Gamtaa (coalition) dhaabilee siyaasaa Oromoo dhugoomsuun dhimma fardii fi ariifachiisaa dha.

Gamtaa (coalition) dhaabilee siyaasaa Oromoo dhugoomsuun dhimma fardii fi ariifachiisaa dha. Kana hubachuuf ogeessa saayinsii siyaasa ta’uu hin feesisu.

-Ummatni Oromoo dhaabileen siyaasaa Oromoo filannootti otoo hin dhiyaatiin dura gamtaa akka ummatan gaafachuu edda jalqabee waggaa tokkoo ol ta’ee jira.

-Mootummaan #PP fi diinotni kufaatii saba Oromoo hawwani gamtaan kun akka hin milkoofne /gufachiisuuf/ humna qaban hundaan irratti hojjechaa jiru.Yeroo ammaa kana tokkummaan humnoota siyaasaa Oromoo akka hin uumamne halkanii fi guyyaa ፆም ፀሎtii gochaas jiru.

-Gamtaan (coalition) yeroo dheeraaf hawwamu yoo milkaahe akkumaa referendum ummata Sidaamaa sana filannoo sagalee amansiisaatiin akka injifannu dursinee beeknee itti seenuu ta’a.

Raasoo Dibaabaatiin

Afuura tokkummaa #Amboorratti mul’ate kana qabannee gara filannoo 2012tti seenuun yoo barbaachise, gamtaan dhaabilee siyaasaa Oromoo saffisaan dhugoomuu qaba.

#Filannoon_2012_yoogaggeeffameef_jechuumaafi.


“ዶ/ር ዐቢይ ለምርጫ ቦርድ ምንም ክብር የላቸውም።” – ጌታቸው ረዳ

ምንጭ፦ ትግራይ ሚዲያ ሀውስ


Filannootti seenuun duratti Waaye Sirna #filannoodhaa fi Akkaataa filannoo sirnaan beekuun barbaachisaadhaa.
©Dimokraasi filannoo kessatti sirna filannoo gurguddoo lamatu jira,yookaan akka addunyaatti beekkama.
1=Sirna sagalee caalmaa name_ tokkee naannoo filannootii fi
2=Sirna bakka bu’insa madaalawaa jedhamuun beekkamu.

1=Sirna sagalee caalmaa name_Tokkee Naanno filannoo(single member district plurality) kana jalatti biyyattiin akkaataa baay’ina ummataatin naanno filannoo(constituency) itti qoodamti.Naanno filannoo kan biyya keenyatti(mirca

a killil) kan jedhamu dha.Baay’inni ummataa kan biyya tokko qabaachuu danda’u biyya biyyatti garaa garaagarummaa qaba.Biyyattiin baay’ina ummataa wolqixaa ta’uu baatus gar gar qooduun naannoo filannoo hundessiti.Naannoon filannoo tokko ammoo nama tokko qofaan bakka buufamuun tessoo parlaamaa(mana mareetti )ergiti.dorgomtoonni Hedduun sagalee baay’ee argatan naannoo filannoo tokkotti yoo dorgomaniyyuu dorgomaan darbu nama tokko qofa.Dorgomaan 1ffaa darbu isa lammaffaa yoo saglee nama tokkonillee yoo mo’ate ,injifataa ta’e darba.kan gadi hafani hundumtuu kufanii hafu.Sirni kuun kan injifate hunduma argata.”(winners take the all) jechuun beekama. dorgomtonni sadi A,B,C ‘n sagalee Argatan A=35% ,B=34% fi C=31% yoo ta’en dorgoman A” kallattiin yoo Darby,B Fi C’n sagalee woliin Galaa kenname kessaa dhibbantaa 65(65%) qabatanii moo’amu jechuudha.Etiyophiyaan Woggoota 28 tiif sirna filannoo kana hordofaa Turte.Akkaataa kanaan Naannoollee filannoo biyyatti jiran kessaa injifattoonni argaman wolitti ida’amanii tessoo paarlaamaa (mana mares)dhibbantaa 50+ yoo argatan mo’attoota ta’uun motummaa hundeessu.

Biyyi keenya ADWUI jalatti filannoo sagalee caalmaa nam_tokke akkanaa hordofaa kan turtedha.hata’u garuu ademsi filannoo kun haala qabatama biyya keenyaatii wojjin kan adeemuu miti.addeemsa filannoo kanaatiin sagaleen kumni Hedduun gati male hafa.FKN buufata filannoo kanaatiin A,B,fi C”n tu jirani ha jennu.Firiin sagalee isaani A=6000,B=5,500,C=40000 yoo argatan akkaataa filannoo sagalee caalmaa nam_tokkeetiin buufata naannoo filannootii A ‘n sagalee nama 6000,tiin ummata Kuma 14,000 gatiin dhabsiisa jechuudha.Namoonni Kuma 14,000 sagantaa polisii A’tiin hin deeggaramne(morman)sagalee nama 6000 ‘tiin buluuf dirqamu.

Kanaafidha Sirni filannoo kanaa ilaalcha garaa garaa kessummessuu dhadhabuum haqa dhabessa kan ta’uuf.Adda addummaa hawaasaa(garee) garaa garaa sirna ballessuuf deemudha.Biyyi akka ethyphiya saboota Hedduun fedhiin garee isaanii akka eeggamu barbaadan kan wol_dhabdeen hidda godhate jiru kessatti sirna filannoo kanaa hordofuun mirga(fedhii)gareelee sarbuu ta’a.kanaafu adeemsi sirna filannoo ADWUI hordofaa Turte haala qabatamaa biyya keenyatti wojjin fudhatamummaa hin qabaatus! woyyaneen garuu (ADWUI sirna filannoo kana hojirra oolcha kan tureefi sirni filannoo kunis bakka Hawaasa sabootaa ,afaan,aadaa ,eenyummaa adda adda qaban kessatti gonkumaa sirna filannoo fudhatamummaa hin qabne dha.

2=Sirni filannoo bakka bu’insa madaalawaa “”

Sirni filannoo bakka bu’insa madaalawaa(piroportional representation) kun sirna paartileen siyaasaa filannoo kessatti akkaataa gahee isaanii tiin qaama biyyatti seera tumu kessatti bakka ittiin buufamanudha.Sirni kun sirna teessoo paarlaamaa(mana mares)dhibbantaa sagalee paartileen siyaasaa ykn dorgomtonni dhuunfaa argatanitti qoodamuufidha.Sirna filannoo bakka bu’iinsa kessatti paartiilee (A,B,fi C”) jiran ha jennu.Sagaleen ummata woliigalatti 10,000,000 ha jennu.A=4,500,00 ,B=3,500,000 fi C=2,000,000 yoo jenne ,Qoyyoba sirna filannoo bakka bu’insa madaalawaa paartileetiin paartileen kun hundumtuu akkaataa sagalee isaanii tiin tessoo paarlaamaa(mana maree)argatu.A=45%,B=35% fi C=20% dhibbantaa sagalee argatan kanaan tessoo paarlaamaa hirachuun aragatu jechuudha.
Wolumaa galatti hayyoonni adda Addaa yaada armaan gadii irratti hedduminaan woliif galu.
A=Biyya jiddu galessummaan itti dagaagee fi Hawaasa afaan,aadaa,duudhaa biyyoolessaa uummatte kessatti sirni filannoo mijataan sirna filannoo sagalee caalmaa nam_tokkee naannoo filannoo ta’uu qaba yoo jedhamu.

B=Hawaasa makaa hedduu(diversity) aadaa,afaan,duudhaaf sabuummaa(eenyummaa )adda adda qabu kessatti sirni barbaachisaa fi Dimokraasi filannoo kessatti sirni haqa qabessa Sirna filannoo bakka bu’insaatu furmaata jedhu.Bakka bu’iinsa Dhugaa Isa gita Hawaasa adda Addaa ,koorniyaa fi sabummaa (eenyummaa)hammachuun wol_dhabbii fi wol_shakkii hambisu sirna filannoo kanadha jedhu.
Sirni filannoo qabatama biyya keenyaaf barbaachisus (sirna filannoo Bakka bu’insa madaalawaa jedhamu kanadha)
Haala amma argaa jirrutti Biyya akka keenyaa sabootaaf sablammoonni garaa garaa jiran kana kessatti Sirna filannoo isa kamtu filatamaadha kan jedhu Hubachuuniif sirriitti beekuun akkan barbaachisaadha .Kanuma!
=
by Anuwar Teha