Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo ..

Gootichi waraana bilisummaa Oromoo WBO’N waraana maafiyaa Impaayera xoophiyaa kan Yeroo
 
ammaa kana koloneel Abiyyi Ahmediin hoogganamtu Irratti dhukaasa akka bakakkaa Irratti roobsuun battalatti humna weerartuu kanarraa 60 Ajjeesuun Meeshaa danuu irraa booji’uu Ajajaan WBO zoonii Gidduu Galeessaa oromiyaa Kaaba Lixa Shaggar keessa socho’uu Beeksisee jira!
Irree fi gaachanni Ummata Oromoo waraanni bilisummaa oromoo WBO’N Zoonii Kaaba Lixa Shaggar keessa socho’uu Onkoloolessa 31/2020 aanaa Hidhabuu Abootee ganda Alam Ganaa keessatti tarkaanfii fudhateen humna weerartuu kanarraa baayyee du’aaf madoon adabuu Ajajaan WBO Zoonii Kaaba Lixa Shaggar keessa socho’uu ibsee jira.
 
Aanuma Hidhabuu Abootee keessatti ganda Yaayyaa Dhaka Booraa iddoo Tulluu Gobbee jedhamuttis Sadaasa Guyyaa har’aa 01, 2020 tarkaanfii yeroo 2ffaaf fudhateen humna weerartuu kanarraa 60 ol battalatti yoo ajjeessu baayyee immoo ishee madoon adabee jira.yeroo ammaa kana Madoo Hosptalaatti guuraman keessaas ergamtuun nafxanyaa 5 hospitaala keessatti duu’uu maddeen Zoonii Kaaba Lixa Shaggar irraa ibsu.
 
Lolli kun ganama sa’aatii 1:00 irraa kaasee hanga galgala sa’aatii 12 kan deeme yoo ta’u; WBOn meeshaa fi qabeenya danuu diinaa irraa booji’uun qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisisuu ajajaan WBO Zoonii Gidduu Galeessa Kaaba Lixa Shaggar Beeksise.
WBOn zoonii Gidduu Galeessaa Kaaba Lixa Shaggar
Dhiigaaf lafee keenyan Oromiyaa walaba ni ijaarra!
Injifannoo Ummata Oromoof!
 
Sadaasa 1, 2020

Today Ethiopia is on cliff. Only if Colonel Abiy and his neo-naftegna inner circles are removed, Ethiopia will be saved from collapse. Yesterday too Ethiopia was on cliff awaiting eminent disintegration. Only if TPLF led EPRDF Ethiopia hating and/or self-serving elites are removed from power will Ethiopia be saved from eminent collapse
The day before also Ethiopia was on cliff. Only Colonel Mengistu and his Military hunts are removed will Ethiopia’s continuity would be assured.

ODM Kutaa 202ffaa Marii Uummata Oromiyaa Xiqqoo MN dhimma haala yeroo Oromoo fi Oromiyaa dhaabbataa OLLAAtiin dhiyaate.