Gaaffii FINFINNEE Deebisuuf Dirqama Heerri Fooyya’uu Qabaa?

Above Single Post

Gaaffii FINFINNEE Deebisuuf Dirqama Heerri Fooyya’uu Qabaa?

Lafti bocaa fi bal’ina amma qabduun biyyi Itoophiyaa jedhamtu tun lafa naannoleen saglan qabataniin kan ijaaratmte akka ta’ee fi sanaan ala lafti biraa akka hin jirre kutaa 1ffaa keessatti ilaallee jirra. Bifuma walfakkaatuun mootummaa federaalaawa dimokiraataawa Ripaabliikaa Itoophiyaas naannolee saglan kanaan kan gurmaa’e akka ta’es kutaa 1ffaa jalatti ilaallee jirra. Kanaaf mootummaa federaalaa kan naannooleetiin ala lafa ofii isaa fi bulchiinsa lafa qabu kan biraa hin qabu. Lafti tokko lafa Itoophiyaa keessatti hammatamuuf, bulchiinsi tokko miseensa mootummaa federaalaawa dimokiraataawa Ripaabliikaa Itoophiyaa ta’uuf dirqama lafaa fi bulchiinsa naannolee keessaa isa tokko keessatti hammatamuu qaba jechuu dha. Bu’uura kanaan magaalaaleen akka FINFINNEE fi DIRREE DHAWAA gonkuma magaalaalee FEDERAALAA jechuun waamamuu akka hin qabnee fi ta’uus akka hin dandeenye ni hubatama. Lafaa Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa irratti waan argamaniif magaalaalee Oromiyaati jechuu dha.

Itoophiyaan akka biyya caaseffama Sirna Federaalaawaatiin bultu tokkotti sadarkaalee mootummaa Heeraan hundeeffaman lama qabdi (has two tiers of government established by the constitution.). Isaanis mootummaa Federalaawaa fi Mootummaa Naannooleeti. Aangoon Heeraan kan qoodame sadarkaalee mootummaa lameen kanneen jidduutti. HMFDRI kwt. 50(8) jalatti immoo aangoon mootummaa federaalaa fi naannoolee heera kanaan akka murtaa’uu fi naannoleen aangoo federaalaaf kenname federaalli immoo aangoo naannolee kabajuu akka qabu tumameera.

Akkasitti ibsuun ni danda’ama”each tier is required to operate within its area of jurisdiction, and any action to the contrary is null and void to the extent of its inconsistency with the law”. Aangoon mootummaa federaalaa kwt. 51 jalatti tarreeffameera. Isa kana bu’uureffachuun dhimmoonni aangoon seera baasuu Manni maree bakka bu’oota Ummataa MFDRI irratti qabu heericha kwt. 55(1) jalatti tumameera. Dhimmoonni mootummaan federaalaa ofiisaa ykn naannoo waliin seera irratti baasuuf aangoo akka qaban ifaan hin tarreeffamin aangoo naannolee jalatti akka kufan heericha kwt. 52(1) jalatti tumameera Sadarkaaleen lameen kunniin angoowwan seera baasuu, seera raawwachiisuu fi seera hiikuu ni qabu.

Kanaan ala sadarkaan mootummaa aangoowwan kanneen qabu kan biraa hin jiru. Bulchiinsa naannoleetiin ala mootumman federaalaa sadarkaa bulchiinsaa kan biraa hundeessuuf aangoo hin qabu. Naannoleen garuu Ummanni kallattiin akka hirmaachuu danda’uuf aangoon gahaan qaamolee bulchiinsaa gadi aanaa ta’aniif kennamuu akka qabu akka mootummaa naannoottii fi sadarkaalee bulchiinsaa gadi aanaa (local administrations) kan birootiin gurmaa’uu akka danda’an HMFDRI kwt. 50(4) jalatti tumameera. Kanaaf magaalaa;ee biyyattii caasessuuf aangoo kan qabu naannolee mataa isaanii akka ta’e ni hubatama.

Mana maree bakka bu’oota Ummataa dhimmoota HMFDRI tiin aangoo mootummaa federaalaa jalatti kufan irratti seera baasuuf aangoo akka qabu HMFDRI kwt. 50(3) jalatti ibsameera. Manni mare naannolee (fkn Caffeen Oromiyaa) immoo dhimma naannoo irratti aangoo seera baasuu akka qabu heericha kwt.50 (5) jalatti tumameera. Kanaaf dhimmoota heera jalatti bifa waliigalaatiin taa’anii tarreeffamni isaanii immoo seeraan akka murtaa’u ibsaman irratti manni maree bakka bu’oota ummataa aangoo seera baasuu kan qabaatu yoo kwt. 51 fi 55 heerichaa keessatti ifaan tarreeffamanii dha. Fakkeenya waliin haa ilaalluu:-

Fkn 1ffaa-HMFDRI kwt. 33(2) jalatti tarreeffamni faaydaa mirga lamummaa irraa namni tokko argatu seeraan ibsama(…prescribed by law) jechuun tumameera. Dhimmoota lamummaan walqabatan murteessuun aangoo mootummaa federaalaa jalatti akka kufu Heericha kwt. 51(17) jalatti tumameera. Manni Maree Bakka bu’ootas dhimma kana irratti aangoo seera baasuu akka qabu Heeruma kana Kwt. 55(2) (e) jalatti ifaan tumameera. Fkn 2ffaa- HMFDRI kwt. 40(4, 5, fi 6) mirga qotee bultoonni, horsiisee bultoonnii fi invastaroonni qabiyyee lafaa irraa qaban ilaalchisee keewwattoota xiqqaa keewwata kanaa 4 fi 5 jalatti raawwiin isaa seeraan akka murtaa’a (implementation …..shall be specified by the law), keewwata xiqqaa 6 jalatti immoo tarreeffamni isaa seeraan kan murtaa’u ta’a ( Particulars shall be determined by law) jechuun tumameera Dhimmoota mirga qabiyyee lafaa fi qabeenya uumamaatiin walqabatan irratti mootummaan federaalaa aangoo akka qabu Heericha kwt. 51(5) jalatti tumameera. Manni Maree Bakka bu’ootas dhimma kana irratti aangoo seera baasuu akka qabu Heeruma kana Kwt. 55(2) (a) jalatti ifaan tumameera.

Fakkeenya sadaffaa- HMFDRI kwt.42 (1(c), 3) jalatti tarreeffamani mirgoota hojjataa tumaa kana jalatti eeraman seeraan akka ibsamu tumameera. Manni Maree Bakka bu’ootas dhimma kana irratti aangoo seera baasuu akka qabu Heeruma kana Kwt. 55(3) jalatti ifaan tumameera. Fakkeenyota kana irraa akka hubatamutti mani maree bakka bu’oota ummataa aangoo seera baasuu kan qabaatu heericha keessatti tarreeffamni isaa seeraan kan ibsamu ta’a waan jedhameef qofa osoo hin ta’in heerichaan dhimmicharratti aangoo seera baasuu qabaachuun isaa ifaan (expressly) yoo ibsame qofaa dha. Dhimma bifa kanaan mootummaan federaalaa aangoo seera baasuu akka iratti qabu hin ibsamin irratti aangoo kan qabu mootummaa naannolee akka ta’e tumaa heerichaa kwt 52(1) irraa ni hubatama.

HMFDRI Kwt. 49(3) The Administration of Addis Ababa shall be responsible to the Federal Government. የአዲስ ከተማ አስተዳደር ተጠሪነቱ ለፌዴራሉ መንግስት ይሆናል፡፡ Itti waamamni bulchiinsa magaalaa Finfinnee mootummaa federaalaatiif ta’a jechuun kan tumame (hiikkoo isaa bal’inaan kutaa itti aanu jalatti kan ilaallu ta’ee) battalumatti mootummaa Federaalaa aangoo Finfinnee irratti seera baasuu kan gonfachiisuu miti. HMFDRI kwt. 49(5) jalattis dhimmoonni faaydaa addaa Naannoon Oromiyaa Magaalaa Finfinnee irraa qabdu bifa waliigalaatiin ibsamanii tarreeffamni isaanii immoo seeraan akka murtaa’u (Particulars shall be determined by law) kan tumames dhimma kana irratti mootummaan federaalaa karaa bakka bu’oota ummataatiin aangoo seera baasuu akka qabu wanti akeeku hin jiru.

Kanaaf bu’uura fakkeenyota armaan olitti ilaalleen akka waliigalaatti mootummaan federaalaa magaalaa finfinnee irratti aangoo seera baasuu akka qabu HMFDRI kwt. 51 jalatti wanti ifaan taa’e hin jirru. Manni maree bakka bu’oota Ummataas FINFINNEE irratti aangoo seera baasuu akka qabu HMFDRI kwt. 55 jalatti ifaan wanti tumames hin jiru. Mootummaan Federaalaa ykn Manni maree bakka bu’oota ummataa dhimmoota dantaa addaa Naannoon Oromiyaa Finfinnee irraa qabdu ilaalchisees aangoo seera baasuu akka qabu HMFDRI kwt. 51 jalatti wanti ifaan taa’e hin jirru. Kanaaf mootummaan federaalaa dhimmicha irratti aangoo bu’uura HEERAA qabu tokkollee bakka hin jirreetti wixineen labsii dantaa addaa Oromiyaa Finfinnee irraa qabdu ilaalchisees wixineeffame mana maree bakka bu’oota Ummataa MFDRI tiif qajeelfamuun isaa bu’uura Heeraa kan qabuu miti.

HMFDRI Kwt. The residents of Addis Ababa shall have a full measure of self-government. Particulars shall be determined by law. የአዲስ ከተማ አስተዳደር ራሱን በራሱ የማስተዳደር ሙሉ ስልጣን ይኖረዋል፡፡ ዝርዝሩ በሕግ ይወሰናል፡፡ Warraabbii afaan Amaaraa fi afaan Ingiliffaa tumaa kanaa jidduu garaagarummaatu jira. Waraabbiin afaan ingiliizii angoo guutumaan guututti ofiin of bulchuu kan kennu jiraattoota Finfinneetiifii dha. Waraabbiin afaan amaaraa inni caalmaa qabu aangoo kana kan kenne bulchiinsa magaalichaatiifii dha. Kana ta’ee sana Heerri MFDRI aangoo kan qoodu mootummaa Federaalaa fi Naannoolee qofa jidduuttii dha. Magaalaan Finfinnee Naannoo miti. Kanaaf HMFDRI tiin aangoon heera baasuu magaalaa fi jiraattoota magaalaa Finfinneetiif kenname hin jiru. Kanaaf Finfinnee irratti aangoo seera baasuu kan qabu Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa waan ta’eef manni maree magaalaa FINFINNEE Labsii fi danbii Caffeen kun baasu bu’uureffachuun qajeelfama adda ddaa baasuu irraa kan hafe ifatti heeraan adda bahee aangoon qqodameef hin jiru. Kanaaf Manni maree bakka bu’oota Ummataas Chaartaroota magaalaa Finfinnee( fkn 361/95) fi Dirree Dhawaa fi Labsiin lakk. 25/88 fi kan isa fooyyessuuf bahan kan baase aangoo seera baasuu bu’uura Heeraa qabu osoo hin qabaatiin HEERA CABSUUN akka ta’e ifaan mul’ata.

Via: Abduljebar Hussien

Below Single Post

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.