Godina Shawaa Lixa Ona Tokkee Kuttaayee keessatti Warraaqsi Biyyoolessaa FXGn

Godina Shawaa Lixa Ona Tokkee Kuttaayee keessatti Warraaqsi Biyyoolessaa FXGn akka haaraatti dhoowuun gabaafame.


Ebla 13,2017) Godina Shawaa Lixaa Ona Tokkee Kuttaayee Ganda Gabaa Kamisaa jedhamuun beekkamu keessatti Warraaqsi Biyyoolessa Oromiyaa FXGn haala haaraan dhoowuu maddi oduu SBO gabaaseera. Konkolaataan Finfinnee gara Wallaggaa deemu kan qabeenyaa diinaa tahe irrattis tarkaanfiin Qeerroon fudhatamee jira.
Dandiin bakka lamatti kan cufamee oole oggaa tahu, waraanni Wayyaanee akkuma amala isaa dargaggoota adamsee hidhuuf baayyinaan naannichatti bobba’ee akka jiru gabaasameera.
Haaluma walfakkaatuun Warraaqsi FXG Yunivarsitii Odaa Bultum Damee Yunivarsitii Haroo Maayaatti gootota barattoota Oromootiin geggeeffamuun ibsameera. Waraqaaleen FXGf waamicha taasisan baayyinaan mooraa keessatti facaafameera.
Hidhattoonni Mootummaa Wayyaanee fi Poolisoonni wayita ammaa kana mooricha akka dhuunfatan oduun kun ifa godha.

Via :Adem Misoma