Gorsa Obbo Ibsaa Nagawoo, Miseensa Sh.G. ABO, Mudde 28-2018.

Gorsa Obbo Ibsaa Nagawoo, Miseensa Sh.G. ABO, Mudde 28/2018.

Oromoon “aangoo afaan Qawwee irraa madde” jedhame barbadeese, qawwee waaqeefachuun ofiif wal loluun seenaa ajjeese kaasuuf tataafchuu irraa of qusachuu qaba.

Jarra keenya mee tasgabbaawwaa. Dibbeen lolaa kan moggaa afraniin tumamaa jiru hardhaa fi fuulduraafis saba Oromoo fi Oromiyaatif hin tolu. Qabxii 1% irratti waliif galuu dhabuun Oromoo fi Oromoo gidduu lola kaasuun maraatummaa dha. Safuu, aadaa, hoodaa fi duudha Oromoo illee hordoofuu irraalee nama baasa.

Haala namoota garii yeroon ilaalu kichummaa siyaasaa bira tarree maraatummaan argaa jira. Qabsoon bilisummaa Oromoo wal lolee fi fafaccaanee dhiisaati tokkomnee illee xaxamaa fi haalaan cimaadha.
Hundi keenya dhaaboota siyaasaa dura Oromoodha. Dhaabootni siyaasaatis kan ijaaraman dantaa saba Oromoo fi Oromiyaa dursuufi malee waan biraatiiuf taanaan saraara diimaa irraa bahuu isaanii hubatuu qabu.

Oromoon tokko akka dhuunfaatis dirqama inni yokkanis ishiin qabdu ilaalcha kana dursuudhaan, waan hunda caalaa dantaa Oromoo fi dantaa Oromiyaatif bakka guddaa (ool antummaa) kenneedha. Ilaalchi kun ilaalcha ool aantumaa qabuudha.Yaammocha sabaa fi biyyaatis ( call of duty). Yoo sabaa fi biyyi hin jiraane sabaa fi biyya jaallachuun ni jiraata jechuun gonkumaahuu jiraachuu hin danda’uu lammiin hin beekne meeshaa diinaa tahuurraa hin bahuu. Beekees ta’ee osoo hin beekiin dantaa sabaa fi biyyaa irra ejjachuu wallaaluun dogoggora seenaa keessaa waan baasuu hin mudatu.

Hardha waaniin gabaabse jechuu barbaade yoo jiraate waanuma fuuldura keenyaa malee waan duduubee keenyaa ilaaluun arrabaan wal footoqsuu fi wal xinneesuu dhiisnee fuulduree saba keenyaa fi Oromoyaa haa ilaalu. Diina fuulduratti wal xinneesuun seenaa saba keenyaa xinneesuu fi gotummaa isaa illee “xurreesuu” keenya ta’uu hubatuu qabna. Alagaa illee ofitti kofalchiisuu bira tarree saba keenyatti diinaa fi “fira” illee kofalchiisaa jiraa hubatuun waloof yaaduu dha. Kanaaf, Oromoo taatanii warreen oduu uumatanii wal arrabsitaanii fi oduu tikni diina saba Oromoo afaan isiin kaayyees of bitaatii bitaa fi mirga, fulduraa fi duubbee keessaan ilaalaa. Soba dhugaa gochuuf hin yaaliinaa. Dhugaas soba gochuuf yeroo keessan hin gubbinaa.

Garaagarummaa yaadaa fi siyaasaa qabaachuun wal nu hin ajjeesiiusuu sonaan hubadhaa. Waayyee dimokiraasii haasa’aa wal ajjeesuuti jarjaruun mirga dimokiraasii fi mirga dhala namoomaa kabajuu irraa fuula deeffachuun warra kaleessa mormuun lubbuu dhala Oromoo kumoota baayy’een itti wareegame sana ta’uudha. Kana hubannoota gahaa keessa galchuudha. Yoo Oromoon tokko nu irraa hir’ate hiri’na hunda keenyaatti fida waan taheef lubbuun Oromoo tokko Oromoonis tahee alagaan bahuun yokkanis darbuun aadamalee dha.

Dhaabootni siyaasaa Oromoo fi Oromoon biyya bulchan hundi ummata Oromoo dhagahuu qabu. Oromoon wal loluuf (civil war) fedha hin qabuu hubatuu qabu. Ani waan hunda dura Oromoodha jechaa jirra. Oromoon yeroo hunda yeroo wal loluu diinoota isaa jalatti of kuffisuuf of qopheesuu tahuu ni hubata. Oromoon wal loluu irraa qooda fudhatuu hin qabu. Wal loluun dantaa sabichaa fi biyya Oromoo tajaajiluu irra diinoota isaatii tajaajila waan taheef Oromoon hundi didduu qaba. Murnootni didduun lola afarsan ammoo tokkoon isaaniitilleen hin injifatan waliin badu malee. Waliin saba isaanii fuuladuratti kufan malee Oromoo Oromoo ajjeesee dhaadatuun seenaan isa goota godhu hin jiraane , kana boodas hin jiraatu.

Addunyaa kanarratti warreen goota jedhamanii badhaasa addunyaa dila badhaasaman jagnoota nagaa, dimokiraasii fi haqa ilma namaatiif dhaabatan malee warreen lola dhaadheessanii fi lola labsuun sabaa fi saboota ficiisanii miti. Lola addunyaa 1ffaa fi 2ffaa kan namoota miliyoona 80 ool galaafate hoggannootni uumteen shakkaman tokko illeen hin badhaasamne. Seenaan isaanii ni xuraawwe malee hin faarsafneesi. Gara fuuladuraafillee kan faarfamuu miti. Kanneen kana booda lola waaqeeffatanii loli akka ka’uuf halkanii fi guyyaa sodaan cuuphamanilleen faarfamuuf hin jiraatan. Loli jaalatame itti hin seenamu. Haali yoo dirqe qofa. Haali nu dirqu ni jiraa? Kun gaafii waan hunda deebii qabaachuu qabuudha. Ammatti Oromoo fi Oromoo gidduu haalii Oromoo fi Oromoo gidduu lola dirqu tokko illeen hin jiru.

Deebbii gabaabadha. Fuuladuraafillee waan fedhe yoo tahee Oromoon wal loluun diinaaf karaa banuu hin qabu. Lola saba tokko gidduu kan moohuus tahee kan moohamu hin jiraatu. Kan moohuu eega hin jiraaneefuu lolicha jalqabuun barbaachiisaa hin tahuu qofaa osoo hin taane kan balaaleefatamuu qabuu dha. Loli badaa waan ta’eef jecha. Ni jalqabama akkaataan itti dhumuus waan hin beekamneef jalqabuuf kan duraas ta’ee kan lamadaa tahuuf jarjaruun gonkumaahuu barbaachiisaa hin tahuu.

Nagaafi qabsaawuun xaxamaa ifachiisaas ta’uu dhummarratti karaan karaa guddinaa fi dagaagiinaa kannuma waan taheef moohataa dha. Qabsoo eebbifamaadhasi. Ummatni Oromoo aangoo afaan qawwee irraa madde waan moohateef afaan qawweetti deebbi’ee lakkoofsa isaa xiqqeesuu dhaadachuu hin qabu.Abbaan fedheehuu haa tumuu dibbee lolaa fi lolas dura dhaabachuu qaba.

Dibbeen lolaa dhaabatee jijjiiramni gara fuula duraatti adeemuu qaba.
Dibbeen lolaa fi loli gara hundaan dhaabatee waliigalteen yeroo cehumsaa hojiirra ooluu qaba. ABO fi ODPnis wal hubannootaa fi waliigaltee isaanii hojiirra oolchuu qabu. Waan darbee fi hiri’noota tata’ee jedhaman qormaataa fi seenaaf dhiisuun kan gara fuuladuraatiif harka 99% kennuu qabu. Badiin wal barbaaduun ofiif ani qulqulluudha jechuu irratti wal mormuun diinoota isaaniittif qaawwa kennuun dogoggoora saanaa keessatti dhiiffamma hin qabneen gorsa kiyya.

Ummatni Oromoos olola buuxa hin qabneen wal hunkuruun bu’aa akka hin qabne wal hubachiisee fi waliis hubatee diinoota isaa kanneen usanii of ijaaranii Habbillee qaratanii wal nyaachuu isaatiirratti gammadaa jiran irratti ijaa fi qalbii isaa deeffatuun kabajaan yaadachiisa. Yeroon yeroo ija keessa wal ilaalee dhugaa kana waliitti dhaamanuudha malee yeroo Ayyaanlaalatummaan dantaa saba Oromoo fi dantaa Oromoo miiraan dhiibamnee bishaaniitti naqnuu miti. Dantaa saba Oromoo fi dantaan Oromiyaa waan hunda caala waan taheef dirqama ool aannaas gaafata. Yeroonis yeroo tokkummaa mootummaa naannoo Oromiyaa kan cehumsa jijjiiramaa kana itti yaadan malee yeroo dibbee lolaa fi lola itti dhaadheessanii miti.

Lola dhaabuun mariitti gadi deebbi’uun kichummaa siyaasaa irraa of baraaruuf qabsaawwuu fi wal irrattis qabsaawuun yeroo isaati. Dhiigni Oromoo kan bifa hedduun dhangala’aa jiru dhaabatee nagaa fi tasgabbiin Oromiyaa irratti mirkanaawwee commission badii gareen hundi hojjatan qoratu dhaabatee shakkamttoota yakka hojjatan qoratee heeraa fi seeraaf haa tilmaamu malee ebbeluutu kana hojjatee fi sana hojjate osoo jennee wal yakkinuu saba keenya gara badii guddaatti oofuun itti gaafatama seenaa bahuu dhabuurraan nu gaha waan taheef dhaabaneetoo of gaafachuu fi walis gaafachuu qabna.


ONN: Gaaffii fi Deebi’ii Dargaggoo Hordofaa Seenaa Waliin Goone. Muddee 28/2018