Free All Oromo Political Prisoners In Dire Dawaa!!

#Free_All_Oromo__Political_Prisoners_In_Dire_Dawaa

Hidhamtoota Dirre dhawaaadhatitti dagataman hiikaa.

Dursaa O Abaadir

OMN: የሻሸመኔ ከተማ ወጣቶች ተምሳሌት (April 08, 2020


Abdulaziz Fedilu Mohammad Nama dantaa mataa ofii caalaatti kabajamuu mirga ummata Oromootiif qabsaawuudha. Abbaan isaa Obbo Fadiluu Mohammad bara Mootummaa ce’umsaa yeroo Qabsaawonni Oromoo kanneen akka Sheek Badiruu Yaasin Jaal Giddii Roobaa fi Goototni hedduun Naannoo Sigimoo Ganda Gaattaa keessatti diinaan kokkee wal qabanii ummata isaanii ifatti baasuuf jecha diina laalessaa turan sanatti Obbo Fadiluu Mohammad Shiftoota waliin hidhata qabda Shiftoota nyaachifta maqaa jedhuun ilma isaanii Abdulaziiz daa’ima xiqqoo reef dhalatu irraa yeroo hedduu hidhamanii dararamaa turan.
Har’as Ilmi isaanii Abdulaziiz Fadiluu Maqaa WBO bosona jiruun hidhata qabda maqaa jedhuun yakkamee mana hidhaa keessatti dararaa hamaa keessa jiraachuun isaa beekamaadha.

Abdulaziiz Fadiluu Mohammad nama Sabboonummaa fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo maatii irraa dhaaleedha malee nama guyyaa keessa miidiyaa irraa dhagahee Qabsaawuu eegale miti.
Abdulaziiz Fadiluu Mohammad bara Qabsoo diddaa Master Pilanii darbe keessa Jaalataa Lammii waliin qunnamtii qabda, ummata Mootummaa irratti kakaasaa jirta jedhamee miindaan irraa kutamee mana hidhaa keessatti daramaa turuun isaa ni yaadatama!
Abdulaziiz Fadiluu har’as kaleessas sababni inni hidhamee dararamaa jiruuf yakka tokkollee qabaatee miti.

Sababa inni kaayyootti cichee roorroo fi saamicha ummata Oromoo irratti raawwamaa jiru Obsaa fi murannoon itti cichee dura dhaabbate qofaaf warri aangoo qabanutti fayyadamanii ummata keenya saamaa, saamsisaa jiranu sobaan yakkanii isaa fi Qeerroo Jajjaboo Akka isaa mana hidhaatti daraaraa hamaa irraan ga’aa jiru.
Free #Abdulaziiz_Fadiluu!!!

Jaalataa Lammii


AGM: Koroonan Chicagotti Namoota Gurraacha Akka Malee Fixaa Jiraachu fi Ethiopiatti immoo 55 gahuu