GADDA SUUKANNEESSAA!!Harargeetti Dirqiin Deeggarsa Abiyyiif hiriira bahaa jedhanii nama keenya balaa Konkolaataatiin fixan

GADDA SUUKANNEESSAA: Harargeetti Dirqiin Deeggarsa Abiyyiif hiriira bahaa jedhanii nama keenya balaa Konkolaataatiin fixan warri opdo/bilxiginnaa

GADDA SUUKANNEESSAA
Harargee Bahaa aanaa Meettaa magaalaa Calanqoorraa km 7 caalaa kan hin fagaanne magaalaa DUSEE keessatti konkolaataan waraanni fi miliishonni pp humnaan ummata feete hiriira deeggarsaaf magaalaa geessaa jirtu garagaluun yoo xiqqaate namoonni 50 du’aniiru. Baayeenis qaamaa caccabee miidhama ulfaaataaf saaxilameera.
 
Bara 2017 keessas magaalaa kana keessatti namoonni 15 bakka tokkotti waraana EPRDF’n ajjeefamuun ni yaadatama. Kanneen ajjeefaman keessaa namoonni 7 maatii tokko turan.
Aanota mara keessatti hiriira deeggarsaa nuuf baatan malee jechuun waraanni fi miliishonni halkan mana manarra deemuun afaan qawweetiin ummata guuraa buluun ganama suubii magaalaatti konkolaattota fe’iisaa kanneen akka UD, ISUZU fi siinoo tiraakiitti fe’aa turan. Suuqiiwwan, manneen nyaataa fi geejjibni ummataa hundi guyyaa har’aa akka hin banamne/hojii hin hojjenne gochuun poolisoonni, miliishonni fi waraanni pp ummata dirqisiisanii hiriira baasaa turan.
Akkasitti dhiiga ummataatti taphataa hangam aangoorra turuu fedhu ofii?


ODUU AMMEE
Godina Harargee Bahaa Aanaa Meettaa naannawa magaalaa Calanqotti Maqaa hiriira deeggarsaatiin barattootaa fi namoota nagayaa humnaan konkolaataatti fe’anii gara iddoo hiriiraatti imalchiisaa osoo jiran konkolaataan garagalee lubbuun namoota 40 Olii dabruun himame.
Maddeen keenya baha Oromiyaarraa odeessa kana nuuf qoodan akka himanitti magaala calanqoo keessaatti hiriira deeggarsa hoggansa Abiyyii fi Balaaleffannaa Juntaarratti hirmaachuu qabdu jechuun barattoota magaalaa Qullubbii irraa fe’anii gara Calanqootti imalchiisaa osoo jiran balaa tiraafikaa mudateen Lubbuun namoota 40 olii dabruun addeeffameera.
 
Balaan Tiraafikaa kunis kan mudate naannawa magaalaa Calanqoo iddoo Duuse jedhamutti akka ta’e maddeen eeraniiru. Akka maddi keenya Hospitaala Hiwoot-Faanaatti argamu amma nuuf himetti namoonni lubbuun dabran irra jireessan barattoota yoo ta’an namoonni nagayaa kararraa humnaan maqaa hiriiratiin konkolaataatti fe’anis keessatti kan argaman tahuu hima.
Barattoonni dhuman kunneen irra hedduun battalumatti lubbuun isaanii yoo darbu muraasni ammoo erga wal’aansaaf Hospitaala Hiwoot Faanaa jedhamu seenanii booda akka tahes maddi keenya kun ibseera.
 
Barattoonni Balaa tiraafikaa mudateen miidhaa cimaan irra gahuun waytii ammaa hospitaala Hiwoot Faanaatti du’aafi jireenya gidduu jiranis jiraachuu maddi keenya kun OMNitti himeera.
Murnoonni Bilxiginnaa hiriira dirqii raawwachuuf dhaloota Ol adeemoo karatti qaxara cabsuun nama gaddisiisa kan jedhu maddi keenya kun duuti barattootaa har’a Calanqotti mudate baay’ee kan nama naasisuudhas jedheera.
 
Hiriirri maqaa Deeggarsaatiin Murnoonni Bilxiginnaa hawaasa dirqaa jiran magaalota Oromiyaa hedduu keessatti gara mormiitti jijjiirameera. Baatuu, Awwadaay, Dirree Xayyaaraa fi Burraayyuu akka fakkeenyaatti kaafamaniiru.
Haala jiru duukaa buunee kan isiniin dhaqqabnu taha.
(Mohammed Fantaallee)
Oromia Media Network


 
#Ethiopia: 36 people killed in a car accident in East #Hararghe zone, #Oromia region
East Hararghe zone, Meta Wereda in Oromia regional state communication affairs bureau said 36 people were killed in a single car accident today.
 
Inspector Tollossa Goshu, head of the communication division of the zone, told state news agency ENA that the accident happened in Dhusee Kebele at 11:30 AM local time when an Isuzu truck en route to Chelenko town overturned. All the 36 victims were killed on impact and their bodies were delivered to their families, he said. Those who are injured in the accident are currently receiving medical treatment in hospitals in Deder and Chelenko as well as in Dire Dawa city, Dir Chora hospital.
The inspector said the cause of the accident was excessive speed and that the driver was under investigation.
 
በተሽከርካሪ አደጋ የ36 ሰዎች ህይወት አለፈ
 
ጥር 26 / 2013 ( ኢዜአ) በምስራቅ ሐረርጌ ዞን ሜታ ወረዳ በደረሰ የተሽከርካሪ አደጋ የ36 ሰዎች ህይወት ማለፉን ፖሊስ አስታወቀ።
የዞኑ ፖሊስ መምሪያ የመንግስት ኮምንኬሽን ጉዳዮች ዲቪዥን ሃላፊ ኢንስፔክተር ቶሎሳ ጎሹ ለኢዜአ እንደገለጹት አደጋው የደረሰው በወረዳው በዱሴ ቀበሌ ገበሬ ማህበር ዛሬ ከረፋዱ አምስት ሰዓት ከሰላሳ ደቂቃ ላይ ነው።
ከወረዳው ዱሴ ቀበሌ ገበሬ ማህበር ወደ ጨለንቆ ከተማ በመጓዝ ላይ የነበረ…አይሱዙ የጭነት ተሽከርካሪ በመገልበጡ አደጋው መድረሱን ተናግረዋል ።
በአደጋው በተሽከርካሪው ላይ ተጭነው የነበሩ የ36 ሰዎች ህይወት ወድያው ማለፉን ገልጸዋል።
የአካል ጉዳት የደረሰባቸው ሰዎች በደደር፣ ጨለንቆና ድሬዳዋ ከተማ በሚገኘው ድልጮራ ሆስፒታል የህክምና እርዳታ እየተደረገላቸው መሆኑን ተናግረዋል።
ህይወታቸው ያለፈ ሰዎች አስከሬን ለየቤተሰቦቻቸው እየተሰጠ መሆኑን አመልክተዋል።
የአደጋው መንስዔ ከፍጥነት በላይ ማሽከርከር እንደሆነ ያመለከቱት ኢንስፔክተሩ ፖሊስ አሽከርካሪውን በቁጥጥር ስር አውሎ ምርመራ እያካሄደ እንደሚገኝ አስታውቀዋል።

OMN: ODUU AMMA NU GAHE


Dargaggoo Obsaa Abdiisaa guyyaa har’aa waajjira Koomishiinii Poolisii Oromiyaa Finfinnee naannoo Laanchaa jedhamu keessatti hidhamuusaa maatiin OMN-tti himan.
Obsaa Abdiisaa fi Kaadhimamaa PhD Abduggaffaar Umar ajjeefamuu Artist Hacaaluu Hundeessaa booda hidhamanii torbanoota dura mana hidhaatii kan hiikaman yoo ta’u, guyyaa gaafa hidhaman sana meeshaalee akka Laaptooppii, Moobaayilaafi waraqaa eenyummaa dabalatee ragaalee barnootaaf isaan barabaachisan poolisiin harkaa fudhachuusaa sababeeffachuun, guyyaa har’aa ragaa kana fudhachuuf gara waajjira Koomishiinii poolisii Oromiyaa deemuu isaanii maatiin OMN-tti himan.
 
Namoota gaafa duraa waliin hidhaman keessaa namni dursa hiikame bakka sanatti argamuun ragaa barnootasaa kan fudhate yoo ta’u, Obsaafi Abduggaaffaar guyyaa har’aa meeshaalee isaanii fudhachuuf gara Koomishiinichaa deemanii yeroo jiranitti, poolisin Abduggaffaar biraa qofaatti Obsaa hanbisuun yeroo ammaa kana Obsaa qofaatti bakka tursiisaa Koomishiinichaa keessatti hidhanii jiraachuu OMN odeeffateera.
 
Dargaggoo Obsaa Abdiisaa Yuunvarsiitii Finfinneetti eebbifamaa Saayinsii siyaasaa fi Hariiroo idiladdunyaa bara kanaa kan ture yoo ta’u, utuu inni hidhaa jiruu barattoonni kaan waan eebbifamaniif, barnootasaa bara dhufu eegee itti fufuuf dirqamee jiraachuusaa Afgaaffii OMN waliin taasiseen dubbatee ture.