ONN: Sa’a ammaa kanatti Godina Wallagga Bahaa Anaa Giddaaf Limmuu keessa haala suukkunnessaatuu jira

ONN: Sadaasaa 26-2018-Giddaa 

Sa’a ammaa kanatti Godina Wallagga Bahaa Anaa Giddaaf Limmuu keessa haala suukkunnessaatuu jira.

Karaa Limmuu Arqubbee bakka jedhamuun humni Addaa Gumuz humna tu’atamuuf nama rakkisu qabachuun waraana babuudhaan uummataaf poolisii kora bettinneessaa hunduu rukkuttee henduus buttee dhabamsiistee jirti.

Karaa mandara 10nis waraana banuun polisoota hedduu rukkuttee uummata buqqasaa jirti.

Humna mootummaan naannoo humna addaa jechuun guyyaa afur dura erges guyyaa kaleessaa Mootummaan Naannoo oromiyaa federal poolisiituu galaa gadhiisaa jechuun deebisee waamee yeroo ammaa ba’anii jiru.

Federal poolisiifi makkalaakaayaanis rakkoo kana keessatti hirmaachaa akka jiran poolisiinni dubbataa jiru.

Poolisiin kora bittinneessaa matarayyaasii dhukaasu tokko rukkutamee mana yaala jiru tokko akka jedhetti utuun ijaan ilaaluu poolisiin federaalaa narukkute jedhe.

Humna badii kun amma Daangaa Giddaa Ayyaanaa cabsuun Angar Lalistuu ga’uu ga’eera jedhu uummanni baqachaa jiran.