Guyyaa har’aa Qeerroon Geetaachoo jedhamu Gimbii keessatti rukutamee wareegame

[SQ, Mudde 24,2018] Guyyaa har’aa Qeerroon Geetaachoo jedhamu Gimbii keessatti rukutamee wareegame

#Oduu_Gaddaa
“Magaalaa Gimbiitti waraanni RIB mootummaan bobbaasee jiru guyyaa har’a nama maqaan isaa Geetachoo jedhamu kan sammuun dhukkubu karaa irratti rasaasaan dhooftee ajjeefte sirni awwaalcha isaa galgala kana bataskaana sillaaseetti qeerroo fi hawwaasa naannoo sanaan geggeeffameera.
Lubbuu isaa waaqayyo bakka qabbanaa haa kaa’u.
RIP 😭

OMN:ODUU GUYYAA MUDDE 24, 2018


ONN LIVE : Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Mudde 23,2018 | Ajjeechaa Raayyaan Ittisa Biyyaa uummata nagaa irratti raawwatu jabaatee itti fufuun Lixa Oromiyaa bakka adda addaatti namoonni nagaa ajjeefamaa jiru. | Shira mootummaan karaa Raayyaa Ittisa Biyyaa xaxuun badii Adda Bilisummaa Oromoo fi Waraana Bilisummaa Oromoo ittiin yakkuuf aggaamaa jiru saaxilame. | Waraanni Mootummaa Itoophiyaa Kibba Baha Oromiyaa keessatti nageenya uummataa goolaa jira. | Yaada maqa balleessii Waraana Bilisummaa Oromoo mooraa Ardaayittaa jiran irratti dhiyaate Miseensonni Waraana Bilisummaa Oromoo fi uummanni Oromoo balaaleffataa jiru. | Haala lola Oromiyaa irratti labsameefi haalota adda addaa irratti ABOn ibsa kenne.
ONN LIVE : Muddee 24 2018 Qophii Addaa miseensota WBO mooraa Ardaayiitaa jiran waliin Jaal Xaliiloo Boonaa fi Jaallataa Lammii waliin dhimma qondaaltonnii mootummaa saboota Oromoo hin taanetu jira kan jedhu ilaalchisee marii godhame .