FXG Itti Fufee Manni Barumsaa Preparatory Amboo Cufame.

FXG Itti Fufee Manni Barumsaa Preparatory Amboo Cufame.

aadannoo baratoota Oromoo bara darbe qabsoo irratti wareegamani gochuuf jecha,Qeerroon manneen barnootaa Amboo fi magaalaa jiran wal gurmeessuun waraqaa warraaqsaa fi suuraa barattoota wareegamanii maxxansuu fi baasuun duungoo qabatani bahuuf waamicha yeroo taasisanitti mana barnootaa guyyaa lamaaf cufuun akka yaadannoon kabajamu wal gurmeessaa turan.

Waraanni Agaazii haala kana dhagahe konkolaatota 5 niin loltoota guuree gara mana barnootaa deemuun dallaa marsuun barattoota haala kana qindeessu jedhu tokko lamaan maqaa yaamuun heddumminaan gara mana hidhaatti fuudhanii waan deemaniif jecha Qeerroon diddaa isaa itti fufee manneen barnootaa cufee jira.

Amajjii 14,2017 manni barnootaa high school Amboo irraa hamma Awaaroo gahutti barattooti daandii aspaaltii cufuun FXG gaggeessaa olanii jiru. Haalli kun hanga ammaa hin tasgabbaawiin jira.