Quubsuma koo: ”Hunda dura haadha koo arguun barbaada ”

Quubsuma koo: ”Hunda dura haadha koo arguun barbaada”

Barbaada
Dassaalany carraa DV’n Amerikaa erga gale waggaa 10 ta’uus qilleensa ho’aa magaalaa Fiiniks baruu hin dandeenye

(BBC Afaan Oromoo) — Dassaalany Guddataan jedhama. Ameerikaa, bulchiinsa Arizoonaa magaalaa Fiiniks keessan jiraadha. Waggaa 10 dura DV’n naa baheen as dhufe. Ispoonsarrikoo viizaa akkan argadhuuf na gargaare as waan tureef as qubachuu danda’e.

Wanti biyya kana adda godhu tokko mirgikoo sirriitti kabajamee jiraachuukooti. Carraa warri adii qaban nan qaba. Waanan barbaade hojjedhee jiraachuu nan danda’a.

Ergan biyyaa dhufe wanti asittii na dhibe haala qilleensaati. Lafi kun bakka ho’aa waan ta’eef magariisa miti. Oromiyaan immoo magariisa waan taateef isa arguun baay’ee yaada.

Amerikaa DC, Siyaatil, Merilaand magariisa. Nubirammoo mukumayyuu arguun nama dhiba (fageenyi Waashingtan Diisii hanga Fiiniks km 3,700 dachaa dheerina Kaabaa haga Kibba Itoophiyaa ni ta’a).

Ergan biyya deeme waggaa shanii ol ta’eera.

Ho’i Arizoonaa giddugaleessaan yeroo bonaa digirii sentigireedii 40 ol ta’a. Televijiiniin malee ergan addana dhufe takkaa cabbii argee hin beeku.

Baay’ee gammoojjii dha. Osoo mijeessituun qilleensaa hin jiru ta’e biyyi kun bakka jireenyaa waan ta’u natti hin fakkaatu.

Arizoonaan ollaa Meeksiikooti. Akka seenaan jedhutti A.L.A. hanga bara 1848’tti lafa Meeksiikoo ture. Kanaaf aadaan isaanii kan Meeksiikoo waliin wal fakkaata. Nyaanni isaanii akkuma biyya keenyaa mi’eessituu fi waan gubu qaba.

[perfectpullquote align=”full” cite=”” link=”” color=”” class=”” size=”18″]Arizoonaan ollaa Meeksiikooti. Akka seenaan jedhutti A.L.A. hanga bara 1848’tti lafa Meeksiikoo ture. Kanaaf aadaan isaanii kan Meeksiikoo waliin wal fakkaata. Nyaanni isaanii akkuma biyya keenyaa mi’eessituu fi waan gubu qaba.[/perfectpullquote] Nyaatawwan isaanii keessaa Boriitoofi Taakkoo nan jaaladha, akka biddeenitti marame nyaatama.

Magaalaa Fiiniksitti tulluuwwan adda addaa baay’ee nama hawwatan jiru -Graand Kaaniyan Arizoonaatti argamu beekamaa dha. Namni bashannanaaf achi deema ani garuu deeme hin beeku.

Magaalaan ala yoo ta’e malee bakkii addaa ani jaaladhu hin jiru.

Wanti guddaan asitti naa milkaa’e walabaan jiraachuu dha. Sammuuf boqonnaa kenna.

Medikaal laaboraatorii baradheen reefu xumure. Isa dura hojii adda addaa hojjedhe maatiikoo biyya jiran gargaaraan ture. Osoon achi jiraadhe maatiikoo gargaaruu hin danda’un ture.

Kanatu gammachuu guddaa naa kenna. Obbolaakoo barumsa barsiisuu danda’eera. Bultii ijaarradhe mucaas godhadheera.

Mucaa waggaa sadiin qaba. Paarkiin ijoolleen keessatti taphatan jira, achi fudhee deemeen bashannansiisa.

Tajaajilli fayyaa biyya kanaa baay’ee jabaataa dha. Addanaa waanti baay’ee sirriidha, osoon waan hunda gochuu humna qabaadhe garuu ummataaf yaalii fayyaa bilisa gochuun barbaada.

Qilleensi magaalaa Fiiniks yeroo bonaa digrii sentigireedii 40 oli dha

Ergan as dhufe wanti biyya na yaadachiisu nama biratti dhugummaa arguu dhabuu kooti. Namni naannoo kana jiru ‘feekii’ natti fakkaata.

Waan hundumtuu yeroof waan godhamu fakkaata. Wanta kana irratti biyya koo baay’een yaadadha.

Yeroo rakkoo namni baay’ee nama bira hin jiru. Kana kana yeroon argu nama biyya sanaa osoo ta’e kana namatti hin godhu jedheen yaada garuu namumti achi dhufeyyuu jijjiirameen arga.

Hiriyaakoodha waliin guddanneerra jedheen yaada garuu yeroo as dhufan jijjiiramaniin arga. Wal gaafachuun hin jiru keessumaa.


Wanti guddaa biyya kanatti natti jabaate aadaa isaanii baruu dha. Xiqqoo keenyarraa adda. Haala itti haasa’ani, nyaataa fi waan hundumaa hagan barutti akka garaakoo bahe galuun na dhiba ture.

Afaan Ingilizii akkaataan itti dubbatan adda dha. Takka takka walii galuuf lama sadii deebi’uun qaba.

Maatiirraa fagaachuunis rakkoo ture. Ammallee ergan fuudhe ijoollee godhadhe hamma tokko fooyyee qaba.

Osoo bakkan itti of arguu barbaadu na gaafattani, bakkan dhaladhetti galuun barbaada. Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, magaalaa Shaambuu jechaa dha. Dura haadhakoo arguun barbaada.

Magaalittiin karaa mootummaa dhibbaan guddaa irratti uumameera. Osoo ilaallee namni Shaambuutti barate bakki hin galle hin jiru. Itoophiyaa keessa mitii addunyaarraa jechaa dha.

Garuu yeroo magaalittii argu baay’ee na aarsa. Yeroon debi’e argu yeroo hundaa imimmaanitu na qabata.