Godina Arsii Lixaatti namoonni kuma 400 ol sababa hanqina nyaataa hamaaf saaxilaman

Godina Arsii Lixaatti namoonni kuma 400 ol sababa hanqina nyaataa hamaaf saaxilaman

Hojii misooma sululaa Godina Arsii Lixaa Aanaa Shaallaa Amajjii 2021

Godina Arsii Lixaatti namoonni kuma 400 ol ta’an sababii hanqina nyaataa cimaa mudateetiin beela’aa jiraachuu Waajjirri Hoggansa Sodaa Balaa Godinichaa hime.

(BBC afaanoromoo)—Ka’umsi rakkoo hanqina nyaataa kanaa sababa bonni dheerateen midhaan osoo hin facaafamiin waan hafeef ta’uu itti gaafatamaan waajirichaa Obbo Yaasin Garjuu BBC’tti himaniiru.

Rakkoon hanqina nyaataa mudate kunis Godina Arsii Lixaa aanaalee Shaallaa, Siraaroo, Shaashamannee, Arsii Negellee fi Wandootti keessatti ta’u himan.

“Kana dura aanaalee rakkoon itti mudate kanatti rooba arfaasaatiin midhaan facaafama ture. Barana Fulbaanaa kaasee hanga Waxabajjiitti roobni hin turre. Kanarraa kan ka’e namoonni hanqina nyaataaf saaxilamu danda’an,” jedhan.

Aanaalee Shaallaa fi siraarootti ammoo hanqina nyaataa qofa osoo hin taane bishaan argachun illeen rakkoon akka jiru himan.

Namoota kuma 400 caalan amma hir’inni nyaataa mudate kana keessaa gariin kanneen ammaan durallee deeggarsaan jiraachaa turan akka ta’anis himan.

Haa ta’uutii deeggarsi ammaan dura karaa mootummaa federaalaatiin dhihaachaa ture adda kan ciccite waan ta’eef balaa kana hambisuu hin dandeenye jedhan Obbo Yaasiin.

Jiraataan aanaa Shaallaa Obbo Qabatoo Tufaa akka BBC’tti himanitti, amma dura naannoo isaanitti hanqinni nyaataa akkanaa isaan mudatee hin beeku jedhan.

“Amma hanqina nyaataa cimaatu jira. Ka’umsi isaammoo rakkina bishaanitirraa ka’a. Bishaan siruma hin jiru. Midhaan hin qotne. Qara naannoo keenyatti beela akkanaa kana hin beeknu amma beelli akkanaa nutti dhufe,” jedhan.

Haalli hanqina nyaataa amma naannoo isaaniitti mul’ate cimaa ta’uu kan eeran jiraataan kun, namoonni beelaan laafaa jiru, hamma ta’e namootuma waa qabantu nu gargaaraa jira jedhan.

Osoo namni beela kanaan hin dhumin gidduu kanatti gargaarsi yoo nu dhaqabe malee beela kanarraa waan hafnu miti jechuun yaaddoon dubbatu.

Sababa hanqina nyaataa kanaatiin aanaa Shaallaa Ganda Saroo Mi’ooftuutti lubbuun namaa darbuu akka quba qabanis himu Obbo Qaabatoon.

Jiraataan Aanaa Shaallaa biraa kan BBC’n dubbise Obbo Garinaa Boonayyaas haala amma jiruun maatii keenya waliin yaaddoo beelaan du’uu qabna jedhan.

“Durayyuu bishaan hin jiru. Isarratti caamni dhufe. Ani naannoo keenyaa nama beelaan du’e nan beeka. Namni du’aa jira. Kan laafes jira. Haala kanaan nu hunduu waan hafnu natti hin fakkaatu” jedhan.

Itti gaafatamaan waajjira hooggansa Sodaa Balaa Godinichaa Obbo Yaasin garuu, beelli jiraachuun dhugaa ta’us hanga ammaatti lubbuun namaa darbuu gabaasni nu gahe hin jiru jedhan.

Rakkoo kana furuu fi sababa beela kanaan miidhaan lubbuu namaarra akka hin geenyeefis qaamota dhimmi ilaalu sadarkaa naannoo fi federaalaa wajjin hojjechaa jiraachuus angaa’an kun himaniiru.