Haagayu Dr. Guutuu Tessoo

Haagayu Dr. Guutuu Tessoo

Asaffaa A. Lamuu 

Ilma abbako Tessoo, obbleessako, Dr. Gutu akkam jirta? Barreffama ka’umsaa matadure “Imala Qabsoo Oromoofi Gahee Hayyoota” jeduun kan ati Adolessa 6, 2019 Magalaa Adamaatti bakka hayyootni Oromo filatamaniifi qondaltooni Mootummaa Oromiyaa ol-annoon 2,000 argamani irrati dhihessuke Feesbookirra (https://www.facebook.com/OBNAfaanoromo/videos/891040801259878/ ) argee xalayaa kana siif bareesu fedhe. Matadureen barreefamakes tahe humni ati ittiin dubbatee dhiheesitees nama hawwatu. Kana gochuufis galatoomi obbolessako ilma ayyaa.

Dubbii ati goote dhageefadhee ergan fixee boodas Dr. Guutuun enyu isaa jedhu baru barbadeen Gugul isaa ati hayyoni oromoo barreeffa irra balaliisu jette sanan gafadhe. Gugulis akka Qallu hundumaa beeka mitiree dokkeetii seenaa barnootafi hojiike qabu kunoti naan jedhe (http://www.agrodep.org/sites/default/files/GTessocv_102017_0.pdf). Dhugaadha, sadeeta lamaafi walakka keessati waan heddu hojjeteta jabadhu. Garuumo ya obboleesa kiyya yoon dhugaa dubbadhe hojii akkas si bokkisisu hinagare. Yoo ati hayyooni Oromo “gatiitii sangarra ummata kana busuu hindandeenye” jettu Doktorichi kuni maal uumeera lata jedheen gafadhee ture. Waan ati hojjedhe jettee barreesitee Gugul irra balalifte yommuun ilalu atiis akkuma warra komattee sanaa  kan ummaticha qolee sangarra buusuu hojjechuke hin agarre. Barumsi kes kana gochuuf waan sidandeesisu miti. “Suta suta, kuftee na jala duuta” jedhee walisaan!

Sochiifi gumata Waldaan Macaa-Tulama godhe, gahee hayyooni Oromo sochii baratoota Itophiyaa bara 1960ta fi 1970ta keessatti godhani xuxuqtetta. Galatoomi. Namni waan kaleessaa hinbeekne hara’a bakka jiru hinbeeku; isaa boorus tilmamuu hindandahu. Kanafuu, seenaa wal yadachiisuun gariidha. Garuu achumaan gumaata hayyooni Oromoo mootummaan Oromiyaa Finfinne dhisee akka hinbaane godhani,Masteer Pilaaniin Addis Ababaa akka haqamu godhaniifi, jijjiramni motummaa Itophiyaa keessati akka dhufu godhani utu dubbateetta tahe garii ture. Hir’ina kanati dubbiike dubbii kachachalaa godha. Hayyu jechuun kan shiminuu dhiisee dhugaaf dhabatudha; dhugaan immo gartookkee argisisuudhaan ifa hinbahu. Hayyootni Oromoo wajirolee Oromiyaafi mootummaa Oromiyaarra akka baqatani sababoota godhani xinnole mahindubbanne?  Ammo, dhuguma mootummaan Oromiyaa hayyoota Oromoo waliin hojechuuf qophayadha? Itti siqxa, keessa beekta jedheen si gafadha.

Dubbike keessati yaada cicitaa heddu walbira naqxeeta. Garu dubbiinke hanqina yaada walqabatee ya’u qaba. Akka quruphisaa asiifi achhi utaluun nama janjessita. Awuropa, Amerikaafi Asiyaa waamtee nama burjajessita.  Jechike inni tokko isaa gara biraa fallessa. Fakkeenyaaf, takka hayyuun Oromoo hundi nama politikaa taheera jetta; achi dabartemmo hayuun Oromo kotuu dhaaba siyyasa kana keessa gali hojjedhu yoo jedhani ni dida jette komatta. Maaliif hayyoota keenya siyyasa keessatti hirmachisuu dadhabnee jettes gafata. Takka bareeffama Gugulirra balalisu jettee hayyu Oromo komata; takkammo hayyun Oromoo akka hayyoota Montenegro barreeffama adda adda baasuu qabu jettee gorsita. Ummani Oromo hayyootni isaa akka isaaf hojjetuufi male akka Afrikaafi addunyaaf hojjetuuf hinbarsiifne;“barumsike, hayyummaanke ummata Oromoo waa xiqqoo hin wayyeessu yoo tahee[Oromoof] dinummaadha” jetteta.  “ Biyaa mal dhufu, biyya balli hudduu gubu” jette jartiin keesummummaa biyaa bira dhaqxe baala gulgulbeedhaan (dobbidhaan) hudduu haqatee.  Mee wa sigafadha: atoo bara 1999ti Yunivarsitii Haramayaarra barumsake erga fixxee booda miti-motummaaf hojjechuu malee ummata Oromoof hojjechuuke hin agare; ati diina Oromooti jechuudha? Namni bassa hinbeeknefi baxalaqeen ofuma salphata.

Ya Doktoraa, midhagdooni Kooriyaa Kibbaa rifeensa mata isaani ofirra haadani biyya alati gurgurudhaan biyaa isaani guddisaani jettee nuti himteetata. Dhugaadha dubartootni Koriyaa Kibaa kan abbaan mana isaani warana Koriyaa keessati jala du’e jennaan rakkatani kan “ajumma” jedhamuun beekamani rakkoon riffeensa mata isaani gurgursiseera.Reefensa maa gurguruuf midhagduu tahuunis ulagaa hinturre.  Kara kana yoo tahe, Oromootu isaan caala, maaliif jennaan rakkoon Oromoota dhala isaani Arabaati akka gurguraan isaan goonaan karaa dalalaa meeqaa Oromoon dhala isaa Arabatti gurgurata jira (yoo xiqqate huma isaani, dafqa isaani gurguratee nyaataa jira). Hundumafu, kuni gahee hayyotaa waliin kan walqabatu hinqabu. Gudina dinagdee Koriyaa Kibaa keessattis gahee gudda kan xabatee warra riffeensa gurgureefi miindaa isaani qabsiise utuu hintahiin hoggansa biyatifi warra Jabaniti siiqee ogummaafi bbekumsa irra barateedha. Kanamo warra si cinaa ta’aniti himu qabda turte. Namtichii du’u gahee  dhamsa dhammadhu jennaan nitisa waamee “adara sirekorra namni akka siwajiin hincifne” jennaan nitiin deebiftee “kana dhiisiti isa tahu dhami” jete jedhama. Atille isaa isa tahu utuu dhamte garii ture. Riffensa mataa hadani gurguruun hojii hayyootaa miti; gahee hayyota wajiinis walhinqabatu.

Oromoo galma tokkoti yoo walti qabdani Minilik akkas nugodhe, Hayilesillasseen akkas nugodhe jedhe boya jetteta. Uggum, barana kan Oromoo hin xiqeesine hinjiru.  “Bara nyataan nama nyaate, fociifi fongorociin nama kajelti” jedhani. Amamo warra seenaafi siyasa achi gatati qonnama keessaan qotaa jedhuti nuti dhufee? Sabbonumaan Oromos gara ijarsa Itophiyatii jijiramu qaba jedhaniru Doktoriin. Takka Oromoof hojjedha nun jedhu, takkammo Itophiyaaf hojedha nuun jedhu. Maal dubiin xawalwalumma kuni. Jechumti “sabboonummaa” jedhu doktora kanaaf galeera? Moo isaanis “yeZeginet Politika” sana oofaa jiru. Lakki ya ilma abbako Tessoo, bakkati deebiyi.

Ani ijaramu hayyoota Oromo garaa gutudhaaniin deegara. Hayyooni Oromo akka wal ijaraniifis waamicha dhiheesseen tute ( https://kichuu.com/the-role-of-elites-in-ethiopian-politics/). Haa tahu male, yaadni waltajii hayyoota Oromoo irrati dhihatu yaada hayyu gitu tahuu qaba, waldichis kara beekumsaafi hubannoon deggaramerra deemu qaba male kan eenyu caal jedhee ka’ee irrati buukumsu tahuu hinqabu. Qeeqni ani kasuu yalee kunis fulduraf akka barumsa tahufi male eenyuniyyu xiqqeessuf miti. Ilmi abbako Tessoos akkasiti naaf hubachuu qaba.

Asaffaa A. Lamuu