“Godaannisa Sirna nafxenyaa maatii kiyyarrattin ilaalaa guddadhe” jechuun Bitootessa 13, 2013 himannoo isatti banameef jecha waakkii isaa kan kennate Obbo Haamzaa Booranaati.

“Godaannisa Sirna nafxenyaa maatii kiyyarrattin ilaalaa guddadhe” jechuun Bitootessa 13, 2013 himannoo isatti banameef jecha waakkii isaa kan kennate Obbo Haamzaa Booranaati.

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataa Dhaddacha 1ffaa Farra Shoorarkeessummaa fi Dhimmoota Heeraa, ‘Galma Haqaa’ Keessatti gaafa Bit.13, 2013 olmaa ooleen, jecha waakkiifi amantaa himatamtoota galmee Obbo Jawaar Mohammad jala jiranii keessaa kan nama shanii dhaggeeffachuunsaa ni yaadatama.
 
Himatamtoota jecha waakkiifi amantaa kennatan keessaa Obbo Haamzaa Booranaa tokko yoo ta’an, jecha waakkii kennataniin, himannoon isaanitti baname himannaa siyaasaafi himannaa sobaa ta’uu himanii, yakka ittiin himatamanirraa walaba ta’uus mana murtichaaf ibsaniiru.
Obbo Haamzaa Booranaa “Himanni narratti baname kuni himannaa Siyaasaati malee kan ani raawwadhee miti.” jechuun dubbii kan eegalan yoo ta’u, akkaataa tartiiba dubbii isaanii, marsaa Hawaasummaa Gurmuu Abukaattota hidhamtoota siyaasaa Oromoo irraa arganne akkaataa itti aanuun isiniif dhiheessina.
 
“Himannaa an ittiin yakkame maqaa dha’uun yaada kiyya kennachuu fedha” jechuun, tokkoo tokkoo himannoo isarratti baname ibsuun jecha waakkii dhageessisee jira. Dubbiin isaas kunootti:
” Himannoon ittiin yakkame, 1ffaa. ‘Sabaa fi Saba walitti buusuu’ kan jedhu yoo ta’u, inni 2ffaa ammoo, ‘Ummata Mootummaarratti kakaasuu’ akkasumas himannoon 3ffaa, ‘Ummata Oromoo Saba Amaaraa irratt fi Hordoftoota Amantaa Ortodoksiirratti kakaasuu, 4ffaan, ‘Nafxanyaan nu hin bitu Ummata Oromoo kan fixaa ture Nafxanyaa jettee jirta’ kan jedhu dabalataanis, himannaan 5ffaa ‘Ayyaana ummataa Oromiyaa keessatti kabajaman irratti Alaabaan Mootummaa Federaalaa qabatamee akka hin baane kan qabaturratti tarkaanfiin haa fudhatamu jettee dammaqsitee jirta’ jechuun kan narratti banamedha.
 
Himannaan inni xumuraa yookaan 6ffaan ‘Sabboontonni Oromoo ajjeefamaa waan jiraniif ummatni hidhatee ka’uu qaba jettee dadammaqsitee jirta’ jechuudhaan Abbaan Alangaa himata anarratti banee jira, Jechuun himannoo Abbaan alangaa Obbo Haamzaa irratti dhiheeffate tokko lamaan mana murtiif erga ibsee booda, “Dhimmoota kanneen irratti Jecha Amantaa/Waakkii kennuu kootiin dura, daqiiqaawwan muraasa fudhadheen waa’ee koo dubbadha” jechuun mana murtichaaf duubee isaa ibsee ture.
“Jireenya koo keessatti yeroon himatamuu fi jecha Amantaa/Waakkii yeroon kennu kuni kan jalqabaati. Biyyoota akka keenyaa dimokiraatawaa hin taane keessatti sirna dimokraatawaa ijaaruuf murannoon hanga hin kaanetti kuni kan dhumaa ta’a jedhee hin amanu. Sobaan himatamuu fi hidhamuun kan raawwatu daandiin siyaasaa haala tarkaanfii isaa yoo sirreesseedha.
 
Kuni yoo hin taane siyaasa boodatti hafaa shiraa fi hammeenyaan guutame kana keessatti yeroo mara lammiileen qulqulluun saaxilamoo akka ta’anii fi miidhamaan akka miidhaatti, miidhaan immoo akka miidhamaatti laalamuun kan itti fufuu dha. Eeyyee aniis har’a dhaddacha kanarra na dhaabuu kan danda’e siyaasa hammeenyaa fi shiraa kan barootaaf ummata kiyyaa fi abboota qabsaa’ota keenya nyaachaa ture kana dura dhaabbachuufi sirreessuuf qooda koon ba’adha jedhee gara addunyaa siyaasaa kanatti waaniin makameefi. Kanaaf himatamuu fi hidhamuu kiyyatti hin rifanne.
 
Dursee yeroon gara sarara qabsoo kanaatti dhufu akka abboota kiyyaatti hidhamuu, gidirfamuu fi ajjeefamuu akkaan danda’us bareecheen beeka ture. Sababnis aarsaa barbaachisu kaffaluuf sirritti of qopheesseen itti seene. Nama siyaasaa ta’uu kootiin dura Haqaa fi Wal qixxummaan akka mirkanaa’uuf sirna abbaa irreetiin biyya koo irraa godaansifamee biyya ambaatti waggaa torba dabarseera.
 
Waggoota torban kana keessatti haala ulfaataa keessatti lammii koo cunqurfamaaf sagalee ta’uuf Miidiyaa Raadiyoo Daandii Haqaa jedhamu hundeessee Dayirektarummaa fi Gaazexeessummaan ummata koo tajaajilaan ture. Raadiyoo kanaaniis Qabsoo ummataa karaa nagayaa fi nagayaa qofaan hogganaa, sagantaa tokko irrattillee ummataa fi ummata garee tokko garee biraa irratti osoon hin kakaasin sirna abbaa irree qofa irratti xiyyeeffachuun hojjachaa kaniin ture ta’uu ummannii fi sagantaaleen yeroo sana darban, odeeffannoowwan ragaadha.
 
Jalqabarratti wanti ibsamuu qabu, mootummaa abbaa irree ADWUI kan Wayyaanee/Warraaqsa Bilisummaa Ummata Tigraay -WBUT’n durfamu san ummatni aarsaa guddaa itti kaffaleen, Qeerroowwan 5000 ol itti dhabnee injifachuudhaan hooggana jijjiiramaa jedhaman fuulduratti baasuu dandeenyee jirra.
Dhuma irrattis qabsoon keenya milkaa’ee jijjiiramni yeroo dhufu kanneen gara biyyaa galan keessaa tokko ta’uun gara biyya kiyyaa deebi’eera” Jechuun waa’ee isaa erga ibsee hooda, gara qabxiilee himannoo ittiin himatameef jecha waakkii kennachuutti seenuun, himannaa sabaa fi saba walitti buuste” jedhuurraa deebii kennachuun eegale.
 
“Gara dhimma ijootti seenuun dura, haala guddina kootii ilaalchisee waanan ibsutu jira. Ani dhaladhee kanan guddadhe Oromiyaa Kibbaa, Booranatti. Booranni Naannoo Saboota Kibbaatiin waan wal daangessuuf ani saboota heddu keessatti dhaladhee, waliin guddadhee waliinillee baradhe. Anin nama Sirna Gadaatiin bocamee guddate waanin ta’eef aadaa fi Gadaan qaba. Hammachuu malee takkaa hammeenya qabaadhee hin beeku.
 
Kan biraa, bu’urumarraa ergan gara biyyaa deebi’es wanti anarratti odeeffamaa ture isa ibsameen faallaa ture. Fakkeenyaf: Saboota gidduutti nageenyi akka bu’u hanga Gaambeellaatti deemuun ummata Gaambeellaa fi Oromoo jiddutti qunnamtiin nagayaa akka jiraatu bakka bu’oota saba lamaanii waliin marii bu’aa qabeessa ta’e goonee jirra. Akkasumas wal dhibdeen Affaar fi Oromoota Walloo jidduu yeroo san ture nagayaan akka hiikamu yaalii godhame keessatti waamichi gama lameen irraa naaf taasifameen qaaman Magaalaa Baatee’tti argamuun gumaacha gama kootii taasiseera.
 
Dabalataanis ummata Oromoo fi Soomaalee jidduutti walitti bu’iinsa sababa daangaatiin uumameen koonfaransii nageenyaa hoggansi naannoolee lameenii yaaman irratti waamichi naaf godhamee argamuun dirqama koo ba’achuuf yaaleen jira. Haaluma wal fakkaatuun waltajjii marii Oroomaaraa Ambotti godhame irratti afeerraa Pirezdantii Naannoo Oromiyaatiin argamuudhaan qunnamtii saboota lameenii bu’ura jabaa irra gad dhaabuuf yaalii taasifame tumseen jira.
 
Dhuma irrattiis Yuunivarsitiilee keessatti yeroo walitti bu’iinsi sabummaa bu’ureeffate uumamu aktiivistoota Amaaraa waliin mariin waloo hatattamaan godhamee walitti bu’iinsi sun gara ummataa akka hin babal’anneef tarkaanfiilee fudhatamuu qaban irratti waltajjii irratti mari’annee san qindeessuurratti shoora adda duree taphachuun balaa baay’ee hambisuu danda’eera.>>
 
Obbo Haamzaan qabxii himannoo isarratti baname keessaa dursa kan sabaafi saba walitti buusu jedhuuf deebii yoo Kennetu, itti fufuunis himannaa itti aanuuf, akka itti aanutti yaada ofii mana murtiif ibsee jira.
“Gara himannaawwan birootti yoon ce’u, Oromoo amantaa Orotoodoksii irratti akkasumas mootummaa irratti kakaaftee jirta kan jedhu haa ilaalluu. Ani bu’urumarraa Amantaan kan dhuunfaati jedhee waaniin amanuuf namni kamuu sababa Amantaa hordofuutiin nama biraatiin walitti bu’uun hiikaa kan qabu natti hin fakkaatu. Yeroon dhaladhu maatii hordofaa amantaa Ortoodoksii ta’een of arge.
 
Haadhaa fi abbaan koo firoonni kiyya martuu har’as hordoftoota amantaa kanaati. Afaan Amaaraa amma dhaddacha kana irratti dubbadhu kan na barsiiste Bataskaana tana. Hordoftoota Amantaa Orotoodoksii irratti haleellaan akka ga’u yoon kakaase kiilomeetira 600 imaltee dhuftee dhaddacha kana irratti hirmaachaa kan jirtu harmee koo irratti akka du’a murteessuu ta’a. Isheeniis ilma ishee, ajjeesaa ishee laaluuf iddoo kanatti argamuun isiin hin malle ture. Abbaa kiyyaa fi obboleeyyan kiyyaas akkasuma.
Ummata Mootummaa irratti kakaaftee jirta kan jedhu sadarkaalee lamatti qoodeetiin laala.
 
Gara biyyaa akkaan deebi’een yeroo jijjiiramaa gara jalqaba qacalee sanatti ummanni hoggantoota jijjiiramaa aangoo mootummaa irra jiran akka deeggaru bal’inaan kakaasuu kiyyaaf akka miseensa paartii isaanii godhamee ilaalameen jira. Haalonni jijjiiramaa, Sabboontonni Oromoo hidhamaa, ajjeefamaa ajjeechaan baay’achaa yeroo dhufu baaburri jijjiiramaa hadiida gad dhiisee qabsaa’ota jijjiiramaa dhiibuu yeroo jalqabu angaa’ota ol’aanotti qaamaan dhiyaachuun gorsa kennuun boodas qeeqa dhiyeessuun akka sirraa’an hanga humna kootii ergaan yaale booda namni gurra kennee dhagahu akka hin jirre wayitan hubadhu gara mormii ifaatti seenuuf dirqameen jira.
 
Sabboontotni Oromoo ajjeefamuun isaanii mamsiisaa miti. Kun raawwatamuun argannoowwan qorannoo Dhaabbilee Mirga Namoomaatiin mirkanaa’eera. Manneen jireenyaa qonnaan bulaa hedduun gubamaniiru. Ofii kan kana haalu jiraa edaa? Warreen ajjeechaa raawwataniif gaafatamuu qaban osoo jiranii, cunqurfamtootaaf baabsee kan iyyu akkamiin gaafatamaa ta’a? Ani nagaaf fedhinnaan qabuun, gidiraan ummata keenya irra dhaqqabaa jiru waaraan akka furamu hawwiin qaburraa ka’ee humnoota angoo of-harkaa qabanii fi kanneen waraanan qabsaa’aa jiran nagaafi sabatiinsa akka fidan Abbootii Gadaa fi Jaarrolii biyyaa waliin guyyoota 12f Godina Booranaatti marii fufiinsa qabu gegeesserra . Akka lammii quuqama qabu tokkootti gahee koo baheera.
 
Itti aansuun dhimma Alaabaa yoon kaasu, Seeraafi Heerri qajeeltoowwan ani bu’ura irraa itti amanuufi hirkoo taasifadhudha. Alaabaan Heera Biyyattii irratti mirkana tahe jira. Haalluu Magariisa, Keelloo fi Diimaa gidduu irratti Aasxaa Urjii; wal-qixxummaa Saboota, Sablammootaafi Ummattootaa akkasumas kan amantii calaqqisiisuuf raggaasifametu jira. Alaabaan kun eessatti, yoomifi kaayyoo akkamiif akka barbaachisu seeraan tumameera.
 
Yeroo dhihoo asitti garuu alaabaa kana kan fakkaatu, garuu asxaa maalummaan isaa seeraan beekamtii hin qabne akka kan Itoophiyaa taheetti qabatamuu hin qabu jedhee yaada kenneera. Yaadni ani kenne mirga yaadan itti amanu bilisaan ibsachuu bu’ureeffadhee kanan dubbbadhe dha. Akkuma beekamu ani aangawaa mootummaa miti; waraanni ani taliigu/ajaju hin jiru; seerri yeroo sarbamu argaa yoon dabarfadhe, dirqama lammummaa kiyya bahachuu hanqachuu waan natti ta’uuf, asxaan seer-maleessaa akka hin mirmirfamne barreesseera.
 
Alaabaa biyya kootitiif kabajni ani qabu gonkumaa kan mamsiisu miti. Kanumaan walqabsiisee ergaan dhumarratti dabarsuu barbaadu, alaabaa yaada qeenxee/leexaa garee takkaa calaqqisu kana artistonni garee kanaa bifa adda addaatiin muuziqaa fi fiilmii keessatti yoo mirmirsan/fannisan nan arga; ani seera cabsuu jechuun kana jedheen amana; amala badaa yaada dhiphoo garee takkaa maqaa Itoophiyummaatiin saboota biroorratti fe’uu kanatu seeran ala” kan jedhu Obbo Haamzaan, himannoo Abbaan Alangaa isarratti dhiheeffate himannoo seeraan alaa ta’uusaa deebii kennee erga ibseen booda, xumurarrattis himannaa ‘Nafxenyaan nun bulchu jette” jedhuuf yaada walii galaa dhaddachaaf ibsuun dubbisaa xumure.
 
” Ummata Oromoo kan fixaa ture Nafxanyaadha, Nafxanyaan nun bulchu jetteetta jedhamees himannaa dhihaate keessatti yakkameen jira. Himatamaa 2ffaa jedhamuun kan Himataman Obbo Baqqalaa Garbaa jecha waakkiifi amantaa kennan keessatti ibsa isaan tarrisan akka jirutti fudhadhee; anaaf Nafxanyummaan maal akka taheen itti dabala.” jechuun ibsa bal’aa dhaddachaaf kenneen “Godaannisa Sirna nafxenyaa maatii kiyyarrattin ilaalaa guddadhe” jechuun ibsaan dubbisaa eegale.
 
“Anaaf Sirna Nafxanyaa jechuun, akaakayyuu abbaa koo, Obbo Adaanaa Taayyee, kan ta’e Obbo Dhaanaa Roobaa Gunjoo, lafaafi maatii isaa irraa nafxiidhaan (qawweedhaan) Tuulamaa’rraa buqqisee gara Gujiitti kan godaansise; Maatii haadha haadha tiyyaa (akkoo tiyyaa) Salaale (Kaaba Shawaa) Aanaa Darraa’tti maatii isaanii fixee bifuma walfakkaatuun gara Booranaatti kan godaansise; akaakilee abbaa haadha kootii Obbo Gaayoo Kumsaa Maccaa Shaggar Kibba Lixaa (Shawaa Kibba Lixaa) irraa buqqisiisee gara Booranaatti kan godaansise sirna hamaa ta’uutti beekna.
 
Ani birkii buqqaatotaafi godaantota kana irraa argamedha. Eeyyeen Ummata Oromoo irratti daguuggii sanyummaa kan raawwate sirna Nafxanyaa kanadha. Sirni kun deebihee akka hin dhufne ijibbaata akkan falmu sababa gahaa kan naaf tahe isa kana. Silaa!, Sirni nama nyaataan kun akka deebihuuf [ani Nafxanyaa dha ofiin jedhee] kan wirriiqu moo, sirni gabroofataan kun irra deebiin akka hin kaane isa falmatutu yakkamaa tahuu qaba? Yericha Nafxanyaan Oromoota Tuulamaa qe’ee abbaa isaanii irraa godaansise sanatti, harka diriirsee simatee, qubsuma fi gaachana taheefii ani siif jira kan jedheen, Oromoo Booranaa, Gujii, Arsii, Baalee fi Ituu-Humbana (Harargee) oolmaan isaanii jecha koon gatiinsaa bahuu baatullee, dhaddacha kana irra ijaajjee galata isaanii Rabbi haa baasuuf osoo hin jedhin darbuun natti ulfaata.
 
Kabajamaa Mana Murtii, wayita jijjiiramni dhufe gara jalqabaarra Rogeeyyiin Araarrataa duranii, Gaazixeessitootni, Siyaasessitootni gara biyyaatti deebine hedduudha. Jijjiiramichi karaa irraa maqee fiqilaachuu yeroo eegalu, namoonni baayyeen osoo ilaalanii akka hin agarretti, osoo dhagahanii akka hin qalbeeffanneetti lafa ummataa, aangoofi dhiheessii faayidaa bubbuutuun booji’amanii yoo hafan; mirga ummata kootii kabachiisuuf dhaaba siyaasaa dhugaan sabichaaf qabsaahutti yoon dabalame akka ta’e amanee gara Koongirasii Federaalawaa Oromootti (KFO) waanan miseensummaan dabalameef, ilkaan natti ciniinnatamee; anas ta’e gootonni na wajjiin as jiran, akkasumas paartiin keenya KFO’n ummata keenya biratti dhageettii fi fudhatamummaa olaanaa waan qabnuuf, qaamni aangorra jiru filannoorratti yoo hirmanne akka isa moonu innis akka moo’amu dursee waan beekkateef nu hidhe. Wanti kana mirkaneessu ammoo paartiin aangorra jiru nu hunda hidhee paartii keenya KFO dirree filannoo keessaa dhiibee baasee kophaa dorgomee kophaa moo’uuf wirriiqaa jiraachuu isaati.
 
Kanaafuu, Kabajamaa Mana Murtii, sobaan yakkamee hidhamuu fi himatamuu koo malee, gochi yakkaa ani raawwadhes tahee badiin ani dalage kan hin jirre tahuu kabajaadhaanin ibsa.
Goota keenya Haacaaluu, isa nu jalaa ajjeesanii awwaalcha isaa akka hin deemne, boo’icharratti akka hin argamne shiraa fi sharriidhaan dhorkamne. Eeyyeen, Waahillan koo waliin awwaalchaafi gaggeessaa Goota kanaa osoon deemuu, gadda Haacaaluu irraa jumlaan karaatti ukkaamsamnee ani fi waahiloonni koo hidhamne malee yakkan raawwadhe hin qabu. Galatoomaa!” Jechuun himannoo isatti banameef, jecha waakkii kennuun yaadasaa goolabe.


Abiy ifatti gara Bilxiginnaa damee Amaaraa goree Bilxiginnaa damee Oromiyaa mataa gadi qabachiise. Akka Bilxiginnaan damee Amaaraa arrabsitu godhe. Dhalattootni Oromoo miseensa Bilxiginnaa tahan akkanatti salphina Oromoo baatanii cal jedhanii ergamuun isaanii kun itti dhagayamuu qaba. Bara Wayyaanee ergamtanii ammas erga Qeerroon Wayyaanee jalaa isin baase ergamuun isinitti ulfaachuu qaba. Salphinaan hin du’inaa!