Finfinnee-Irreecha barana kabajamuuf qophiin taasifamaa jiraachuu Koomiishiniin Poolisii Oromiyaa beeksise.

Above Single Post

Finfinnee, Qaammee 5, 2011 (FBC) – Irreecha barana kabajamuuf qophiin taasifamaa jiraachuu Koomiishiniin Poolisii Oromiyaa beeksise.

Ummannis ayyaanicha bifa duudhaasaa eeggateen kabajuuf qophii ga’aa taasisuu qaba jedhaniiru koomiishinar janaraalli koomiishinichaa Kafyaalaw Tafarraan. Ayyaanni Irreecha Hora Finfinnee jaarraa tokkoo fi walakkaaf addaan citee ture Fulbaana 24,2012 sirna miidhagaa ta’een akka kabajamuuf qophiin taasifamaa jira.

Hirmaattonnii fi keessummoonni ayyaanichaa nagayaan ba’anii akka galan caasaan nageenyaa karaa qindaa’aa ta’een qophii ga’aa taasisaa jira jedhaniiru. Ummanni, qeerroo, qarree fi foolleen aadaa nageenya eegsisuu qabaniin caasaa nageenyaa naannoo Oromiyaa, Finfinnee fi mootummaa federaalaa waliin akka qindoominaan hojjetan qophiin taasifameera jedhan.
Ummanni Oromoo ayyaanicha bifa miidhagaa ta’een kabajuudhan, injifannoo aarsaan argame ceesisuuf fakkeenyummaasaa eegale akka itti fufu gaafataniiru.

Miidhaksaa Abbishuu

OMN: Walee Daandoo

Below Single Post