Hayiluu Gonfaafi LTV Show: Gaaffiifi deebii Haayiluu Gonfaa LTv waliin godhe caqasuun dhaggeeffadheera.

#TIM ~Hayiluu Gonfaafi LTV Show: Gaaffiifi deebii Haayiluu Gonfaa LTv waliin godhe caqasuun dhaggeeffadheera.

calladito me veo más bonita!!
I’m prettier when I keepmy mouth shut!!

Gaaffiifi deebii Haayiluu Gonfaa LTv waliin godhe caqasuun dhaggeeffadheera. Waan inni dubbatuufi jechoota inni itti gargaaramurraa gaaffii hedduun of-gaaffachaan ture. Isaan keessaas:

a. Namichi kun dhuguma nama siyaasaati?

b. Qeerroo kan waggaa 13 dura dhaabee ABO ta’uu isaa namni akka isaa kun akkamitti haala?

c. Jechoota arrabaafi of-tuullummaa OPDO durii akkamitti itti gargaarama?

d. Oromoon dhi’aa maal isa godheeti akkas jibba?

e. Uummata mirga isaa gaafatu, inni eenyuu ta’eeti maaliif gaafattu jedha?

g. Rakkoo uummatni dhi’aa qabu maaliif osoo hingaafatin akkas balalleeffata?

h. Waan sobaa isa Admaasuun xibaara ture namni akka isaa osoo hinqulqulleeffatiin akkamitti xibaara?

i. Nama siyaasaa namni ofiin jedhu namni akka isaa akkamitti haala yeroo hubachuu dhaba?

j. ABO maaliif akkas jiba? Tarii diiguuf deemee waan fiixaan hinbaaneef

k.Lammaan nama dhabee, nama akkas jibbiinsa Oromoota biroo qabu taayitaa kennaaf?

Namootni itti dhiyaattan osoo gorsitanii gaariidha. Oromoofi dhaabbilee siyaasaa Oromoo akkas addaan baasuun kun nama akka isaa irra gonkumaa kan eegamu miti.

Amamaf waan jedhuu qabu baayyee qabaadhus mee naan haaga’u! Guddaa Xiqqaa!!!
_(Barruu Proofesar Asaffaa Jaallataa, Waggaa Afur duraan maxxansee keessaa fudheen sadeessoon isiniif maxxansee)

UMMATA OROMOO FI OROMIYAA
Ummati Oromoo akka saba tokkootti sirna Gadaa jalati of ijaaree waggooti dhibba baayyeef diinoota isaa of irraa dhowwee walabummaan jiraachaa ture. Yeero sana Oromiyaa akka biyyaatti ijare. Oromiyaan kan dhalate sirna poolitikaa Gadaa jalatti ture. Booda yeero sirni gadaa iddo bayyeetti caacabuun, iddo tokko tokkotti sirni mootii dhalate humni pololitikaa Oromoo laafuu caalqabe. Keessumaa jaarraa kudha sagal keessa sirni mootii Oromiyaa keessaa iddo bayyeeti biqilan sirna Gadaa baayyee laffisan. Jaarraa kudha sagal keessa sirni Kaappitaalismii Awurooppaa irraa gara Afrikaatti babalacha ture. Kun Habashootaaf caaraa isaan duraan qabaachaa hin turre kenneef.

Habashooti waggoota dheeraaf humna Oromoo dura dhaabbachuu hin dandeenye qawwe, loltootaa fi gorsa faranji irraa argataniin Oromoo dura dhabbatan. Matootii gosaa fi qondaaloota Oromoo kan akka Gobanaa Daacceefaa malaan ofitti qabatan. Akka kanaan gara waggaa shantamaa olii Oromoo irratti duulani, Oromiyaa cabsanii biyya Abisiiniyaa kan booda Ethiopia jedhanitti dabalatan. Waggoota shantamman kana keessa Oromoonni miliyoona shanii ol akka dhumaan seenaatu ragaa baha.

Oromiyaa , biyya Oromoo, diigani bakka baayyeetti qoodanii maqaa adda addaa keennaniif. Shawaa, Haraghee, Wallo, Wallagga, Sidamoo, Arsii, Ilu Abbaboor, Kafaa xaqlaayi gizaati kan jedhuu fi kkf jedhanii moggaasan. Oromoota kaan immoo Gojjaamii fi Tigraayitti kutan. Seenaa, aadaa fi Afaan Oromoo baleessanii ummata tokko iddo adda adaatti hiranii wal lolchiisuu wal jibbisiisuu imaammata godhatan. Har’a illee Oromooti imaammata Habashootaa kanan afaan faajja’an baayyeetu jiru. Yaada fi ilaalcha hamaa akkasii amma Oromummaa fi sab-bonummaan bishaatee ijja goodhatutti guutummaatti ballessuun hin salphatu.

Oromooti iddo baayyeeti sirna Habashootaa didanii fincilaa turan. Lolli Rayyaa fi Azabo, Afran Qalloo, Shaggar, Baalee f Arsii, Sibuu, Guduru fi kan biraa fakeenya fudhachuutu danda’ama. Keesumaa lolli Baalee bara jaatamoota keessa turee fi dhalachuun Waldaa Macaa-Tuulama biqiluu sab-bonummaa Oromoof gudina Oromummaaf kara saaqan……”

” OROMUMMAAN MAAL?
Oromummaan akka ilaalcha seenaa, aadaa, poolitikaa fi sab-bonummaa Oromootti daandi bilisummaa saaqa. Daandiin bilisummaa kun wanta Oromoon marti wal wajiin qaban irratti ijarama. Oromummaan akka ilaalcha sab-boonummaatti Oromoo humna poolitika taasisuun bilisummaa namummaa (human liberation) goonfachiisuu danad’a jedhamee amanama. Akkasumas akka ummati Oromoo waayee ofi baratee, ummatoota biraa wajjin of madaalee, wanta irra hir’ate guuttatee mirga isaaf garaa guutuun lolatu isa kakaasa.

Oromummaan seenaa, aadaa fi kara bilisumaa Oromoo ti. Kanaafuu seenaa Oromoo isa diinni awwaale mul’isuun, aadaa isaa tuffatame deebisee ijaruun, namummaa Oromoo dhitamee bilisoomisuun, Oromummaa dha. Oromummaan ilaalcha ittiin motummaa fi dhaabbattoota (“institution”) koloneeffattoota Habashaa Oromiyaa keessaa ittin buqqisani dha. Akkasumas ilmaan Oromoo dubartii dhiira, beekaa fi wallaalaa, soreesaa fi deegaa utu hin jeedhin, qomoo fi gosaan laga utuu hin lakaa’in, sirna Oromoo kan Gadaa fi “dimokiraasii” haqaan akka ijaaran karaa bana.

Kana gochuuf ummatummaa Oromoo isaa iddo baayyeetti caacabe deebisee ijaara. Poolitikaa Oromoo keessatti gandaa fi laga laka’uun, nyaaphaf meeshaa ta’uun, ummata biraatti of jijjiiruu yaaluun gadi aantummaa ta’uu mulisa. Oromooti wanta akkanaa beekaas ta’e, utuu hin beekin hojjetan waldhaansoo bilisummaaf godhamutti guufu dha. Keessumaa warri poolitika keessa jiran cubbu akkasi irraa of eeggachun dirqama Oromummaa ti.

Orommummaan dhiiga, gandummaa fi laga irratti hin ijaaramu. Kanaafuu biyyummaa, seenaa, aadaa, afaan, bilisummaa fi feedha ummata Oromoo hundaa irratti hunda’aa. Kun hunduu kan ta’uu danda’u yoo Oromoon aka ummata tokkootti of ijaaree jaarmayaa cimaa fi bishaataan geggeefame qofa. Jaarmaa bishaataf cimaan akeeka (policy) ummati Oromoo irratti walii galan baasee ummata irratti hojjeechisa……”

#Maddii – Barruu Profeesar Asaffaa Jaallataa Kan “OROMUMMAA FI DARGAGGOOTA OROMOO” Jechuun kan qopheessan irraa kan fudhatame!”OROMUMMAAN DHIIGA!, GANDUMMAA FI LAGA IRRATTI HIN IJAARAMU!”
==================================
(Barruu Proofesar Asaffaa Jaallataa, Waggaa Afur duraan maxxansee keessaa fudheen sadeessoon isiniif maxxansee)

#Maddii – Barruu Profeesar Asaffaa Jaallataa Kan “OROMUMMAA FI DARGAGGOOTA OROMOO” Jechuun kan qopheessan irraa kan fudhatame!

1 Comment

  1. The General is an enlightened, articulate, and capable leader. His political acumen and absolute dedication for the Oromo is on display here. His willingness to work with others both in Oromia and Ethiopia is refreshing and encouraging.
    He certainly will be a major political force in Oromia and Ethiopia.
    A luta continua ces!

Comments are closed.