hin jiru. Yoo ABO ta’uu barbaadde; yoo kaayyoo Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa barbaadde ABO walii hiriiri.


ONN: Adoolessa 14, 2019-Kora Addaa ABO

Haasaa Hayyu Duree ABO Jaal Daawud Ibsaan Kora ABO Finfinnee irratti Waxabajjii 28, 2019 taasisan


ONN LIVE | Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Adooleessa 13,2019 “Hanga hidhaaf ajjeechaan nama tokkotti gallee hafnuttuu qabsoo itti fufna haamileen keenya hincabu” jedhu Barreessaan Adda Bilisummaa Oromoo ABO kan godina Wallagga Bahaa magaalaa Naqamtee “Cawwaaqaa keessatti manneen uummata Oromoo 200 ta’utu gubate'” jechuun jiraataan Buunnoo Beddellee bilbilaan SQ’f gabaasan “Qaamni mootummaa ofuma isaafuu heeraaf seera isaa irra tarkaanfatee sa’a 48 ol uummata nagaa mana hidhaa kaahaa jira” jedhu jiraataan Kibba Baha Oromiyaa Baalee irraa yaada SQ’f laataniin Waraanni Mootummaa EPRDF Ajjechaa Lammiilee Oromoo irratti raawwatu itti fufuun har’a Godina Wallagga Lixaa Ona Gullisoo ganda Diillaa Gogolaa keessatti Qeerroo tokko ajjeese. Addi Bilisummaa Oromoo holola OPDOtiin hin laafu