Finfinnee: Waadaa Kijibaa Karatti Hafe!

Finfinnee: #Waadaa_Kijibaa_Karatti_Hafe

#1ffaa ammaa booda wanni raawwatamu hundi ifatti raawwatama mariin taasifamu hundi #Live dhaan ummata fulduratti mar’iatama maariin miidiyaa dhoksanii balbala cufatanii mari’atan hin jiru jedha kun #Kijiba

#2ffaa hidhuun hin jiru sanuu ragaan itti xumuramee bidhama malee hiinee ragaa itti hin barbaannu jedhan kunis kijiba har’a ragaa sobaan kan mana hidhaa ciisu kan achi buuteen dhabame hedduudha kanaaf ragaa kan ta’u hidhamtoonni isaan dheengadda sababa kotonaatiif gadi dhiisan kumni kudha sadii oli kan hidhaa gadi dhiisan baruma isaanii keessa kan hidhameedha wagga lama keessatti hammana kan hidhan utuu akka wayyaanee waggaa (27) bulchanji ummata hagam akka hidhuuf jiran tilmaamuun nama hin dhibu

#3ffaa ajjeesuun moo’atamuudha kanaaf nuti nama hin ajjeefnu kunis kijiba guyyatti lubbuun ilma namaa soorata rasasaa utuu hin taane ooltee hin beektu

#4ffaa ammaan booda mootummaa ummata isaa sodaatu ijaarra kan ummataaf ergamu kan gurra ummataaf laatee ummata dhageffatu jedhan kunis kijiba guddaadha ummata doorsisaa ummata hidhaa ajjeessaa nama ummanni rakkoo qaba seeratti naaf dhiyeessi jedheen muudamaan guddisaa teessoo dabalaafii kiisha ummataa saamaa itti jiru

#5ffaa hatuun yakka kan hateeyyuu seeratti dhiyeessana jedhan kun kijiba guddaadha har’aller warri dachii oromoo alagatti gurguraataaru isaanuma mataa isaaniiti #Takele_Uma_Banti dabalatee hamma aanaaf gandaatti caasaa tokkoon wal ijaaraanii hanna irratti kan bobba’e isaanuma mataa isaaniiti kaabinee matta’aa malee mallattoo takka namaaf hin mallatteessitu dursa harka namaa ilaalti waa hiixachuu baannaan beellama fageessitee beellamti waajjirri guutuun kan guute hattuu hanna irratti wal ijaarteedha
Hattuun isaan seeratti dhiyeessina jettee lafa dhiitaa turtes qawwee qabattee #Maqaletti galtee mee natti as dhiyaadhu jettee waan waggaa digdamii torba saamatte nyaachutti jirti hattuun biraa kufnaan hattuun san caala hammayyoofte dhufte kanuma

#6ffaa ida’amnee biyya badhaadhessina jedhan kunis soba kun #Fedeaaliziimii diiganii maqaa ida’amuitiin #Itiyoophiyaa nagxanyaa san deebisuuf naannolee diiganii ol aantummaa saba tokkoof afaan tokkoo jalatti sablammoota kuffisuuf maqaa badhaadhinaa da’oo godhatanii ummata hoongetti hambisaa jiru
.
Waadaan galame kan hojii irra oole ni jira warri jettan as dhiyeeffadhaa.

~by Usmaan Waariyoo Heeban.


#Finfinnee (Inbox)

#Nuuf_Birmadhaa!

“Paarkii Industrii Boolee Lammii keessa yeroo ammaa hojjettoota 20,000 ta’antu kubbaaniyaa adda addaa keessatti qacaramee hojjechaa jira.Isaan kana keessaa 85%-90% kan ta’an qarree fi qeerroo Oromoo golee Oromiyaa addaa addaarraa kan dhufaniidha.Keessattu Godina Addaa Oromiyaa N/Finfinnee irraa kan dhufan hedduu dha. Haala eeggannoo godhamaa jiru irraa ka’ee yemmuun ilaalu hojjettootni industrii kana keessaa baa’yee saaxilomoo fi yeroo muraasa booda vaayiresii kanaan akka faalamuu danda’an shakkii hin qabu. Kun immoo akka biyyaatti keessattuu akka Oromootti gatii guddaa nu kaffalchiisuuf akka deemaa jiru hubachuun kallattii dandeessaniin qaama dhimmi ilaalu irratti dhiibbaa gochuun yoo danada’ame:-

Hojiin dhaabbatee gara mana isaanii galanii akka turan,
Haala dabareen hojjechiisuun danda’amu irratti haala mijeessuu,
Geejjibni ga’aan ramadamee galumsaa fi ba’umsarratti tajaajila akka kennan,
Waantotni of eeggannoof oolan ga’aan akka dhiyaatu gochuu fi kkf gaafachuu fi akka guutamu gochuun balaa as deemu hanqisuu iiratti akka hojjennun dhaammadha.”


#Arsii_Asallaa (Inbox)

“Namoonni kun Bara 2009 Balaa Siyaasaatiin Eega hidhamanii Manuma Hidhaa Asallaa Keessatti Dararamaa jiru. Gabaabumatti Hawaasni Oromoo marti Qabsii Xumura Diddaa gabrummaa keessa Wajji turre Ni beeku. Hannee Saamnee miti akkuma Qeerroo biroo Saba keennaaf Biyya teenna gabrummaa jalaa Baasuuf Qeerrotaa fi Hawaasa Oromoo kan biroo Cina Hiriirree Falmaa turre. Kan hammana diinota kana nutti dheekkamsiise Yeroo lammataa gara mana kanaatti deebiuu keenna. Kunimmoo adeemsa qabsoo keessatti waanuma jiru. Gaaf dura gad nu lakkisan Biyyi teenna tasgabboofte jennee ga nu lakkisan baanee kan garre sanuma. Qabsiottii dachaane Deebusanii nu qaban. Amma dararaa Cimtuu keessa jirra Sabakoo nu dhaqqabaa. Naafxanyootuma gidduu kana dhiifamni godhameef keessaayis nu hambisan.”

Tsegaye Ararssa