HAALA OOLMAA OROMIYAA : [OBN 26 06 2010] Oromiyaan har’a akkamiin ooltee?

HAALA OOLMAA OROMIYAA : [OBN 26 06 2010] Oromiyaan har’a akkamiin ooltee? Agabaastonni keenya odeeffannoo Lagannaa gabaa Lixa Oromiyaa Gimbii, Jimmaa fi Amboo akkanatti ooltee, kan godinaalee biroos itti fufinsaan kan gabaasnu ta’a nuu hordofaa.

HAALA OOLMAA OROMIYAA

OMN: GRD – በፓርላማ የወደቀው አዋጅ እና ያስከተለው ፍጥጫ (LIVE) Mar 4, 2018

OMN: Lagannaa Gabaa (LIVE) Bit 5, 2018

IBSA/MNO
=========
[OBN 26 06 2010] Mootummaan Naannoo Oromiyaa Lubbuu nama qaalii darbaa jiruuf gadda ol’aanaan akka itti dhaga’ame ibse.


Qajeelfamni Raawwii Labsii Yeroo Ariifachiisaa Lakkoofsi 1 beeksifame
============================================
[OBN 26 06 2010] Qajeelfamni Raawwii Labsii Yeroo Ariifachiisaa Lakkoofsi 1 guyyaa har’aa beeksifameera. Qajeelfamoota Labsii Yeroo Ariifachiisaa Irratti Abbaan Alangaa Federaalaa Getaachoo Ambaayee Miidiyaaf Ibsa Kennan
Heera mootummaafi sirnoota heera mootummaa balaarraa oolchuuf, labsiin yeroo Ariifachiisaa mana maree bakka bu’oota ummataatiin mirkanaa’e kan jedhan Abbaan Alangaa Federaalaa Getaachoo Ambaayee qajiilfamoota labisicha hojiirra oolchuuf ba’an irratti Miidiyaaf ibsa Kennaniiru.
Qajeelfamoonni ba’an keeyyattoota 24 kan qaban yommuu ta’u, iftoomina uumuuf, jeequmsaafi walitti bu’iinsa ittisuu fi qaamolee jeequmsiifi walitti bu’iinsi akka uumuu taasisaniif ergaa dabarsuuf jedhan.
Qajeelfama ba’e keessatti keeyyanni 1-18 wantoota yeroo labsii Ariifachiisaa dhorgaman irratti xiyyeeffata. Kanneen hafan immoo tarkaanfiiwwan qaamoleen seeraa kabachiisan fudhatan kan ibsuudha.
Keeyyanni 16 nageenya ummataa jeequuf deeggarsa maallaqaa, yaadaafi gochaa taasisuun dhorkamaadha kan jedhu xiyyeeffannaa guddaan itti kennameeraa jedhan.
1. Dhorkaawwan guutummaa biyyattiitti hojiitti hiikaman
1.1. Gocha sirna heera mootummaa cabsu raawwachuu; akka qajeelfama kanaatti namni kamiyyuu humnaan, dhaadannaan fi haala kamiinuu gocha sirna heera mootummaa cabsu raawwachuu hin-qabu.
Meeshaa waraanaa qabatanii finciluun fi jeequmsa waliinii uumuunis dhorkaadha.
1.2 Gocha tokkummaa fi wal-danda’uu uummatichaa miidhu raawwachuu
1.3 Dhaabbilee shororkeessitootaa waliin hidhata uumuu fi deggaruu
1.4 Sochii geejibaa jeequu
1.5 Tajaajia uummataa jeequu, addaan kutuu fi cufuu
1.6. bu’uuraalee misoomaa irratti balaa qaqqabsiisuu
1.7 Hojii seera kabachiiftotaa jeequu
1.8 Hiriira hin-eyyamamne fi walga’ii adda-baabayyii geggeessuu
1.9 Dhaabbilee barnootaatti lagannaa geggeessuu
1.10 Iddoowwan ispoortiitti lagannaa geggeessuu
1.11 Sochii fi hariiroo jeequmsa kakaasu uumuu
1.12 Sochii ‘shaqaxoota’ bu’uuraa jeequu
Dhorkaawwan kunniin guutummaa biyyattiitti kan hojiitti hiikamanidha.
2. Dhorkaawwan kutaalee biyyattii murtaa’anitti hojiitti hiikaman
2.1. Meeshaa waraanaa qabatanii socho’uu
Iddoowwan Komaand Poostiin Yeroo Ariifachiisaa beeksisutti meeshaa waraanaa kamiyyuu qabatanii socho’uun hin-eyyamamu
2.2. Daangaa sa’aatii
Komaand poostiin yeroo Ariifachiisaa iddoowwan beeksisutti daangaa yeroo nikaa’a.
Warshaalee gudguddoo, wiirtuleen industirii, qonnaawwan babal’oon iddoowwan daangaan sa’aatii itti kaa’amudha.
2.3. Nageenya lammilee ilaalchisee
Nageenya lammilee eeguuf jecha lammilee iddoo murtaa’e tokko tursuu, iddoo tokkoo bakka biraatti dabarsuu
2.4. Nagaaf kan jedhuun daandii cufametti seenuu
3. Dirqama raawwachuu fi beeksisuu
3.1. kireessitoota manaa fi konkolaataa
Eenyummaa qaama kireeffatee galmeessuun ifatti qabachuu, ragaa barreeffamaan taa’e sa’aatii 24 keessatti poolisii beeksisuu; kireeffataan lammii biyya alaa yoo ta’e paaspoortii fi waliigaltee kiraayii dirqama poolisii beeksisuu qabu.

3.2 Dirqama odeeffannoo kennuu
Dhaabbati kamiyyuu yeroo gaafatametti qaama seera kabachiisuu dirqama odeeffannoo kennuu qaba.
3.3 Namni kamiyyuu dirqama murtoo Komaand Poostii kabajuu fi raawwachuu irra jira.
4. Tarkaanfiiwwan
Labsii yeroo hatattamaa irra daddarbanii argamuun tarkaanfiiwwan namarratti fudhachiisa
Tarkaanfiiwwan fudhataman:
Ajaja mana-murtii malee too’annoo jala oolchuu
Komaand poostichi namoota too’annoo jala oolfaman bakka murteesse akka turan godha
Bakka kamittu, qaama kamiyyuu sa’aatii kamittuu sakatta’uu
Qabeenyaawwan saamaman qulqulleeffatee abbootii-qabeenyaaf deebisuu
Qaamolee dhaabbilee barnootaatti jeequmsa uuman irratti tarkaanfii seeraa fudhachuu, Barbaachisaa ta’ee wayita argamu tarkaanfiin bulchiinsaa akka fudhatamu ajajuu.
5. Itti-fayyadama humnaa

Qaamoleen seera kabachiiftonni fi humnoonni nageenyaa – nageenya mataa isaanii eeguu nidanda’u.
Dirqama nageenya lammilee fi dhaabbilee ‘invastimantii’ eeguu irra jira. Dirqama isaanii kana ba’uuf humna madaalawaa fayyadamuu akka danda’an qajeelfama kanaan taa’eera. kan Gabaase Abaataa Fayyisaa