Filannoo Itoophiyaa 2021: ABOn yeroo lammaffaaf siyaasa Itoophiyaa keessaa ‘dhiibamaa’ jiraa?

Filannoo Itoophiyaa 2021: ABOn yeroo lammaffaaf siyaasa Itoophiyaa keessaa ‘dhiibamaa’ jiraa?

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) Ministirri Muummee Abiy Ahimad bara 2018tti gara aangootti dhufuu hordofuun gara biyyaatti deebi’uun karaa nagaatiin siyaasa keessatti hirmaachaa akka jiru hima.

(bbc)—Bara 1973 hundaa’uun qabsoo hidhannoo akka eegale kan himamu ABO’n, qabsoo hidhannoo mootummaa Dargii fonqolchuuf taasifame keessaa qooda qabaachuu qondaalonni dhaabichaa ni dubbatu.

Kufaatii Dargiin booda paartilee siyaasaa kaan waliin ta’uun mootummaa ce’umsaa hundaa’e keessatti qooda fudhachaa kan ture dhaabichi, shira siyaasaa TPLF irratti raawwateen mootummaa cehumsaa keessaa akka bahu dirqamuun gara qabsoo hidhannootti deebi’uu himu hogganoonni dhaabichaa.

Barkurnee lamaa ol booda jijjiirama siyaasaa Itoophiyaa keessatti dhufe hordofee MM Abiy Ahimad gara aangootti dhufuun booda gara biyyaatti deebi’e.

Haa ta’u malee gara biyyaa deebi’ee osuma baay’ee hin turiin dhaabichi mootummaa waliin atakaaroo siyaasaa keessa seene.

Hayyu dureen ABO Obboo Daawuud Ibsaa, dhiibbaan amma mootummaan dhaabicharraan gahaa jiru kan bara Chaartaraa sana waliin wal fakkaata jechuun BBC’tti himan.

ABO attamiin biyyaa bahee, attamiin deebi’ee?

”Bara 1992 yeroo Chaartariitti sana sochii ABO’n Oromiyaa fi siyaasa biyyichaa keessatti gochaa ture ilaaluun TPLF ol aantummaa humna waraanaa fi siyaasaa harka isaa galfachuun tarkaanfii gurguddaa nurratti fudhate” jedhu Obbo Daawud.

Hoggansa hidhuu fi doorsisuu, humna waraanaa dhaabichaa haleeluu, xumura irratti ammoo waajjira muummee dhaabbichaa saamsuun hanga dhaabichi biyyaa bahutti qaqqabsiisuu dubbatan.

Itti aansee ammoo hanga ADWUI aangoorra turetti dhaabbicha tarree shororkeessitootaa keessa akka galu taasifame jedhu.

ABO’n erga Ministirri Muummee Abiy Ahimea bara 2018 gara aangootti dhufaniin as dhaabota siyaasaa biyya ambaa irraa gara biyyaatti galuun karaa nagaa sochii siyaasaa akka taasisan afeeraman keessaa isa tokko.

Pireezidantiin duraanii naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa fi Ministira Haajaa Alaa duraanii Dr Warqinee Gabayyoo Hagayya 6 bara 2018 Eertiraa magaalaa Asmaraatti imaluun Duree ABO Obbo Daawud Ibsaa fi jilaa isaanii waliin mari’atan.

Imala isaaniin guyyoota lamaan dursee ammoo paarlaamaan Itoophiyaa ABO fi dhaabbilee kaan galmee shorokeessummaa irraa haqe.

Haaluma waliigaltee mootummaa waliin taasifameenis ABO’n waraana isaa Eertiraa ture 1,300 tahu mootummaa Itoophiyaatti kennuun, hoggansi dhaabbichaas waggoota 25 booda gara biyyaatti gale.

Haa ta’u malee osoo oolee hin bubbuliin ABO fi Mootummaan Itoophiyaa quba walitti qabuu jalqaban.

Ammatti hoggansii fi miseensoonni dhaaba kanaa hedduun hidhamuun filannoof qophaa’uuf rakkoo akka itti tahe himu Obbo Daawuud.

WORKINEH GEBEYEHU Ibsa waa’ee suuraa, Dr Warqinee Gabayyoo, Obbo Daawud Ibsaa fi Obbo Lammaa Magarsaa Asmaraatti, Hagayya 8 bara 2020

‘Filannoo irraa nu dhiibaa jiru’

Itoophiyaan filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa bara darbe gaggeeffamuuf ture sababa Covid-19n dabarsite Caamsaa dhufu gaggeessuuf akka jirtu boordiin filannoo biyyaalessaa beeksisun isaa ni yaadatama.

Erga 1992 as ABO’n filannoorratti hirmaachuuf qophii yoo taasisu kun kan jalqabaati.

Haa tahu malee miseensonnii fi hoggansi hedduun jalaa hidhamuun walqabatee hirmaannaa filannoo kanaa ilaachisee yaaddoo akka qaban Obbo Daawud ni dubbatu.

”Akkuma biyyatti gallee kaasee akka hin galmoofne danqaa guddaatu ture. Iyyata galfannee waggaa tokko boodatti waraqaa ragaa arganne.”

“Sochii siyaasa nagaa gochuu hin dandeenye. Hidhaa hoggantootaa fi miseensotaa akkasumas waajjirri cufamuun itti fufe. Kanuma keessa taa’uun kora gaggeeffannee ulaagaa barbaachisu guunnee kan galmoofne.”

Obbo Daawud hogganoonni dhaabbichaa ol aanoo fi kan godinaalee 178 ta’an hidhamu BBCtti himan.

Waajjirri isaanii muummee kan Gullalleetti argamu erga Waxabajji 25, 2020 kaasee poolisiin cufamee eegamaa jiraachuu himan.

Haaluma gabaasa of harkaa qabaniin godinaalee hanga aanaaleetti wajjiraaleen dhaabichaa 103 cufamusaanii himu Obbo Daawud.

”Filannoo bara kanaarratti hirmaachuuf waan lama guutamuu qabu. Tokko waajjirri keenya cufame hunduu banamuu qaba. Lammaaffan hoggantoonni, deeggartoonnii fi miseensonni keenya gita hojii adda addaa irra turan hiikamuu qabu,” jedhan.

Gaaffii yoo ulaagaalee kunneen guutamuu baatan filannicharraa hafuu dandeessuu? jechuun dhiyaateefis, Obbo Daawud ”Yoo didan miseensotaa fi uummata mariisisuun yeroo sana murteessina” jedhan.

Mootummaan maal jedha?

ABO’n xalayaa dhiheenya boordii filannoo biyyaalessaaf barreesseen humnoota nageenyaa mootummaatiin dhiibbaan irra gahaa jiraachuu fi waajjirri isaa bakka adda addaa jiru cufamuu ibsee ture.

Wayita yeroo filannoon itti gaggeeffamuu dhiyaachaa dhufe kanattis dhaabichi hojii isaa idilee hojjechuu akka hin dandeenye dabaluun xalayicha keessatti ibse.

Obbo Daawud rakkoo kallattii hedduun dhaaba isaaniirra gahaa jiruu hunda Boordii Filannoo Biyyaalessaatti beeksisaa turanilleen deebii gahaa akka hin arganne himu.

Komii dhaabbichi kaasu kanarratti yaada boordichaa argachuuf irra deddeebiin bilbillus milkaa’u hindandeenye.

Haa ta’u malee gorsituun komunikeeshinii Boordii Filannoo Itoophiyaa Soliyaanaa Shimallis dhimma wal fakkaataa irratti gaafatamanii ‘komiiwwan tokko tokko paartileen dhiyeessan gahee boordichaa wallaaluu irraa madda’ jechuun hogganoota hidhaman hiksisuu fi waajjiraalee cufaman bansiisuun gahee boordichaa akka hin taane amma dura BBC’tti dubbatanii turan.

Obbo Daawud deebii gaaffii isaanitiif boordichaan kennameef akkasin BBC’tti himan.

”Deebiidha jedhanii xalayaa poolisiitti barreessanii fi kan poolisiin isaaniif deebise barreesseef nuuf ergaa turan. Poolisiinis waajjira gaafatamnee cufne jechuun deebiseef,” jedhan.

Akkasumas komii waajjiraalee cufamuu paartilee mormituu Oromiyaa keessaa ilaalchisee, BBC’n hogganaa Qunnamtii Uummataa fi Idil-addunyaa Paartii Badhaadhinaa Dr Biqilaa Hurrisaa gaafateera.

Dr Biqilaan Itoophiyaa keessatti ajjeechaa hoggantootaa gurguddoo dabalatee yakkoonni hedduun raawwachuu yaadachiisanii, manni murtis namoota yakkoota garaagaraan shakke qulqulleeffachuuf hidhaa turuu himan. Itti dabaluunis kun siyaasaaf jecha miti jedhan.

Haa ta’u malee yeroon qoratanii murtoo kennuurratti sirni haqaa biyyattii ”qulqulluudha jechuun ulfaata, duubatti hafaadhas” jedhan.

Walaba tahanii akka hojjetanii fi namoota gadhiifamuu qaban yeroon akka gadhiifaman, kanneen murtoo argachuu qaban qoratamuun murtoo haqaa akka argatan gochuurratti cimsuu barbaachisa jedhan.

Hidhaan paartileen mormituu kaasanis adeemsuma kanaan wal qabachuu himan.

Ta’us ammoo bakki itti ”siyaasa wal aarsuu” adeemsifamuun hoggansi gara gadii, obsaan wal bira darbuu dadhabuun waajjiraalee cufuun namootas itti hidhan jiraachuu akka danda’u hin dhoksine. Kun bakka mudatetti hiikamuu qabas jedhan Dr Biqilaan.

Paartiin Badhaadhinaa tibbana bakka boordiin filannoo biyaalessaa fi paartileen morkattootaa argamaniitti marii gaggeessuu kan himan Dr Biqilaan, manni maree waliinii tokko hundaa’aa jiraachu dubbatan.

Manni maree waliinii kunis paartilee mormitootaa kan hirmaachisee fi waajjiraalee cufamanii fi rakkoolee gara gadiitti mudatan irratti dubbachuun ni hiikas jedhan.

Waamicha mootummaa cehumsaa ABO fi filannoo

Dhaabni ABO tibba darbe mootummaa Ce’umsaa Oromiyaa labsuun, itti aansuunis ibsa kennaa ture.

Gama tokkoon mootummaa ce’umsaa labsaa gama biraan ammoo filannoo irratti hirmaachuun wal hin faallessuu? jechuun BBCn Obbo Daawudiin gaafatee ture.

”Biyyattii keessatti lolli bakka hedduu jira. Komandi postiinis akkasuma. Kanaafu rakkoo dhufu hambisuuf yaada motummaa ce’umsaa dhiyeessine.”

“Biyyi karaa hedduu nagaa dhabaa jirti. Rakkoon Tigraay, Oromiyaa, Benishaangul, Koonsoo fi kaanis waan jiruuf, rakkoo kana fura jenneeti labsine,” jedhan.

”Amma koreen ijaaramee uummanni akka murteeffatu goonee jirra. Kanaaf filannoo waliin wal utuba malee wal hin faallessu,” jedhan Obbo Daawud.

Simannaa ABO Dirree masqalaatti, Fulbaana17 bara 201

Tarii carraan bara Chaartarii sun ammas mudachuu malaa?

Dureen dhaaba kanaa akka jedhaniitti erga gara biyyaatti deebi’anii waggoota lamaan darbaniif akkuma bara Chaartarii sana dhiibamaa jiraachu himu.

Kanaafii gaaffii dhaabichi tarii akkuma bara Chaartarii sana filannoo baranaa keessaa bahuu danda’aa? jechuun gaafatamaniif, Obbo Daawud akkas jedhan:

”Bara Chaartarii ABO’n Oromiyaa keessatti deeggaraa hin qabu jedhanii chartara seensisan. Yeroo gabaabaatti filannoon yaalii gaggeeffamee % 94n mo’ate. Finfinnee keessatti barcuma 12 ol argate. Kun isaan rifachiise.”

Booda ”waajjira cufuu, deeggartootatti dhukaasuu, hidhuu, bakka waraanni jirutti haleeluun shororkaa uumaa turan. Waraanni kaampii akka galu waliigalame. Mootummaan Eertiraa fi ambsaadarri Ameerikaa bakka jiraniitti, tole jennee mooraatti deebisnaan ammoo didanii lola banan,” jedhan Obbo Daawud.

Kanumaan warri as jirtan biyyaa bahaa, kaan silaa lola seenani jechuun humnaan dhiibamnee biyyaa baane jedhan.

”Ammas waggoota lamaan darbe kanumatu nurratti yaalame” jechuun haala amma dhaabni isaanii keessa jiru BBCtti himan.