Godina Wallagga bahaa magaalaa Naqamtee keessaa maqaa malaammaltummaa

Godina Wallagga bahaa magaalaa Naqamtee keessaa maqaa malaammaltummaa fi hooromsa jedhuun wal qabatee hojjettoonni waajira teelee magaalaa Naqamtee keessaa heedduminaan ukkaamfamaa akka jiran maddeen Qeerroo Leeqaa gabaasan.

Bitootessa 7,2017,

Godina Wallagga bahaa magaalaa Naqamtee keessaa maqaa malaammaltummaa

Waajjira teelee kan mootummaa magaalaa Naqamtee keessatti baatii kana keessa sirni saamichaa fi humnaan qabeenyaa uummata oromoon duroome murni bicuu Wayyaanee hojjetoota teelee kan waajjira teelee magaalaa Naqamtee keessaa hojjetan irratti kisaaraa birrii miiliyoona 36 malaammaltummaan hojjetoota kanneen irratti waan argameef jecha heedduminaan hojjettoonni waajjira teelichaa ukkaamfamaa jiraachuu Qeerroon leeqaa gabaasee jira.

Artistoonni Oromoo Lama Sababaa Hidhamaniif Hin Beeknu Imaanaatu

Shakkiin kun hojjetoota waajjira teelee keessaa hojjetan heedduu isaanii kan walitti buusaa jiruu fi sirni wayyaanees hojiirraa heedduminaan akka ari’aa jiru qeerroon leeqaa Naqamtee gabaasan. Shakkii dhimma maallaqa teeleen kan wal qabateenis abbaan qabeenyaa mana suphaa konkolaataa kan maqaan isaa Girmaa jedhamu shakkamuun harka keessaa qabda jedhamuun akka ukkaamfamee jirus ibsame

Via Adem Misoma