Obsaan dubbisaa irrattis mari’adhaa! Finfinnee akkamitti Oromeessina ? Teenya gochu akkamitti dandeenya?

Obsaan dubbisaa irrattis mari’adhaa! Finfinnee akkamitti Oromeessina ? Teenya gochu akkamitti dandeenya?

Dhimma Finfinnee irratti murtee dhumaa murteessun yeroon isaa amma. Finfinneen lafa seeraa fi seenaati. Mataa lafa oromooti. Handhuura Oromoo fi Oromiyaati. Dhibeen hooggansa siyaasa keenya akkuma filamuu MM Dr. Abiyyi Ahmadin goolabame,hireen mirga abbaa biyyummaa Finfinneen goolabamuu qaba.

Hanga dhimmi Finfinnee hin furamnetti rakkoon siyaasaa fi diinagdee Oromoo fi Oromiyaa hin furamu. Rakkoon siyaasa biyya kanaa Finfinnee irraa madda . Kana waan beekuf Oromoon kumaatamaan itti wareegame. Itti tumamee biyya irraa baafame. Waraabeyyiin guyyaa fi halkanii dhimma Finfinnee irratti yuusaa turan ammas yuusaa jiru. Ajandaa Finfinneetin walitti bu’iinsi fi walfixiinsi sabaa fi sablammii akka uumamu hojjataa jiru. Kanaafuu nutis gara gaaffii ummanni kaasaa tureetti fuula haa deeffannuu. hoogganaa cimaa fi sabboonaa Finfinneen amma argattee jirti.Yeroo hin qabnu waan ta’eef waan har’a hojjachuu qabnu har’uma haa hojjannuu.

Kanaafuu dhimma Finfinnee injifannoon goolabuuf maal gochuu qabna?

1) Gaaffiwwan bu’uuraa kanneen akka:- Finfinneen tan eenyuti? akkamiitti uumamte?hariiroon Oromoo fi Finfinneen waliin qaban maali ? Mirgi sabaa fi sablammii Finfinnee keessa jiraatuu akkamitti eegama ? fi kkf kan jedhu irratti duulli hubannoo uumuu wal irraa hin cinne hanga dhimmi Finfinnee deebii argatuutti ummata biyya kanaa hundaaf gama media eloctronics, social media, hayyoota, actiivistoota fi walgahii ummataa hunda irratti dhiibbaa geggeessuun ummanni biyya kanaa dhugaa jirtu akka hubatu gochuu. Sababni isaa ummatni magaalaa finfinnee jiraatus ta’ee kan naannoo biraa jiraatu waa’ee finfinnee ija shakkii fi sodaatin akka ilaalu waan godhamaa turameef.

2) Paartileen siyaasa Oromoo hundi bakka tokkotti ida’amanii akkaataa gaaffiin finfinnee deebii argachuu danda’u irratti kallattii fi yaada furmaataa kaayuu,mootummaa irrattis dhiibbaa taasisuu fi ijannoo isaanis ummataaf ibsuu qabu.

3) Rakkoo finfinnee tooftaan hiikaa deemuu feesisa.kanaafuu:-

A) Daangaa finfinnee isa durii kan bara 1983tti deebisuu.

B ) kutaawwan magaalaa finfinnee daangeffama haaraan gara naannoo oromiyaa citan irratti afaan hojii afaan oromoo gochuu, hooggansa isaa guutuu gara oromootti jijjiiruu, bulchiinsa magaalota kanneen MNO jala galchuu kkf.

C) Bulchiinsa magaalichaa haala kaartaa duriitin gara Finfinneetti daangeffame irratti immoo faaydaa addaa oromoon Finfinnee irraa argatu murteessuu fi hojii irra oolchuu.

4) Lafoota abbaa hin qabnee fi kanneen biroo adda baasuun oromoota Tuulamaa diinni irraa buqqise dursa deebisanii ijaaruu,

5) Sirna daldalaa xaxamaa Finfinnee keessatti TPLF diriirsite cicciruu, abbootii qabeenya Oromoo guutuu Oromiyaa irraa gurmeessuun hiree daldalaa fi jireenyaa magaalaa Finfinnee keessatti uumuufi

6) Carraa hojii fi carraa jireenyaa dargaggoota keenyaaf akka mijaayu taasisuu,waraqaa eenyummaa ummatni Oromoo magaalaa Finfinnee irraa akka argatu haala mijeessuu.

7) Hireen hooggansa siyaasaa fi bulchiinsaa Finfinnee keessatti akka lafa qabatu,haaluma amma eegalameen cimee akka itti fufu gochuu,Afaan Oromoo afaan hojii magaalaa akka tayu gochuu fi manneen barnootaa Afaan Oromoo baay’isuu,

8 ) Moggaasni kutaalee magaalaa maqaa ganamaatti akka deebi’u gochuu,adda babaayi fi daandiwwan gurguddoon maqaa Oromoo fi gootota Oromootin akka yaamamu taasisuu, galmi aadaa, tiyaateraa,walgahii,waajjiraaleen mootummaa fi kkf akka babal’atan gochuu,

9) Hireen lafa mana jireenyaa M/finfinnee fi magaalota naannawa finfinneetti oromoof karaa qindaayen akka uumamu gochuu,

10) Yoo danda’ame bulchiinsa magaalichaa mootummaa naannoo oromiyaa jala galchuu fi akkuma magaalaa Oromiyaa kamiiyyuu mootummaa naannoo oromiyaatin hoogganuu fi kkf.

Walumaagalatti yeroon dhimma Finfinnee irratti murteessuu qabnu amma .Haala sochii diinaa argaa jirra waan ta’eef teennee ilaaluu hin qabnu.

Dhimma kana irratti hayyoonni waan duraanii caalaa cimanii hojjachuu qabu. Rakkoon kun yoo hin hiikamin filannoon itti aanu sodaachisaadha. Ammuma irraa yoo itti hin qophaayin diinni haala amma deemaa jiru kanaan itti fufnaan gaaffii tokko malee nu moo’uu danda’a. Kun immoo kisaaraa qofa osoo hin taane salphina guddaadha.

Gama biraatin Waayee magaalota keenyaa Oromeessuu yommuu kaafnu magaalonni oromiyaa hedduun isaanii xiyyeeffannaan Finfinnee gadi hin taane kennamuufi qaba. Fkn Magaalaa Asallaa,Jimma, Dirre Dawaa, Harar, Goobbaa fi kkf irratti hojii guddatu nurraa eegama. Magaalota kanneeni fi kan kana fakkaatan irratti diinni shira guddaa xaxaa jira. Mandhee siyaasa isaanii godhachaa jiru. Filannoo itti aanuuf of ijaaraa jiru.

Kanaafuu injifannoo dhiigan arganne misooman haa gabbisnu.

Akkumma Muummen keenya Dr Abiyyi Injifannoo kana Dhiigan arganne Dhiigan eggana jedhani hooji irra olchudha qabna.

Oromoo fi Oromiyaa badhaate arguuf nu hundi wal cinaa haa dhaabbannu.

Hardhaaf Dhimma kana irratti kanumaan Buufadha, duranaaf Baldhinaan kana caala jedhuuf jiraanna taha, waan irraa hafe jettani itti dabala.

Bakka Dogongoras Yaadan nu Qajeelcha.

Horaa Bulaa Deebana !!!

via: Girma Gutema 

1 Comment

  1. Faashistummaa ykn biyya kolonummaan qabamte irraa kan hafe, Biyya seeraan bulu keessatti qabeenyi dhuunfaa abbaa tokkoo irraa fuudhame nama ka biraaf hin kennamu. Itti dabalees, akkuma heera TPLF/EPRDF keewwatetti illee lafti kan ummata fi kan mootummaa yoo tahu, hin bitamu, hin gurguramu. Kanaaf,
    ummatni Oromoo waggoota 27 qeyee isaanii irraa buqqifaman seeraan alaa wanna taheef, hunda dura (bakkoota dantaa hawaasaaf oolan kanneen akka mana barumsaa, klinika, kkf irratti ijaaraman irraa hafan) haal duree tokko malee araddaa isaaniitti deebi’uu qabu! Warreen viilla fi fooqii irratti ijaarratan kiraa kafaluufii qabu. Warra itti gurgurate irraa qarshii isaanii haa gafatatan.

Comments are closed.