Haala yeroo Ammaa Kan Kaaba Shaggar Salaalee Ilaalchisee

ONN : EBLA 20 2019 Haala yeroo Ammaa Kan Kaaba Shaggar Salaalee Ilaalchisee Gaaffii fi Deebii Taasifame


Sagalee QEERROO bilisummaa EBLA 20 2019|Lixa Oromiyaatti Waraanni Mootummaa Itoophiyaa uummata nagaa hidhuufi dararuu jabeessee itti fufeera. | Kibba Lixa Shaggar magaalaa Tullu Boollootti miseensonni WBO mooraa Xoollay jiran summii nyaachifamuu balaaleffachuun uummanni hiriira ba’ee sagalee mormii dhageessise. | Magaalaa Finfinnee mana barumsaa Waaqoo Guutuu keessatti summii elekoopteraan facaafameen barattoonni miidhaman. Baha Oromiyaa magaalaa Harar keessatti uummanni Oromoo Naannoo Somaaleerrraa buqqa’aniifi jiraattonni naannichaa dhiibbaa mootummaan irraan ga’uun dararamaa jiru.