Finfinnee: Yaa uummata Oromoo kanneen Finfinnee fi naannawa ishee jiraattan hundumtuu dammaqaa

Finfinnee: Yaa uummata Oromoo kanneen Finfinnee fi naannawa ishee jiraattan hundumtuu dammaqaa

Ibsa Koongirasii Feederalawaa Oromoo (KFO) fi Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) iraa kenname
Addi Bilissummaa Oromoo (ABO)n qabsoo hidhannoo fi siyaasaa geggessaa turee qabsoo karaa nagaa geggeessuuf mootummaa Ityoophiyaa waliin waliigaltee uumeen booda Kongirasa Federaalawaa Oromoo duraanu qabsoo karaa nagaa gaggeessaa ture waliin egeree siyaasaa ummata Oromoo irratti marii jalqabaa geggeessee jira. Marii kana keessattis Sirna ijaarsa dimookiraasii,federaalizimii dhugaa fi olaantumaa seeraa kabachiisuu keessatti dhaabileen lamaan karaa itti dantaa ummata Oromoo fi Oromiyaa dursuu fi kabajchiisuu irratti yaada wal jijjiiruun hubannoota irra gahameera.
Uummanni keenya yaroo adda addaa wal-taanee akka itti dhiyaanu nu gaafachaa jiru hubtuun bu’uuruma kanaan Addi Bilissummaa Oromoo (ABO) fi Kongirasiin Federaalawaa Oromoo (KFO)n marii gaafa 24/12/2010 gaggeesinneen akkaataa garaagarummaa jiru dhiphisuun waliin hojjatuun danda’amu irratti wal hubachuun waamicha armaan gadii waloon dabarsina.
1. Koongireesii Feederaalawaa Oromoo (KFO) fi Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)n biyya kana keessatti federaalizimiin dhugaa akka dhufu, mirgi hiree murteeffannaa ummatootaa fi olaantummaan seeraa kabajamee nageenyii amansiisaa itti fufiinsaan akka lafa qabatuuf qabsoo uummatni keenya taasisu keessatti sagaleen uummatta keenyaa akka addaan hin hiramneef karaa danda’ame hunda hojjatana.

2. Uummanni keenyas wal hubannoo irra gahame kana beekuun qabsoo nuyi waliin gaggeessaa jirru kana nuuf beekuun akuuma kana duraa nu cina dhaabbachuun qabsoo bilisummaa milkeessuu keessatti qooda keessan akka gumaachitan waamicha seena qabeessa kana dabarsina.

3. Jaarmootni siyaasaa, Beektootni, Dargaggotni abbaa qabsoo Barratootni,Hojjatootni, Daldaaltotni, Abboottiin Gadaa fi Abboottiin Amantaa Oromoo kana beekuun itita aangoo siyaasaa uummata Oromoo amma argamee kana gara fuulduraatti tarkaanfachiisuuf qabsoo KFO fi ABOn taasisan kana akka cimsitan, utubdanii fi deegartaniif waamicha keenya isinii dabarsina.

4. Dhumarratti uummatootni Itiyoophiyaa qabsoo uummanni Oromoo kabajamuu mirga dimokraasii, mirga hiree murteeffatanaa, olaanttumaa seeraa, guddina federaalizimii dhugaa fi nageenya waaraa dhugoomsuuf warraaqu kana keessatti akka nucinaa dhaabbattan kabajaan waammicha isinii goona.

Injifannoon uummata dhugaan qabsaa’uuf haata’u !!!

Fulbaana 5,bara 2018
Finfinnee
KFO fi ABO irraa

via: Dhábasá Wakjira Gemelal


Finfinnee: Yaa uummata Oromoo kanneen Finfinnee fi naannawa ishee jiraattan hundumtuu dammaqaa

(Hiriyyoota kee 10f dabarsi)

Yaa uummata Oromoo kanneen Finfinnee fi naannawa ishee jiraattan hundumtuu dammaqaa.Nuti eenyuunuu waliin walitti buu’uu hin barbaannu.Sabni kamiyyuu Finfinnee keessa taa’ee akka fedhe jiraachuu fi hojjechuu dhorkaa hin jirru.Garuu waanti nuti jechaa jirru Qaamni Finfinnee keessa jiraatu kamiyyuu magaalaan kun kan handhuura Oromoo ta’uu ishee amanee fudhatee keessa jiraachuu qaba jenna.

Lubbuun ilmaan Oromoo magaalaa kanaaf wareegamaa ture akka isheen lafa Oromoo taatee jiraattu beekkamtii kennuufiif malee dhufanii akka fedhan alaabaa weerartoota keenyaa akka irratti fannifataniif miti.Kanaafuu abbaan fedhe Finfinnee jaallatee keessa jiraachuu yoo barbaade ulaagaan jalqabaa magaalaa teessuma Oromoo ta’uushee qalbii isaatti amanee fudhachuu qaba jedhu amanuu qaba.Kanaan wal qabatee amma waanti akka nuquunnamtan barbaadneef dhimmi ariifachiisaa fi ijoon dubbii kan armaan gadiiti.

Nafxanyooti yeroo ammaa hiriira farra Oromoo fi Oromummaa mata dureewwan armaan irratti magaalaa Finfinnee keessatti waamuuf qophaawaa akka jiran odeeffannoo ragaa qabatamaa fi amanamaa qabna.

Mata dureewwan kunniinis;

1ffaa–Finfinneen lafa Oromoo qofaa miti

2ffaa–Afaan Oromoo afaan federaalaa hin ta’u

3ffaa–Kantiibaan magaalaa Finfinnee dhalataa magaalaa Finfinnee ta’uu qaba kan jedhu irratti.

4ffaa–Siidaan Xaayituu ijaaramuu qaba.Namtichi xalayaa siidaa sanaa barreesse jedhamee kantiibaa Taakkalaa Uumaatiin hojiirraa ari’ame hojiitti deebi’uu qaba.

5ffaa–Alaabaan keenya guutuummaa biyya Itoophiyaa keessa fannifamuu qabaa fi ajandaawwan biroon keessatti argamu.Haa ta’u malee dhugaa dubbachuuf uummanni Oromoos ta’e kan biyya kanaa alaabaa wayyaanee duraanii hin jaallannu.

Garuu alaabaa sana jibbuun keenya ammoo akka alaabaan minillik nutti fe’amuuf miti.Humnaa fi dirqamaan magaalota keenya keessatti akka isaan alaabaa diina keenyaa fannisaniif eenyullee hin barbaadu.

Akka seeraatti Manni maree bakka buutotaa fi manni maree federeshinii akka barbaachisummaa isaatti filannoo uummata bakka bu’aniitiin alaabaa jijjiiruun ni dandaa’ama.Kun hojii heeraa fi heeraa qofa malee waan callisanii hooggantootni godhan miti.Garuu yeroo ammaa utuu alaabaan biyyatti heera biyyattiitiin hin jijjiiramin magaalaa Finfinnee dabalatee magaalota Oromiyaa kanneen akka Adaamaa,Bishooftuu faa keessattis akka fannisaa jiraniidha.Dubbiin kun immoo deemee deemee hooggantoota keenya irratti shira uummata wajjin walitti buusuu ta’uun beekamuu qaba.Akkamitti isa jedhuuf uummanni keenya miira keessa galee tarkaanfiiwwan hin malle akka fudhatu dirquudhaan mootummaan seera kabachiisuuf tarkaanfiin inni fudhatu uummata mufachiisuu dandaa’a waan ta’eef.

Kan ta’es ta’ee,nuti bulchiinsa hooggansa haarawaa ni deggerra ni jaallannas.Garuu shira nafxanyootni maqaa idaa’amneerra jechuutiin sobanii hooggantoota keenya akka uummanni jibbee irratti ka’uuf yeroo yerootti ajandaa itti jijjiiran kana callifnee ilaaluu hin qabnu.Kana gaafa jennu tarkaanfii nurraa hin malle fudhachuu hin qabnu.Mirga nama kamiiyyuu hin sarbinu,qabeenya nama kamiiyyuu hin mancaafnu,garuu akkuma bara agaazii sana karaa seera qabeesaaa fi nagaa ta’een irratti qabsaa’uu qabnadha.Seenaa isaanii keessatti karaan bafxanyootni ittiin Oromoo miidhaa turan keessaa inni guddaan hooggantota keenya waan nucaalaa jaallatan fakkaachuudhaan nutti leellisu.Gaaffii uummata Oromoo mufachiisuu fi xiiqiitti galchu hooggantoota keenya gaafatu.

Hooggantoonni keenya tooftaa barbaadaniin gaaffii isaanii haa deebisan.Nuyi miira keessa seennee hooggantoota keenya irratti duuluu fi jibbuun maqaa isaanii balleessuun jara kanaaf ittumaa karaa banuu waan ta’uuf irraa of qusachuu qabna.

Hooggantoota keenya suuta jennee karaa dandeenyeen gadi qabnee gaafachuu fi waan sirreessaa jennuun itti himuun yeroo kana keessa nu barbaachisa.Kana asumarratti isiniif dhaameen,dhimma hiriira jara nafxanyootaa kana ammoo guyyaa isaa adda baafannee post ni goona.Garuu hangasitti ija lafa jalaatiin ganda Fifninnee keessa jiraattan keessatti wal taa’aatii hordofaa isiniin jechuuf waamicha isiniif goone.Waan argitan hundumaa ragaa fudhadhaa,viidiyoo fi suuraa harkatti qabadhaatii nuufis ergaa,qaama mootummaa itti amantaniifis miidiyaalee Oromootiifis erguun barbaachisaadha.

Gaafa guyyaansaa mirkanaa’e maal gochuu akka qabnu walumaan mari’anna.Fuulduratti akkamittiin waan hundumaa irratti akka hojjechuu qabnu suuta jennee iccitii eeggachuudhaan akkuma kana karaa keessaa waliif barreessina.

Fuula fb kana ijoollee Oromoo hundaan nuuf gahuu hin dagatinaa akka ergaan keenya hunda qaqqabutti.Isin jaallanna ilmaan Oromoo.Waliin taanee magaalaa keenya diinarraa haa buufannu.
Lamuu callifnee teenyee gaafa diinni tarkaanfii fudhatu boowuun haa dhaabbatu.Duraan dursinee qophoofnee taa’uun durqama.Guddaa galatoomaa.Dhaamsa kana ilmaan Oromoo Finfinnee jiraata jettee yaaddu hundumaan nuuf gaahaa.

Dhaamsi kun ilmaan Oromoo hundaan haaluma wal fakkaatuun waamichi waan godhamuuf warri godinaalee biroo obsaan akka nu eeggatan karaa komentii nuuf dabarsaa.

Kr. Dhábasá


Bardheengaddaa guyyaa akka har’aa kanatti wayta jala bultiin bara haaraa kabajamu Obbo Lammaa Magarsaa biyya keessa hin turre. Obbo Lammaa bakka bu’uun Galma Barkumeetti kan argaman Itti aanaan Pirezdaantii Oromiyaa gaafasii, Muummichi Ministeera Itoophiyaa har’aa Dr. Abiyyi Ahmad haasaa godhaniin yeroo duraaf onnee ummata Oromoo keessa seenuu jalqaban. Haasaa gaaafas godhan keessatti dhaamsa armaan gadii kana dabaruun yaadadha.

Oromoof hidhamuun haaraa miti. Du’uun haaraa miti. Buqqifamuun haaraa miti. Dhiibamuun, moggeeffamuun haaraa miti. Garuu jibba isarratti aggaamameef deebii jibbaa kennuun aadaa Oromoo miti. Waan hunda caalaa tokkummaa isaa jabeessuun hunda hammachuu fi ilaalcha ceesisaa qabachuudhaan irra aanna.

Dhuguma akkuma jedhame barri dabre kun bara Oromoon obsaa fi bilchinaan qabsoo isaa geggeessee injifannoo gonfate ture. Garuu injifannoon keenya hin xumuramne. Galii isaa dhaqqabuuf ammas tokkummaa fi bilchina nuuf haa dabalun jedha.

Hundumaafuu baga ittiin isin gahe! Ayyaana gaarii!