Oduu Gaddaa:(SBO/VOL Ebla 28/2018) Obboo Hirphasaa Qana’aa Abbaan Gooticha Oromoo Engineer Gaaddisaa Hirphasaa

Oduu Gaddaa:(SBO/VOL Ebla 28/2018) Obboo Hirphasaa Qana’aa Abbaan Gooticha Oromoo Engineer Gaaddisaa Hirphasaa Dheengadda kan boqotan Sirni gaggeessaa isaanii Guyyaa har’aa Godina Lixa Shaggar Aanaa Dirree Incinnii (Xuqur Incinnii)tti bifa kanaan gaggeeffame. Gootichi Oromoo Engineer Gaaddisaa Hirphasaa Asiin fuldura mana hidhaa Qaallitti keessatti hiraarsaafi torture guddaa irratti rawwatameen kan wareegame ta’uun beekamaadha. Obboo Hirphasaa Qana’aa gadda wareegamuu ilma Isaaniifi ilmaan Oromoo wareegaman hundaaf keessi isaanii nama naatoofi hadooddii guddaa qabuufi sabboonaa hayyuu Oromoo beekamaadha. Maatii isaanii, firootaafi uummata Oromoof jajjabina hawwina. Waaqni lubbuu isaanii nagaan haa qananiisu!! .
Qabsawaan ni kufa Qabsoon Ittii Fufa


“Sirnaa gaggeesaa Abbaa gootichaa qabsoo enginer Gaddisaa hirphaasa. Obboo hirphaasa qanaa’a”


Jawar Mohammed