Finfinnee keessatti gar malee ililchuu fi lafa dhiituun nurra hin jiru!

Finfinnee keessatti  gar malee ililchuu fi lafa dhiituun nurra hin jiru!

Finfinnee keessatti maqaa gootota Oromootiin manneen barnootaa banamaniif gar malee ililchuu fi lafa dhiituun nurra hin jiru.

Wanti kun shiraaf dafamee labsames tahuu danda’a. Yoo shiraaf hin taane maqaa gootota Oromoo hundaan yaadannoo isaaniif Finfinnee keessatti wantoonni adda addaa (manneen barnootaas dabalatee) gurguddaan banamuun itti fufuu qaba. .

Haa tahu malee kun mataan isaa qofti gaaffii mirga abbaa biyyummaa Oromoon Finfinnee irratti qabu hin deebisu. Inumaa akkuma hayyoonni keenya tokko tokko jechaa jiran gaaffii Oromoo waan deebisan of fakkeessuun qabanii shira Oromoo Finfinnee keessatti alagoomsuuf itti dafamaa jiru fakkaata. Kan Oromoon gaafate keessaa tokkoo fi jarris kan fudhanne ofiin jedhan Finfinnee keessatti Afaan Oromoo Amaariffa cinaa dhaabatee afaan hojii fi barnootaa tahuu dha. Wanni amma ‘mana barnootaa Oromoo banuu’ jedhamee didichamaa jiru garuu mirga sana ukkaamsuuf waan akeekkate fakkaata. Maqaa Oromootiin manneen barnootaa Finfinnee keessatti banteef dantaa addaa Oromoon Finfinnee irraa qabu guutaan jira yoo jette ammas Oromoo gowwoomsuu itti fufaa jirta. Hawaasni yokiin kominitiin biyya biraa kamuu kan magaalattii keessa jiru mana barumsaa baasii ofiitiin banachuun waanuma jiru waan taheef.

Kana irratti ammoo manneen barnootaa banaman jedhaman kun baasii mootummaa naannoo Oromiyaatiin jedhamuun waan haalaan gaddisiisaa ti. Oromiyaan naannoo ishii keessatti manneen barnootaa Amaariffa qofa barsiisan 300 oliif bajata baaftee barsiifti. Bulchiinsi Finfinnee garuu manneen barnoota Oromoo magaalattii keessatti jaaramaniif baajata hin baasu. kun fudhatama hin qabu.
Walumaa galatti ‘tokko jedhanii lama jedhani’ akkuma jedhan tahee manneen barnootaa kun ammaaf banamuu isaanii mormuu hin qabnu. Haa tahuutii shira kana duubaan jira ifa baafnee ummataaf addeessuu fi mirgi abbaa biyyummaa Oromon Finfinnee irratti qabu qoosaa kana fakkaatuun kan deebii argatu odoo hin taane siichi karaa dheeraa kan deemsisu tahuu isaa firattis diinattis hubachiisuun dirqama taha.

Via Yaya Beshir